Dorgommii dhandhama buna Itoophiyaatti barana yeroo jalqabaatiif adeemsifameen bunni biyyattii sadii qabxii 90 ol fiduun adda baafaman Waxabajjii 18 bara 2012 caalbaasii sa’aatii 24f turuuf kan dhiyaatan ta’uu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa beeksise.
Daarektarri abbaa taayitichaa Doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, dorgommii kanaaf samuudni omishawwan bunaa biyyattii kuma tokkoofi 459 fudhataman keessaa marsaa duraatiin bunootni 150 adda ba’famaniiru.
Bunoota 150 adda baafaman keessaa 40 sadarkaa biyyaalessaatti adda baafamaniiru. Omshawwan bunaa adda baafaman 40 keessaa 28 ammoo buna daran gaarii jedhamuun qabxii %80 ol fidhuudhaan filatamaniiru. Buna 40 adda bahan keessaa sadii qabxii 90 ol fiduudhaan bunoota addaa jedhamuun beekamtii olaanaa kan argatan ta’uu himaniiru.
Bunni dhandhamaafi qulqullina olaanaa qabaachuun adda bahan sadan ogeessota dhandhamtoota bunaa biyya keessaafi alaatiin kan adda bahan yoo ta’an, Waxabajjii 18 bara 2012 caalbaasii sa’aatii 24f ‘online’n gurgurtaaf kan dhiyaatan ta’u. Caalbaasii kanarratti hirmaachuufis biyyootni addunyaa 134 galmaa’aniiru. Dorgommiin kun waggoota 20 darbaniif biyyoota addunyaa buna omishan 11 keessatti kan adeesifame ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
7 Comments to “Bunni Itoophiyaa addatti filatame Waxabajjii 18 caalbaasiif dhiyaata”