Qonnaan bultoonni aanaa Gommaa 105 buna gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiru

Aggaaroo: Godinni Jimmaa Omisha bunaatiin beekama. Aanaan Gommaa ammoo aanaalee godinichi qabu 21 keessaa isa tokko yoo ta’u, bakka argama buna Arabiikaati. Aanichi gandoota 41fi magaalota xixiqqoo shan kan qabu yoo ta’u, magaalaan Agaaroo magaalaa guddittii aanichaati. Ummata kuma 300 ol aanicha keessa jiraatu keessaa %90 omisha bunaarratti hundaa’uun jireenyasaa kan geggeeffatu ta’uu beekameera.

Bulchaan aanichaa Obbo Toofiiq torbe darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, aanichi omisha bunaatiin waan beekamuuf yoo xiqqaate waggaatti omisha bunaa toonii 18 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessa. Kana jechuun buna godinichi gabaa giddugaleessaaf dhiyeessu keessaa harki tokko sadaffaan aanicha keessaa ba’a. Bulchiinsi aanichaa omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu irratti xiyyeeffatee waan jiruuf omishni buna aanichaa waggaa waggaan dabalaa jira. Qonnaan bultoonni bunaa adda dureen aanichaa 105 omisha buna isaanii kallattiidhaan gabaa biyya alaaf akka dhiyeessaniif eeyyama kan argatan ta’uus himaniiru.

Qonnaan bultoota bunaa adda duree aanichaa omisha buna isaanii kallattiin gabaa addunyaaf dhiyeessuuf eeyyama argatan keessaa 15 hanga 20 kan ta’an omisha isaanii gabaa addunyaaf dhiyeessaniiru. Kun ammoo qonnaan bultoonni bunaa 

 kaka’umsa cimaan akka hojjetan, qulqullina bunaa eeganii gabaaf akka dhiyeessaniifi omisha bunaarraa gatii gaarii akka argatan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Lafti aanichaa hektaara 44 omisha bunaan kan uwwifame ta’uus himanii, aanichi omisha bunaaf mijataa ta’uufi qonnaan bulaan omisha bunaa kunuusu lafa hektaara tokko irraa buna kuntaala 24 argachaa jiru. Qonnaan bulaa giddugaleessi ammoo kuntaala saddeet argachaa jiraachuufi invastaroota omisha bunaa irratti hirmaachuu barbaadan simachuuf qophii ta’uus himaniiru.

Obbo Xayyibuu Abbaa Bulguu Aanaa Gommaa Ganda Koyee Sajjaati qonnaan bulaa adda duree omisha bunaa isaanii gabaa addunyaaf dhiyeessuuf eeyyama argatan keessaa isaan tokko. Omisha bunaa lafa hektaara 30.1 qabanirraa barana omisha bunaa kuntaala 480 kan argatan ta’uu himanii, kana keessaa kuntaala 180 gabaa biyya addunyaaf dhiyeessuuf qopheessaa jiraachuu dubbatu. Omishni buna isaanii sirriitti kan kunuunsan ta’uufi faranjoonnilee yeroo gara garaa dhaqanii daawwachaa kan jiran ta’uu himu.

Omisha bunaatiin ala lafa hektaara shanirratti fuduraafi muduraa omishaa jiraachuu kan himan Obbo Xayyibuun, qofaa deemanii eessayyuu gahuun waan hindanda’amneef qonnaan bultootni naannawaasaaniis gorsaafi fakkeenya gaarii ta’aafii jiraachuu dubbatu.

Abdulaziiz Abbaa Olii Aanaa Gommaa ganda Qadaa Maqsaa kan jiraatan yoo ta’u, isaanis qonnaan bulaa adda duree omisha buna isaanii gabaa addunyaaf dheyeessuuf eeyyama argataniiru. Akka isaan jedhanitti, qannaan bulaan omisha bunaaraa gatii dadhabbii isaa madaalu argachaa hinjiru. Kanaafuu mootummaan qonnaan bulaan gatii dhadhabbii isaa madaalu akka argatu taasisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisu.

Buna qulqulluu gabaa addunyaaf dhiyeessuuf eyyama kan argatan Obbo Abdullaaziiz, mootummaan qonnaan bultoonni adda dureen buna isaanii qulqullinaan omishaniifi walitti qaban kallattiidhaan gabaa addunyaaf akka dhiyeessan taasisuun qonnaan bultoota biroo keessattis dadamaqiinsa uuma jedhu.

Lafa bunaa hektaara 10 kan qaban ta’uu himanii, lafa hektaara tokko irraa kuntaala 18 kan argatan ta’uufi kana keessaa buna kuntaala 20 gabaa addunyaaf dhiyeessuuf qopheessaa jiraachuu himu. Buna isaaniis diimaasaa walitti qabanii siree irratti qoorsanii kuusuun qulqullinaan kan walitti qaban ta’uu eeru.

Qonnaan bulaan omisha bunaa irraa bu’aa gaarii akka argatuuf ogeessonni qonnaa biqiltuu bunaa omisha gaarii kennu isaaniif dhiyeessaa jiraachuufi buna isaanii qulqullinaan akka walitti qabaniif gorsaafi leenjii barbaachisu isaaniif kennaa jiru. Qonnaan bulaanis waggaa eegee buna ciruu utuu hintaane buna isaa waggaatti yeroo sadii aramuu ykn jala ciruu, xaa’oo barbaachisu itti dabaluu, tuttuqaa adda addaa irraa bilisa gochuufi hojii kunuunsa naannawaas hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Jaafar Abbaa Bultii Abbaa Raagoo aanichatti Ganda Hoomaa Funxullee jiraatu. Qonnaan bulaa kun lafa bunaa hektaara 10.1 qabanirraa barana buna qulqulluu kuntaala 160 argataniiru. omisha buna isaaniis qulqullinaan walitti qabanii, qoorsanii kan kuusan ta’uu himu. Sadarkaan qulqullina bunaa yoo gad bu’e gatii bunaas waan gad buusuuf mootummaan qonnaan bulaa jajjabeessuufi deggersa barbaachisu kennuufii akka qabu yaadachiisu.

 Bariisaa Bitootessa 19 Bara 2012 (March 28, 2020)Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

7 Comments to “Qonnaan bultoonni aanaa Gommaa 105 buna gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiru”

  1. Pingback: sex children
  2. Pingback: advertising scam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *