“Filannoo gaggeessuu yaaluun ABUT ilaalcha kalaabsummaati” -Doktar Aragaawwii Barihee

Wayita addunyaan lubbuu lammiilee koronaarraa baraaruuf watwaachaa jirutti fiigicha ABUT filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru ilaalcha kalaabsummaa ta’uu Paartii Dimokraatawaa Ummata Tigraay ibse.

Dura taa’aan paarttichaa Doktr Aragaawwii Barihee yaada ABUT calaqqisiisaa jiurratti ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, kufaatiin qondaaltota addichaa Tigraay riphanii fagoo miti.

Humnoonni kunniin ilaalcha kalaabsummaatiin waan haguugamaniif rakkoon fayyaa ummatarra golboobe isaanitti mul’ataa akka hinjirres himanii, fiigichi dheebuu aangootiif taasifamu umriisaanii akka gabaabsu kaasaniiru.

Yeroo addunyaan koronaarratti qorqalbiin duulaa jiru kanatti ABUT filannoon gaggeessa jedhee dhidhiittachuun kufaatiinsaa dhiyaachuu agarsiisa kan jedhan durataa’ichi, wixxirfannaan geggeessitoota addichaa hokkora uumuun deebi’anii aangoo qabachuuf ta’uu ibsaniiru. Ummanni Tigraay garuu shiraafi ulee addichaatiif kan hinjilbeeffanne ta’uu dubbataniiru.

Ummanni Tigraay saba cunqurfamaa ammallee harqoota gabrummaa sirna ukkaamsaa ABUT jalatti hiraarfamaa jiru ta’uus beeksisaniiru.

Filannoo barana gaggeeffamuuf ture dabarfamuun fayyaa uumataatiif yaadamee ta’uu paartiinsaanii akka amanu kan himan Doktar Aragaawwiin, ololli mootummaan aangoosaa dheerafachuuf filannoo dabarse jedhu kijiba jedhu.

Qondaaltonni ABUT yeroon ittigalgaloofte kunniin gocha ukkaamsaa raawwataa turan lammata lammiileerratti fe’uuf humna qabaniin hiixachuunsaanii eessayyuu gahuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Kana malees gocha maal nadhibdeen rakkoo lammiilee gatanii aangoo qabachuuf sochiin taasifamu olaantummaa seeraatiif bitamuu dhabuudhas jedhan.

Yaaliin kun dafee akka dhaabatuuf Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa mirga heeraan kennameefitti fayyadamuun jarreen kanneen ittigaafatamummaa seeraa jala galchuu qaba jedhu.

Sochiin sadarkaa naannootti filannoo gaggeessa jedhamu uuf ABUT lafa dhiitaa jiru kun adeemsa faallaa heeraa waan ta’eef addichi olaantummaa seeraaf abboomamuu akka qabu ibsaniiru. Addi lammiilee lafarraa fixaa ture kun har’as maqaa filannootiin ummata koronaadhaan ficcisiisuurraa of qusachuu akka qabus hubachiisaniiru. Mootummaan biyya bulchaa jiru adeemsa seermaleeyyii callisee ilaaluu hinqabus jedhan.

Qondaaltonni ukkaamsaa ABUT Maqalee riphanii jiran ABUTfi ummanni Tigraay tokko jedhanis paartichiifi ummanni yoomiyyuu tokkummaa qabaatee akka hinbeekne eeraniiru.

Ololli akkanaa ummata dahoo godhachuun faayidaa mataasaanii eegsifachuuf shira harcaatota ABUTn xaxamaa jiru ta’uullee Doktar Aragaawwiin beeksisaniiru. Ummanni Tigraayis kana hubatee akkuma saboota Itoophiyaa kamuu mirgasaa kabachiifachuuf kutannoon socho’uu qaba jedhaniiru.

Darbuu filannootiin walqabatee hojiin heera hiikuu hojjetamaa jiru karaa komii hinkaasneen hojiirra ooluu qaba jedhanii, mootummaan kanarrati xiyyeeffannoo akka kennu hubachiisaniiru.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

5 Comments to ““Filannoo gaggeessuu yaaluun ABUT ilaalcha kalaabsummaati” -Doktar Aragaawwii Barihee”

  1. Pingback: Read More Here
  2. Pingback: fortnite hacks
  3. Pingback: Henry Firearms
  4. Pingback: BACU2025

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *