Barreessitoonni seenaa Itoophiyaa hedduun sirni bulchiinsi federaalawaa Oromoo Yajjuu kun akka Itoophiyaa diigeefi tamsaasetti fudhatu. Warreen kanaaf sirni kun boodatti hafaafi guddina Itoophiyaa ennasii daran kan boodatti hambisedha jedhu. Kunis kan ta’ee wanti barreeffamuus wanti akka qaroominatti fudhatamu sirnaafi adeemsa warra Israa’eliifi Habashootaa giddugaleessa yoo godhate malee sirrii akka hintaane ibsuun waan yaalamuufi. Yaalii kanas dhugoomsuu waan barbaadaniif yaaduma tokko keessatti seenaa walrukutu barreessu.
Fakkeenyaaf cimina warra Yajjuu kaasanii duudhalee Oromorraa fudhatanii kan warra Seem taasisuu yaalu. Ennaa kan Itoophiyaa gargar diigeefi facaase Yajjota jechuu barbaadan immoo Yajjota Oromoo taasisu. Gochaan akkasii walitti dhufeenya seena Oromoofi Habashaa keessatti waanuma baratamedha. Yaaliin godhamu Oromoo Abbaa biyyummaa dhabsiisuu, qaroominasaanii irraa fudhatanii kan ofii godhatanii Oromoon callisee ummata hoomaan yaa’uu fakkeessanii kaa’uu yaalu. Haata’uuti yaaliin isaanii kun yeroo keessa isaanuumaan boodatti hafaafi kan qaroominaafi cimina sirriitti ilaaluu hindandeenye taasisaa dhufe.
Bakkewwan sirni bulchiinsa warra Yajjuu qoqqodani jedhani kun durumayyuu Gondar, Tigraay, Semeen, Baggamidir, Gojjam, Dambiyaa, Laastaafi Shawaa Kaabaa jedhamanii akka turan seenaan nimirkaneessa. Warri Yajjuu garuu bakka qoqqodame kana Shawaa Kaabarra kan hafe sirna federalawaadhaan walitti fidanii amantummaasaanii mootummaa giddugaleessaaf akka mul’isan godhaa akka turan walnama hinfalmisiisuu. Shawaa Kaabaa immoo baruma mootummaa warra Gondar bulchiinsasaanii jala kan hinjirreefi mootummaa mataasheen bulaa akka turte kitaabonni seenaa bareechanii lafa kaa’u. Kana malees, bara mootummaa Yajjuu bakka jedhamanii ala ciccitanii bakka garagaratti bakki hafe hinjiru. Kanaafuu Yajjoonni bulchiinsa Kaaba Itoophiyaa kana kan bara mootummaa Gondar turan akka jirutti cimsanii eeguun fonqolcha Tewdiroos raawwateen dabarsanii Tewdiroositti kennaniiru. Kanaafis Tewdiroos Itoophiyaa tokkummesse jedhamee faarfatamuuf kanneen bulchiinsa Yajjuu ala jiran kamiin akka tokkummeesse wanti seenaan deggeramee ibsamu hinjiru.
Hata’uutii, nama sirriitti hubatee waa ilaaluu danda’uuf sirni bulchiinsa Oromoon Yajjuu ittifayyadamaa turan kun sirna bulchinsaa har’a addunyaan boossuuf ta’uun isaa ifaadha. Oromonni Yajjuu sirna walqixxummaa sirna Gadaa keessa jirutti makuun naminni hunduu itti gaafatamummaa waliin qabu qixaan yoo ba’e ofii isaatiin of bulchuu akka danda’u dursanii waan hubataaniif mirga ofiin ofbulchuu diriirsan. Kunis kan ta’e mirga walqixxummaa ummata naannoo mirkaneessuutti waan amananiif ture.
Mootonnin Yajjuu guddugaleessasaanii Dabra Taabor godhatanii sirna federaalawaa dhugaadhaan Itoophiyaa yeroo sanaa bulchaa turan. Mootummoonni Yajjuu aangoon isaanii mul’achaa kan dhufe akkuma Iyyo’as ajjeefameen wal loliinsa hadha’aa Raas Miikaa’el isa Tigraayifi Oromoota gara Iyyo’as turan gidduutti ennaa ta’aa turedha. Ennaa Raas Mikaa’el injifatamuun Caamsa 23 bara 1771 hidhamee gara biyyasaa Tigraayitti ergamu mootota warra Habashaa biratti akka nama amanamaatti kan ture Raas Aliin Guddichi aangootti dhufe. Raas Alii Guddichi bara mootummaa Iyyaasuu obboleessasaafi abbaa wajjin gara Gondar dhufe akka mootichaan jaallatame achitti hafe ni dubbatama.
Sirni bulchiinsa mootummaa Yajjuu yoom akka eegale sirritti ifaa miti. Barreessitoonni seenaas akkuma ragaa argataniifi isaanii galeen yaada mataa isaanii lafa kaa’u. Paul Henziif bara 1755 ennaa Iyyaasuun du’ee kaasee enna ta’u. Tiriimngihaamifi Bahruun immoo bara 1769 ennaa Iyyoo’as ajjeefamedha. Taabor Waamii immoo bakka lamatti qoodee ilaale. Kutaan calqabaa bara calqabbii Atse Iyyo’as (1769 ) kasee hanga bara kufaatii Atse Takile Giyoorgis (1800) ennaa ta’u, inni lammaaffaa immoo bara calqabbii Atsee Iyyaasuu 3fa ( 1784 ) kaasee kufaatii Yohaannis 3fatti (1842) kan jiru jedha. Akka Taabor jedhutti kutaan inni calqabaa yeroo Atsoonnifi Oromoon Yajjuu aangoo waliin qooddattan ennaa ta’u, kutaan inni lammaffaammoo ennaa guutuummaa guutuutti Oromonni qondaaltota aangoo ykn Raas Bitiwaddidiin ta’anii Atsoonni maqumaaf barcumma aangoo qabatanii turan jedha.
Garee qorattota kitaaba kanaaf barri Mootummaa Yajjuu bara kana eegale jechuuf barichuma saba bara “Moototaa” jechisiise beekuun barbaachisadha jedhu. Sababinni isaas achirraa ka’ameeti yoom akka eegale tilmaamuun salphaadha jedhanii waan amanaaniifi. Tarii sababa Oromoon sirna bulchiinsasaanitti galanii qooda fudhataniif jedhu yoo ta’e garuu, barri kun kan eegale ennaa Bakkaafaan Oromoo warra Yajjuu deggeramanii aangoo bara 1721 qabataniidha. Sababni keenyas Oromonni warra shek ennaa kanaa kaasani aangoo saboota Oromoon alaa bulchuu qooddatan waanta’eef.
Itti dabaluunis Iyyaasuun kan fuudhe Oromoo waan ta’eef haati warraa Iyyaasuu Wabiin karaashee ga’een Oromoo Gondar keessatti mul’achaa akka dhufu gootetti waan ta’eef. Bara Mootummaa Iyyo’as immoo bulchitonnis Oromoo, afaan dubbatamus Afaan Oromoo akka ta’e ilmaltoonni Awurooppaas ta’e barreessitoonni biyya keessaa ibsanii ka’aniiru. Qooda fudhannaan Oromoo Yajjuu kun guddatee booda keessammoo guutuummaa guututti aangoo murtoo olaanaa Oromoonni Yajjuu fudhatanii olaantummaan Itoophiyaa ennasii bulchuu eegalan. Kanaafuu, sirna bulchiinsi Oromoo kun bara 1721 eegalee bara 1784 immoo mootummaa Gondarootaa kan dhuunfateefi hanga Raas Bitiwaddad bara 1853 bakka Ayshaal jedhamutti Tewdiroos 2fan injifatamutti ta’uusaa amanna. Kunis waggoota 128 akka ture himama.
Ka’umsa mootummaa sanyii Oromoo warraa Yajjuu yoomiifi eenyuun akka eegale himuun nama rakkisa. Garuu qorattoonni seenaa hedduun kan walii galan bara Guwaangul Gatiyyee (Abbaa Seeruu) akka ta’edha. Guwaangul Yajjoota gurmeessee mootummaa jabaa Habashaan sodaatamu hundeessee mootii warra Gondariif gibira qofaa nama kaffalaa turedha. Gara aangoo mootota Habashootaatti kan isaan fides kanuma jedhama. Kan qondaaltonni naannoo warra Habashaa rakkisaa turan mootiin warra Gondar Takila Giyoorgis ciminaan, amantummaa Guwaanguliifi humna Oromootaaa cimaa dhufe hubachuun biratti hafanii aangoo Raas jedhamu qabatanii Gondariin gargaaranii akka bulchan gaafannaan Guwaangul garuu anarraa ilmakoo Aliitu cimadha waan ta’eef inni isin haagargaaru jedhee kenneefi deeme.
Alii Guwaangulis Alii Guddicha jedhamuun aangoo Raas jedhamu kennaniif ajajaa waraanaafi bulchaa Baggemediir godhanii muudan. Dandeettifi hubannoo Aliin qabu ummata biratti jaalatamaa isa taasise. Ummanni haala Alii Guddichaa hubate kun Mootii Taklaa Gorgiis gibira humnaa olii nurratii fe’eera, iyyannee jennaanis deebii ummataaf hinmadaalle nuu deebise jechuudhaan Alii Guddicha Dabra Taaboritti ofitti waamanii aangoo bulchiinsaa akka qabatu mootichimmoo masaraadhuma Gondar keessa taa’ee hidda dhaala aangoo sanyii warra Israa’el haa eegu jechuun gaafatan. Alii Guddichis filannoo ummataa diduu waan sodaateef tole jedhee bara 1784 aangoo fudhate.
Ummannis Alii aangoo Raas Bitiwaddid jedhamu kennaniifi akka isaan hogganuufi mootonni garuu mallattoof qofa akka masaraasaanii keessa ta’an murteessan. Raas Aliitiinis aangoo Raas Bitiwaddidi jedhamu kennuufiin gaggeessaa olaanaa gochuun muuddatanii adaraa itti kennatan. Haaluma kanaan Oromoonni Yajjuu sirna bulchiinsa Warra sheek jedhuun qondaaltota eegdoota mootummaa warra Gondar ta’anii ifatti aangoo qabatan.
Alii Guddichis osoo yeroo itti hinkennin humna dabalataa fidachuuf gara Yajjuu deeman. Bakka bu’oonniifi shuumonni mootummaa iddoo addaddaatti faradoo qopheessanii eeguun fardeen waljijjiruun guyya lama keessatti Gondarii ka’anii Firqaa Bar, Dabra Taabor, Kimmir Dingaay, Garagaraafi Yajjuutti galan. Bariidhuma sana loltoota Yajjuufi Raayyaarra walitti qabachuun guyyoota shan keessatti gara Bagamadirritii deebi’an. Alii Guwaangul (Alii Guddichi) (1785-1798) ummatni akka isaan bulchu haa filatan malee inaaftuu diinaa hindhabne.
Qondaaltonni Tigraay, Gojjamifi warri Semeen baay’ee rakkisoo turan. Bulchaan Tambeen Raas Gabra Masqaliifi bulchaan Indartaa Raas Walda Sillaaseefi Raas Subaagadis, bulchaan Gojjam Raas Mariid, bulchaan Semeen Raas Wubee, bulchaan Daamoot Dajjaazmaach Zawudee, bulchaan Laastaa Raas Asraat isaan rakkisoo turan. Yeroo tokko tokkommoo jarreen kun waliin ta’uun Alii Guddichatti duuluu yaalu. Dhimma kanarratti akka fakkeenyaatti kan ka’u Raas Gabra Masqaliifi Atsee Baa’id Maariyaamidha.
Ta’us Raas Aliin silayyuu dursanii lolotootasaanii Walloo, Raayyaafi Yajjuurra walitti qabataniiru waan ta’eef humna cimaan jala dhaabbatan. Boodarras Atsee Baa’id Maariyaamiin ajjeesanii Raas Gabra Masqaliin immoo booji’anii hidhuudhaan bara mootummaasaanii cillaaffannaa tokko malee cimsanii bulchan. Alii Guddichatti aansanii aangoo kan qabatan Raas Alii Gaaz Birruutti (1789-1794). Waggaan shanan Raas Alii Gaaz bulchees kan waraanarraa bilisa ta’e miti. Bulchitoonni Laastaa lama ta’anii walitti hidhachuun Oromoota Yajjuu waraananii waggaa ja’aaf sirna mootummaa Yajjuu addaan kutuu danda’aniiru. Isaanis Raas Asraatifi Walda Gabri’el jedhamu. Bara 1794-1800tti bulchuu danda’aniiru. Booda keessa garuu akka Takla Tsaadiq Makuriyaa jedhutti yoo ta’e, Raas Asraatiifi Raas Walda Gabri’eel garee uumuudhaan wal lolan. Lolicha keessattis Raas Asraat Raas Gabree, Dajjaazmaachi Isheeteefi Raas Mari’idiin qabatanii, Raas Walda Gabri’eel immoo Raas Gugsaa, Dajjaazmaachi Aluulaafi bulchitoota Tigraayiin qabatanii Wogeraatti walitti duulan. Waraanicha keessatti Raas Walda Gabri’eelifi Raas Mari’id ennaa ajjefaman, Raas Asraatiifi Raas Gabreen immoo injifatamanii baqatan. Injifannoon kan warra Raas Walda Gabri’eel waan ta’eef Raas Walda Gabri’el immoo waan du’aniif gareesaanii keessaa cimaa kan ta’e Raas Gugsaan aangoo qabachuun hidda sanyii bulchiinsa warra Yajjuu bakkatti deebise.
Itti fufa
Obbo Alamaayyoo Haayilee Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
I pay a uick visit every day a few websites and blogs to read content, but this weblog offers feature based articles. https://Ukrain-forum.BIZ.Ua