Finfinnee: Vaayirasii koronaa(COVID-19) saffisa olaanaatiin tamsa’uun lubbuu lammiilee addunyaa gaaga’aa jiru ittisuuf tooftaalee saayinsawaa ta’an keessaa tokko qaamaan walirraa fagaachuun(physical distancing) ta’uusaa erga beeksifamee kaasee hanga tokko hojiirra oolfamaa jira. Hubannoon kutaaleen hawaasaa Itoophiyaa qaban garuu ammallee xiyyeeffannoo barbaada.
Yunivarsiitii Ambootti Obbo Mo’aa Alamayyoo ittigaafatamaa dippaartimantii soshooloojiiti. Tooftaalee ittisa vaayirasii koronaarratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qaamaan walirraa fagaachuun hiika sektara fayyaatiin kan kenname yoo ta’u, hiika saayinsii soshooloojii keessa jiru waliin garuu kan walfaallessu fakkaata. Kunis hariiroo hawaasummaa ykn walitti dhufeenya namootaa kan addaan kutu fakkaatuyyuu garuu ammoo miti jedhan.
Qoqqobbii hawaasummaa wayita jedhamu namni/gareen tokko hariiroo hawaasummaa keessatti qabaachaa ture sababaan dhaabuu yoo ta’u, qaamaan walirraa fagaachuun garuu harka walqabachuu, walitti siquu, waldhungachuu, walhooqsuu, garmalee walitti dhiyaatanii deemuufi walitti qabamoota addaddaarraa ofqusachuu jechuu ta’uusaas ibsan. Kunimmoo adeemsa waliin jireenyaa keessatti walgargaaruufi waldeggaruurraa ofqabuu jechuu mitii jedhan.
Vaayirasii koronaa ittisuufi to’achuuf jecha tooftaan kuniifi kanneen biroon akka hojiirra oolfamaniif yaa beeksifaman malee malli jireenya ummattoota Itoophiyaa ulfaataa ta’uusaa eeraniiru. Kunis hawaasichi aadaa waliin jireenyaa duraan qabu waliin walitti hidhuutiin akkawaan walitti dhufeenya namootaa diiguutti fudhachuusaati jedhan.
Wayita ammaa saffisni vaayirasichi addunyaarratti tatamsa’uutiin gaaga’ama lubbuu dhaqqabsiisaa jiru garuu daran yaaddessaa waan ta’eef, tooftaalee ittiin ofoolchanii nama biraas faalama vaayirasicharraa oolchan hojiirra oolchuun murteessaa ta’uusaa yaadachiisan. Waliin jireenya hawaasummaa keessatti akkuma asiin duraa walitti siiquuniifi walhammatanii taa’uurra walirraa fagaachuun akka lammii tokkootti ittigaafatamummaa ofii bahachuu akka ta’es ibsaniiru. Tooftaa kanaan ofeeggatanii nama biraaf eeggannoo goonaan ammoo salphumatti vaayirasicha dursanii ittisuun kan danda’amu ta’uusaati.
Tooftaa ittiin dhukkuboota daddarban ofirraa ittisantu hojiirra oole malee waliin jireenyi hawaasummaa akkuma duriitti kan ittifufudha kan jedhan Mistar Mo’aan, hundarra waliif yaaduun dirqama namummaa ta’uusaa beekamuu qaba. Haala
guutuu ta’een hojiirra oolchuuf lammiileen marti dhimmamuu qabu jedhanii, mootummaanis ittifufiinsaan hubannoo hawaasaa gabbisuun isarraa eegama. Abbootiin qabeenyaas tumsa gochuu qabu jedhan.
Jeneraalli waliigalaa wal’aansa baqaqsanii hodhuu Ameerikaa(“USA’) duraanii Doktar Viiveek Hallegere Murzii kitaabasaanii, “Wajjummaa” jedhu waggaa lamaan dura maxxansiisan keessatti qaamaan walirraa fagaachuun waliin jireenya hawaasummaa keessatti si’a tokko tokko akka qorichaatti kan tajaajilu ta’uusaa ibsameera. Yeroosan garuu tatamsa’inni vaayirasii koronaa tooftaa kanaan kan ittifamuufi to’atamu ta’uusaa hintilmaamne ture.
Wayita ammaa garuu tamsa’ina vaayirasichaa dursanii ittisuuf gorsiifi hubachiifni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, “Walitti qabama namootaarraa fagaadhaa, mana keessan keessa turaa, qaamaan walirraa faffagaadhaa, walitti siiqxanii hindeeminaafi waltuttuqqaarraa ofqusadhaa” kan jedhudha.
Akka yaada Doktar Murziitti walitti qabamni namootaa hariiroo ykn qunnamtii dhalli namaa uumama waliin qabu addaan kutuu kan danda’uudha. Silamayyuu jaarraa 21fa kana keessa qunnamtiifi fedhiin namootni fuulaafi fuulatti taasisan laafaa kan dhufe yoo ta’u, kanarra miidiyaalee elektirooniksiitiin waliin dubbii uumuun caalaatti filatamaa dhufuusaa addeessanii turan.
Adeemsa waliin jireenyaa keessattis qaamaan walirraa fagaachuun faayidaa olaanaa qabaachuusaa kan ibsame yoo ta’u, keessumaa maraammartoo sammuu dhibbeentaa 50n, dhukkuba sombaa dhibbeentaa 29niifi dhiibbaa dhahannaa onnee dhibbeentaa 32n kan hir’isu ta’uusaas qorannoo doktarichaan bira gahameera.
Vaayirasii ‘COVID-19’ jedhamuun addunyaa rakkisaa jiru ittisuuf qaamaan walirraa fagaachuun dirqama yoo ta’u, kunis dhiibbaa namootni walii waliisaanii sodaachisuufi yaaddessuutiin xinsammuurratti geessisan daran kan hir’isu ta’uusaati. Qajeelfama qaamaan walirraa fagaachuu hordofuun fayyummaa namaa eeguuf qofa osoo hintaane maatiifi hawaasa ofiirras balaan akka hindhaqqabneef kan golgu ta’uus hubatameera.
Bariisaa Bitootessa 19 Bara 2012 (March 28, 2020)
Takkaalliny Gabayyootiin
8 Comments to “Yerootti ofis oolchanii kaanis oolchan”