Vaayirasicha ittisuuf hunduu qajeelfamoota sirriitti haa raawwatu

Vaayirasiin Koronaa yaaddoo addunyaa ta’e erga biyya seenee torban tokko guuteera. Guyyoota torbanii darban keessattis namoonni ja’a vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, kanneen isaan waliin tuttuqqaa qabanis bakka turtii yerootti qoratamaafi hordofamaa jiru. Kanneen qoratamanii bilisa ta’anis maatiifi hawaasatti makamaniiru.
Seenuu vaayirasichaatiin walqabatees guyyoota 15f manneen barnootaa akka cufaman, walga’iiwwan nama baay’ee hirmaachisaniif dorgommiiwwan ispoortii akka hinadeemsifamne Manni Maree Ministeerootaa murtoo dabarseera.

Dabalataanis manneen hojii akkaataa amala mana hojiisaaniitti murtoo garagaraa fudhataa jiru. Fakkeenyaaf Abbaan Alangee Waliigalaa hojiiwwan idilee eeruuwwan fudhachuu, qorannoofi galmee shakkamtootaa qulqulleessuurraa kan hafe manneen murtii federaalaa Bitootessa 10 hanga 24 bara 2012tti akka cufaman murteesseera. Maatiin hidhamtootaas yoo sababa humnaa oliifi amansiisaa ta’eerraa kan hafe namoota dubbisuu akka hindandeenye dhorkeera.

Gama biraan ummanni bakka jirutti qulqullinasaa akka eeggatuuf qajeelfama darbedha. Mootummaan gamasaatiin alkooliifi saamunaa dhiqannaa d h i h e e s s u u r r a a kaasee, geejibawwan ummataa qulqulleessuu, waajjiraaleefi dhaabbileen dhuunfaa garagaraa balbalasaaniirratti bishaan harkaa qopheessuun namni achi seenu hundi harka akka dhiqatu taasisuufi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.
Murtoowwan kanneen hundi nageenya ummataa eeguuf akkasumas, tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf kan fudhatamedha. Murtoon gama mootummaan darbe kun garuu hojiirra oolee kaayyoo yaadameef kan qaqqabu yoo walta’iinsi ummataas jiraatedha.

Qajeelfamawwaniifi ofeeggannoowwan yeroo yerootti darban dagannaa malee hojiirra oolchuun dirqama. Hojii qulqullina eeggachuuf raawwatamu keessatti tuttuqqiirraa of eeguunis dagatamuu hinqabu. Fakkeenyaaf dargaggoonniifi ijoolleen tola ooltonni hedduun kaka’umsa mataasaaniitiin ummata kallattii addaddaa yommuu harka dhiqachiisan mul’ata. Ta’us yommuu bishaan namaa buusan walitti siiqinsii isaan namoota waliin qaban daran walitti dhihaataadha. Kunimmoo vaayirasichi haala salphaadhaan akka tatamsa’u godha.

Alkoolii harka dhiqannaaf oolu bituuf yommuu hiriiran baay’ee walitti siqaafi waldhiibaadha; kunis sirrachuu baannaan ofeeggannoon keenya bu’a dhabeessa ta’a.
Kanaafuu vaayirasicha ittisuuf hunduu tokkummaadhaan qajeelfamoota jiran hordofuufi hojiirra oolchuu qaba. Harka dhiqannaarratti xiyyeeffachuu qofa osoo hintaane tuttuqqiifi waldhiibboo garagaraarraa ofqusachuun tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf tumsuu qaba. Inni hubates isa hinhubanne hubachiisaa deemuun irra jiraata.

Recommended For You

3 Comments to “Vaayirasicha ittisuuf hunduu qajeelfamoota sirriitti haa raawwatu”

  1. Pingback: sex tour 15

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *