Yeroo addunyaan qormaata yeroo jalqabaatiif jaarraa tokko keessatti ishee qunnameen qoramaa jirtu kanatti, wayitii olaantummaan sadarkaa guddinaa dinagdee lubbuu namaa baraaruu dadhabetti, yeroo qabaataafi dhabaan yoom dhibee kanaan qabamaafi lubbuunis dhabamaaf osoo hinqabamin yaadaan of laaffisaa jiru kanatti waa’ee biroo dubbachuun hintolus, hinmalus.
Fedhiin dhala namaa waan argate galateeffatee bira darbuu caalaa isa dhabe sanaaf wixxifachuun irra jireessatti kan ibsamu ta’us, yeroo tokko tokko dhimma yeroo sana keessa jiramuun alatti ajandaan biroo qalbii nama qabachuus ta’ee miira hawaasaa to’achuuf hedduu itti cima.
Addunyaan qormaata yeroo ammaa ishee qunnamerraa ka’uudhaan dhimmoota biroo hanga irraanfachuu irra ga’aa kan jirtuufis kanuma.
Osoo ajandaan meeqaatamni jiruu akka itti dubbatan, innuufi haala itti dubbatamu wallaalee kan osoo dubbiin onneesaa keessaa qillisu sababa wareera kanaafiin afaan qabates manni haallakaa’u.
Yeroo tokko tokko wanti dubbatan jiraatee qofaaf osoo hintaane, haalli mijataan dubbii sanaaf nama gargaaru jiraachuu mirkaneeffachuun dirqama akka ta’e namootni hedduu hinhubatan ykn immoo hubachuu hinfedhan ta’a.
Dhimmicha dhimma dubbatamuu qabu ta’us, haala mijataafi yeroo hinmalletti taanaan garuu qaamni ajandaa sana hafarsu yoo jiraates kan jalaa fuudhu dhabamuu danda’a.
Biyya kanatti garuu dhimma maal yeroo akkamii keessatti dubbachuun akka danda’amus ykn hinbaramnee ykn immoo maaltu nadhibeetu jira fakkaata.
Amma yeroo wareerri addunyaa hirriba dhorkaa jiru kun biyya keenyatti tamsa’aa jirutti, yeroo lubbuu namaas dabarsuu eegale kanatti waa’ee lubbuu hawaasaa baraaruu dhiisaniii siyaasarratti walnyaatuun maal jedhamaa?
Biyya filannoo bilisaa, haqa qabeessaafi dimokraatawaa gaggeessitee hinbeekne keessatti, dhimmi filannoo dhimma fayyaa hawaasaatiin walitti laaqamee hafarfamuun bu’aa siyaasa yerootiif qabu caalaa miidhaa inni ummatttoota biyyattiirratti fidutu caala.
Filannoon kan jiraatu yoo ummanni jiraate ta’uu paartiilee siyaasaafi hooggantoota siyaasaa jalaa akkamitti dhokate? Dhibeen kun matumasaanii qabuu hindanda’umoo?
Siyaasa keessatti “ittigaafatamummaa” wanti jedhamu iddoo guddaa akka qabu hoo ni dagatanii laata?
Paartiin biyya bulchus ta’ee warreen bor biyya bulchuuf falmii taasisan miira ittigaafatamummaa yoo hinqabaanne, daangaa aangoosaanii malee mararfannaa ummataa hinqaban jechuudha.
Yeroon keessa jirru immoo yeroo aangoo mootummaa fudhachuu caalaa ittigaafatamummaa olaanaa fudhatanii hawaasa biyyattii baraaruuf hojjatan ta’uu paartiin morkattootaa baruu qabu.
Wayitiin keessa jirru kan carraa wareera dhibee kanaatti fayyadamanii aangoo dheereffachuuf yaadan osoo hintaane, yeroo garaa bal’atanii lubbuu ummataa baraaran ta’uu immoo paartiin biyya bulchaa jirus hubachuu qaba.
Koronaan dhibee hawaasa bal’aa yaaddoo keessa galche irree tokkoon dura dhaabachuu malee, kan biyya bulchu sababa kanaan aangoo dheereffachuunis ta’ee morkattoonnis carraa kanaan aangoo qabachuuf yaaluun ummata dura of dursuu ta’a.
Amma wanti miidiyaalee gara garaarratti dhimma filannootiin walqabatee hafarfamaa jiru yemmuu ilaallu garuu hunduu faayidaa siyaasa ofii bira darbee lubbuu hawaasaa baraaruurraa laaffataa akka jiru namatti akeeka.
Yeroo jalqaba wareerri dhibee kana biyya keenyatti mul’achuu jalqabe sana, paartii biyya bulchuufi morkataa adda baasuun hanga nama rakkisutti hunduu afaan tokkoon dhibee koronaarratti dhakaa walfakkaatu darbachaa turan.
Har’a hoo dhibeen koronaa hoo hinbannee, akkamitti diina keessan kan woloo kan ta’e koronaa dagatannii dhagaa walirratti darbachuu eegaltan?
Namtichi koronaa jedhan kun hoo ati biyya bulchita jedhee sin sodaatu, atis immoo sichi aangoodhaaf carraaqxa jedhee hintuffatu.
Walumaagalatti, isinii ilaalchawwan gara garaa qabaachuu akka yakkaatti ilaaltanii walyakkaa jirtan koronaan dhufee bakka takkatti ulee takkaan akka isin dhabamsiisu hubadhaa gocha kanarraas of qusadhaa.
Koronaan haa darbu malee siyaasa itti deebitu waan ta’eef ammaas siyaasa keessan bulfattanii ummata bor na filata jettanii abdattan sana baraaruurratti xiyyeeffachuun aantummaa ummataaf qabdan agarsiisuu qabdu.
Biyya keessattis ta’e addunyarratti kan dursa argachuu qabu
Bayyanaa Ibraahimiin
5 Comments to “Dorgommii siyaasa koronaa; aangoo dheereffachuufi qaxxaamuraan qabachuu”