“Babal’achuun wiirtuuwwan qorannoo weerara dhibee koronaa to’achuuf murteessaadha” -Doktar Namoo Amboo

Weerarri dhibee koronaa biyyoota addunyaa hedduu kan waliin ga’e ta’us haalli tamsa’inasaa iddoorraa iddootti garaagarummaa kan qabuudha.

Iddoo tokko tokkotti  yeroo gabaabaa keessatti namoota hedduu irratti kan mul’atu yemmuu ta’u, biyyoota hafan keessatti immoo tamsa’innisaa harkifataa ta’ee mul’ata.

Namoota baay’erratti argamuun dhibichaa biyyi sun weerara hamaa keessa jiraachuu qofa kan mul’isuu osoo hintaane, biyyattiin nama baay’ee qorachaa jiraachuu kan akeeku ta’uu ogeeyyoonni ni ibsu.

Guyyaatti namoota hedduu qorachuun yeroodhaaf baay’ina namoota dhibee kanaan qabamee adda baasuuf kan gargaaru ta’uu kan himan daarikterri olaanaan Hospitaala Asallaa Doktar Namoo Amboo, haalli kun immoo namoota biroo baraaruuf hedduu murteessaadha.

Wayita weerarri dhibichaa biyyattii keessatti mul’achaa turetti wiirtuun qorannoo magaalaa Finfinnee qofa ta’uusaatti   rakkoon waliin ga’iinsa qorannoo baay’inaan mudachaa tureeraa jedhan. Wayita ammaa kana garuu wiirtuuwwan qorannoo iddoo hedduutti babal’achaa jiraachuun sochii to’annoo dhibichaatiif murteessaa ta’uus ni ibsu.

Akka ibsa Doktar Namootti, sababuma tanaan dura guyyaatti namoota hanga 800 qofaaf  qorannoon taasifamaa kan ture yemmuu ta’u, ammaan tana babal’achuu wiirtuuwwan qorannootiin walqabatee guyyaatti hanga namoota kuma lamaa qorachuun danda’ameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas yeroo hunda  biyyootni baay’ina qorannoo irratti cimanii akka hojjetaniif guyyaa guyyaatti akeekkachiisa kan kennuufis sababuma kanarraa ka’eeti.

Keessattuu iddoowwan dhibichaaf saaxilamoo ta’an (konkolaachiftoota daandii dheeraa,  hojjettoota  buufataalee konkolaataafi kutaalee hawaasaa dhibee kanaaf saaxilamoo ta’anitti warroota shakkaman qofa osoo hintaane, qorannoo jumlaa gaggeessuun barbaachisaadha. Muuxannoon biyyoota akka Singaapooris kanuma agarsiisa.

Naannolee daangaa irrattis xiyyeeffannoon jiru cimuu kan qabu ta’uu kan kaasan Doktar Namoon, keessattuu daangaa gara bahaafi naannoo Mooyyalee  xiyyeeffannoo cimaa kan barbaadu ta’uu himu.

Iddoowwan vaayirasichi itti hammaatanitti (‘hotspot’) to’annoo  cimsuun immoo tamsa’ina dhibichaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa kan taphatan ta’uus ni dubbatu.

Dhibeen kun hanga ammaatti sadarkaa weerara dhibee hawaasaa (community transmission) irra waan hingeenyeef,  hubannoon bal’inaan uumame sun hawaasa bal’aadhaan hojitti hiikamuu akka qabu dhaamaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

3 Comments to ““Babal’achuun wiirtuuwwan qorannoo weerara dhibee koronaa to’achuuf murteessaadha” -Doktar Namoo Amboo”

  1. Pingback: Morpheus8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *