Hoggantootni godinaalee Oromiyaa omisha garbuu nyaataafi biiraa Jiddaa daaw’atan

Hoggantootni godinaalee Oromiyaa omisha garbuu nyaataafi biiraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Jiddaatti lafa hektaara kuma lamaafi 800rratti misoome daaw’atan.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu keessummoota sirna daaww’annichaarratti argamaniif akka ibsanitti, omishaa qonnaa baranaa karooraan qabame milkeessuuf hojiileen bal’aa hojjetamaa turaniiru.

Kanaanis fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun kan danda’ame yoo ta’u, wayita ammaa ammoo godinaalee Oromiyaa saddeet keessatti misooma jallisiitiin garbuun nyaataafi biraa omishamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kunimmoo hoggansi mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiran hiyyummaa seenaa taasisuuf kutannoo olaanaatiin hojjechaa jiraachuusaanii kan mul’isuudha jedhan.

Omisha qonnaa kilaastara jallisiitiin misoomsuun waggoota darban keessa kan eegale ta’uu kan ibsan Obbo Geetuun, kan baranaa garuu qindoomina hoggansaa, qonnaan bultootaafi dhaabbilee deggartoota misoomaatiin hojjetamaa waan jiruuf bu’aansaa caalaatti gammachiisaa ta’ee argamuusaas himaniiru.

Omisha midhaanota addaddaa kilaastara jallisiitiin misoomsuun keessumaa fayyadamummaa qonnaan bultoota mirkaneessaa waan jiruuf godinaalee Oromiyaa hunda keessatti babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Ogeessotni qonnaa martis kallattii hojii Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa kennu sirnaan hojiirra oolchuutiin caalaatti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Indaashaawu Birhaanuu gamasaaniin akka jedhanitti, Jiddi biyya gootota Oromoo kanneen akka Haayilamaariyaam Gammadaa, Wasanuu Diidoofi kkf waan taateef seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa qabdi.

Seenaa goototni Oromoo kunneen qabsoo siyaasaa keessatti gaggeessaa turan jijjiiramoota siyaasdinagdee galmaa’aa jiraniif ka’umsa ta’uusaa himanii, har’a ammoo Jiddi hiyyummaa injifachuuf misooma qonnaa finiinsaa akka jirtu ibsaniiru. Omishni garbuu nyaataafi biiraa gandoota saddeet keessatti lafa hektaara 2800rratti misoomes guddina dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

8 Comments to “Hoggantootni godinaalee Oromiyaa omisha garbuu nyaataafi biiraa Jiddaa daaw’atan”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: Sevink Molen
  3. Pingback: ไก่ตัน

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *