“Barri gooba saree nama gooti” jedhama mitiiree? Gosoota Oromoo Kaaba Itoophiyaa jiran keessaa Walloo, Yajjuu, Raayyaa, Jiillee, Harxummaa, Qorii Fursee, Dhummuuggaa isaan muraasadha.
Gosoonni Oromoo kunneen jaarraa hedduuf lafasaaniirra jiraachaa kan turan yoo ta’u hacuuccaa sirna nafxanyaaf osoo hinjilbeeffatiin aggaammii kamiyyuu ofirraa qolachaa dhiibbaa jiru dandamachaa har’a kan ga’anidha malee qubattoota miti. Darbees Oromoon galaana jecha jedhu kan dhugoomsan ta’uu hubachiisa.
Oromoon Kaaba Itoophiyaa jiru kun jaarraa dheeraaf sirna Gadaan walbulchaa ture. Gosoonni Oromoo kun hariiroo siyaasdinagdee waliisaanii cimsachuuf waggaa waggaan “Odaa Garaadoo” magaalaa Qal’ootti argamu jalatti walga’uun waldubbisaa Gadaasaanii dhalootaaf dabarsaa turaniiru.
Dhiibbaa Nafxanyaan sabicharratti qaqqabsiisaa tureen Gadaan sabichaa ciccitaa, laafaa haa dhufu malee matumaa hinbanne. Sirni Nafxanyaa kun Oromoo Walloo kana dadhabsiisuun cunqursaaf harqoota gabrummaasaanii itti fe’uun Oromoon boquu buusee akka jiraatu taasisuuf kan akeeke ture.
Biyyi Oromota Kaabaa kun wiirtuu ilmaan Baareentuu jiraachuu Itoophiyaa har’aaf ilmaan gootota qaaleyyii arjoomteefi arjoomaa jirtudha. Gootota Ilmaanshii jiraachuu Itoophiyaa har’aaf bu’uura buusan keessaa Lij Iyyaasuufi Warqituu kaasuun nidanda’ama. Biyyi kun biyya sabaafi sablammii hammattee jiraachistu, biyya hordoftoonni amantii garagaraa keessa jiraatan, biyya qabeenya uumamaan badhaateefi iddoowwan hawwata tuuristii ta’an hedduun faayamtedha.
Kuni ta’us “Adaamii ollaa hagamsaa ijji imimmaan hindhabu” akkuma jedhamu qabeenya uuamamaashii ganamaa kanatti haalaan akka hinfayyadamne xiyyeeffannoo mootummaa akka hinarganne dhiibbaan hammaataa irra jira. Gochi kun ammoo sabboonummaa Oromoo Walloo dadhabsiisuun qorqalbiin akka jaaman, hirkattummaan akka babal’atu aggaammii taasifamaa ture ta’us sabicha jilbeeffachiisuu hindandeenye.
Miira sabbonummaa Oromoo Walloorraa calaqqisu kana ukkaamsuuf durii kaasee tuttuqaan kan jiru yoo ta’u, maqaa Itoophiyaanummaa golgachuun harcaatota an siif beeka jedhaniin aggaammiin jiru salphaa miti. Kun ta’us Walloon har’a kan ittiin boonanidha yoon jedhe nama hinmamsiisu. Innis maali yoo jettan aadaashii, duudhaashii, afaanshiifi sabboonummaa Oromtichaa abbootiirraa dhaalte sana lakkooftee kunuunsitee har’aan gahuusheeti.
Humnoota ishii dadhabsiisuuf aggaammiiwwan garagaraa taasisanis miira kutannoon mudhii jabeeffachuun ofirraa qolachaa of kabachiisaa sabboonummaashiin jiraachaa jirti.
Ta’us Walloon har’as qe’eefi qabeenyashii ganamaa kanatti akka hinfayyadamne, dinagdeen akka hinguddanne, guddinni magaalaaleeshiis akka hinfooyyofne gadi qabaa jala akka jirtuu fi xiyyeeffannoo mootummaa kan dhabde akka taate himama.
Sababni isaas Walloon haadha aadaafi duudhaa, wiirtuuwwan hawwata turistii hedduu taatee osoo jirtuu itti fayyadamtee ilmaanshii ittiin guddifachuu, dinagdeeshiis ittiin fooyyeffachuu dhabuusheeni.
Gareen gaazexaa Bariisaa garasitti imalee tures komii Walloon wiirtuuwwanshii hawwata turistii ta’anirraa fayyadamaa hinjirtu jedhu adda baasuuf turtii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa, Godina Saba Oromootti Abbaa Adeemsa Qajeelcha Hojii Misooma Turizimiifi Kunuunsa Hambaalee Obbo Mohaammad Ahmad waliin taasise akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeesseera.
Bariisaa: Walloon wiirtuuwwan hawwata turistii hedduu qabdi jedhama maalfaadha?
Obbo Mohaammad: Walloon wiirtuuwwan hawwata turistii hedduufi qaaleyyii ta’an akkasumas UNESCOrratti galmaa’uun Itoophiyaa mitiitii qalbii addunyaa hawwatan qabdi, inni jalqabaa Ganda Shonkeeti. Gandi Shonkee kun magaalaa Kamiseerraa fageenya km 25irratti kan argamuufii umrii waggaa 800 ol akka lakkoofsise himama.
Gandi kun tulluu ol ka’aarratti kan hundeeffame yoo ta’u dur dhagaafi muka ciccimoorraa mana ijaaramedha. Jiraattooni ganda kanaa hordoftoota amantii Musliimaa ta’uun walqabatee masjiida seena qabeessas gaara sanarraa qabu.
Bariisaa: Masjiidni kun tulluuma sanarratti mana jireenyaasaaniin walqabtee kan ijaaramaedhaa?
Obbo Mohaammad: Masjiinni kun achuma manasaaniin walqabatee tulluu sanarratti kan ijaaramedha. Yeroo barbaachisaa ta’etti aduun akka galuuf qaawwi aduu seensisu qophaa’eera.Yeroo gannammoo lolaf roobni akka hinseenneef yaa’i lolaa kan mijateefii jiruuf waan ta’eef masjiidichi ijaarsa miidhagaa dhagaaf muka ciccimoon kan dhaabatedha.
Bariisaa: Ganda Shonkee kana keessa abbootii warraa meeqatu jiraata? Saboonni gandicha keessa jiraatanoo eenyu fa’i?
Obbo Mohaammad: Abbootii warraa 300 oliifi namoota 800 oltu ganda Shonkee kana keessa jiraata. Sabni gandicha keessa jiraatus saba Argobbaa qofadha.
Manni tulluurratti ijaarame kun dhagaaf muka jabaataan kan ijaarme yoo ta’u ijaarsa ammayyaa caalaa daran kan qalbii nama hawwatudha. Daawwattoonni hedduu ganda kana daawwachuuf iddoowwan garagaraarraa kan dhufan yoo ta’ellee bu’uuraaleen misoomaa mijachuu dhabuusaaniin turistiin dhufee ilaalu gadi bu’aa jira. Kanamalees galiin wiirtuu kanarraa argamu hinjiru.
Bariisaa: Gandi Shonkee kun umrii waggaa 800 ol lakkoofsiseera silaa xiyyeeffannoo mootummaa hinarganne akkami diigamuu hineegallee?
Obbo Mohaammad: Walloon hogganaa ishiif biramatu qabdi jechuun hindanda’amu. Manoonni umrii dheeraa qaban kunneen roobsa, aduu hamaas kan galchan miti. Haala mijataaf gaarii ta’een kan ijaaramanidha.
Haata’u garuu xiyyeeffannoon mootummaa osoo jiraateetii bakkeewwan hawwata tuuristii miidhagoo ta’an kanarraa galiin guddaa argamuurra darbee rakkoon hojidhabdummaa dargaggootaa hir’ata ture. Kun ta’uu dhabuusaan bakkeewwan kunneen diigamaa jiru. Kanarraa kan ka’e Walloon xiyyeeffannoo ala ta’uushii gamanumaa tilmaamuun nama hindhibu.
Bariisaa: Tulluu Ganda Shonkee kanarra kan jiraatan saba Argobbaati jettaniittu naannawaa tullichaa kan jiraatan eenyu fa’i?
Obbo Mohaammad: Oromoon Walloo hammachuu beeka kan jennuufuu kanuma. Tulluu Shonkee kanarra Argobbaan haa jiraatu malee tullicha marsee kan jirummoo Oromoodha.Tuullicharra bishaan hinjiru manni barumsaa hinjiru.
Bishaan waraabbachuuf gaaricharraa bu’u, barnootaafis gaaricharraa bu’u. Sabni Argobbaa kun lakkofsaan bicuu ta’us Oromootaan kabajamee akka obboleessaaf obboleettiitti waldanda’ee waliin jiraata.
Bariisaa: Sabni Argobbaa ganda Shonkee tulluurra jiraatu kun barnoota argachaa jiraa laata?
Obbo Mohaammad: Eeyyee ilmaansaanii Oromoota Walloo kana waliin Afaan Oromootiin baratu. Tullicharra manni barumsaa waan hinjirreef gadi bu’uun barnootasaanii baratu. Achii ba’anii sadarkaarra kan gahanis tokkoo lama miti.
Bariisaa: Sirnoonniif ayyaanonni gara garaa gaafa jiraatan eessatti gaggeessu laata? Silaa gaararra jiraatu.
Obbo Mohaammad: Irri keessi manasaanii dirree irratti sirnootaaf ayyaanota gara garaa gaggeeffatan qaba. Kanamalees midhaansaanii addunnaan akka jalaa hin nyaanneef bakka kaawwatanillee ofirraa qaba.
Bariisaa: Addunnaan maalidha?
Obbo Mohaammad: Addunnaa jechuun horii jechuudha. Agartee loon midhaansaanii akka jalaa hin nyaanneef irra keessa manasaanii walqixxaate sanarra keewwatu.
Bariisaa: Hariiroo Sabni Argobbaafi Oromoon qaban maal fakkaataree?
Obbo Mohaammad: Silaa Oromoon aadaa hammachuun waan guddateef walitti bu’insa tokko malee waliin jiraachaa jiru, gabatee barnootaa tokkorraa nyaachaa jiru, gaddaaf gammachuu waliis hirmaatu.
Bariisaa: Oromoon Walloo akkamiin waldhabdee furaa tureera? Har’awoo?
Obbo Mohaammad: Akka aadaa Oromoo Kaaba Itoophiyaa kanaan namni gurra mure yoo jiraate lafan supha. Kana jechaan namni lolaarratti gurra namaa kute kamiyyuu beenyaa lafa qotisaa kenna.
Bariisaa: Kan lubbuu baasewoo maaliin adabama laata?
Obbo Mohaammad: Kan lubbuu baase Biirxee jedhama kun yakka guddaadha. Namni akkasii kun laga torba ceha ,waggoota torbaaf biyyaa akka bahu taasifama, turtii waggaa torbaan booda karaa Abbagaariin murtee itti darbuun saawwa 50 adabamee qe’eetti deebiha.
Bariisaa: Hawwata Turistii biraan Oromoo Walloo maqaa waamsisu kami laata?
Obbo Mohaammada : Inni biraan gabaa Baatiiti. Gabaan kun wiirtuu sabni Argobbaan, Affaar, Oromoon itti walgahuufi meeshaaleen aadaa itti gabaaf dhiyaatanidha.
Kanamalees walakkaa gabaa sanaatti sibiila Mootiin Hayilesillaasee namoota yakka hojjetan itti fannisuuf dhaabaniiran jedhamu jira.
Bariisaa: Haayile Sillaaseen Oromoo fannisaa tureera jechuudhaa bakkichatti?
Obbo Mohaammad: Odeessa jiruun inni kaan sodaachisuuf kan dhaabamedha jedhu, kaanimmoo itti fannisaa turaniiru jedhama. Kuni ta’us abaluun fannifameera ragaan jedhu hinjiru. Sibiilli kun kallattii lamaan ol dhaabatee dagalee sibiilaa kan qabuufi cancala mormi itti fannifamuufi harki itti sakaalamu qaba.
Bariisaa: Bishaan Ho’aa Hawweetuufi Caacaatuu bakka hawwata turistii dabalataati jedhama, faayidaansaanii maali?
Obbo Mohaammad: Bishaanichi Aanaa Jiilee Dhummuugaatti kan argamu yoo ta’u Kamiseerraa Km64rratti argama. Aarri bishaan sana keessaa bahu ni ulatama. Bishaan ho’aa kun lagni Sanbateerraa dhufuufi bishaan qorraa Axaayeerraa dhufu walitti makamuun hurka uuma.
Bishaan ho’aa kanatti wayita dhiqatan dhukkubni gara garaa nama dhiisa, darbees addunnaa ofii yoo obaasan dhibeerraa isaan fayyisa. Bishaan ho’aa kun killee daqiiqaa 10 keessatti, boqqolloo daqiiqaa 20 keessatti bilcheessuu kan danda’udha.
Bariisaa: Bataskaanni hordoftota 10 hincaalle qabuufi umrii dheeraa qabu akka jirulle ka’a dhugaadhaa laata?
Obbo Mohaammad: Eeyyee dhugaadha. Bataskaanni kun Qay Afar Qiddus Gabreel kan jedhamu yoo ta’u bara 1875 kan hundeeffamedha. Bataskaanichi Aanaa Daawaa Caffaa ganda Gurree keessatti kan argamuufi Kamiseerraa KM 20rrtti argama.
Jiraattonni aanichaa dhibbeentaan 99 hordoftoota amantii Musliimaa yoo ta’an bataskaana seena qabeessaaf umrii dheeraa kana qabeenya keenyadha jechuun deggarsa barbaachisu taasisaa jiru.
Amantoota muraasa kana osoo hindhiibiin yeroo dallaansaa jigu ijaaraa, manichas suphaa akka kan mataa ofiitti kunuunsaa har’aan kan gahe amantoota Musliimaati. Kunimmoo muuxannoo gaarii Oromoon hammachuufi miira waldandahuu qaba jedhu kan dhugoomsudha.
Oromoon Walloo bakkeewwan hawwata turistii lakkaa’amee hindhumne jiru masjiida Faqii Habbaaz, Masjiida Muftii, Masjiida Xurusiinaa, Masjiida Jeertoo, Meeshaalee aadaa awwaala keessaa bahan kanneen akka jabanaa, dooqaa, calleewwanii faayaaleen gara garaa argamu.
Meeshaaleen kunneen Awwaala Arabootaa Qilee Qumburoo musliimota Arabarraa dhufanii bakka tokkotti awwalamaniiran keessaa kan babahan yoo ta’u, Aanaa Harxummaa Fursii keessatti argamu. Awwaalli kun godaansa Arabarraa gara Wallootti taasifameen lafeen namoota 44 kan argame yoo ta’u dhiira 42 fi dhalaa lama akka ta’e irra gahameera.
Bakka awwaalasaanii kanarratti barreeffamni Afaan Arabaan katabameeru jira. Yeroo ammaatti xiyyeeffannoo dhabuun diigamaa bifasaanii dhabaa jiru.
Bariisaa: Masjiidota seena qabeessa ta’an keessaa Xirusiinaan isa tokko ta’uun himama. Ta’us waggaa muraasa dura bakakkaan gubatee ture amma maalirra jira?
Obbo Mohaammad: Masjiidni Xirusiinaa kun bakka lamatti qoodama. Kan dubartootaafi kan dhiirotaati. Bakakkaan kan gube kan dhiirotaa yoo ta’u, yeroo ammaatti ijaarsisuuf dhiyeessiileen hundi humna amantoota Musliimaan qophaa’anii jiru. Yeroo dhiyootti ijaarama jennee yaanna.
Masjiida kana keessa dhiirota qofatu quraana itti qara’a. Kan dubaraa keessa dubartoota qofatu jiraata. Dubartoonni achi keessa jiraatan umriisaanii guutuu achuma jiraatu.
Hinheeruman, bakka qulqullummaati jedhamee waan amanamuufis gadis hinbahan, dhiyeessiin nyaataa marti maatiif firootasaaniin isaaniif arjoomama. Kanaan alatti gadi bahanii, hawaasa keessa ooluun hindandahamu; takkaa gadi baanaanis deebi’uun hindandahamu. Dhiirris masjiida dubartootaa kana keessa seenuu hindandahu.
Bariisaa: Masjiidichi yoo suphaa barbaada ta’ewoo eenyutu seenee ijaara?
Obbo Mohaammad: Namoonni eeyyamameefii jiru innis guyyaa eeyyamame keessatti seenanii hatattamaan ijaaranii bahu. Kunuu hojichi yoo ulfaataa ta’e qofa malee ofumaa mijeeffatu.
Bariisaa: Hojii dubartoonni kunneen masjiidicha keessatti qaban maalidharee?
Obbo Mohaammad: Quraana qara’uu, barnoota amantii Musliimaan of ijaaruu, barsiisuufi katabuufaati.
Bariisaa: Yoo dhukkubsatanoo akkam godhu?
Obbo Mohaammad: Achuma taa’anii Rabbiin kadhatu, qorichoota aadaa achuma jiranitti fayyadamu malee gadi bahanii mana yaalaa deemuun hindandahamu.
Bariisaa: Ammaan tana Masjiida Xiruusiinaa kana keessa dubartoota meeqatu jiraree gallee ilaaluu dandeenyaa?
Obbo Mohaammad: Akkuman sila siif kaase dubartii yoo ta’een alatti dhiirri galee ilaaluu hindandahu. Akka odeessa kennamaa jiruun dubartoonni 160 ol masjiidicha keessa akka jiran himama. Masjiidichi akka gadaamiitti ilaalama.
Bariisaa: Hordoftoonni amantii Musliimaa kutaalee addunyaa gara garaarraa waggaa waggaan dhufuun masjiida Xirusiinaa kanarratti ayyaanessu jedhama dhugaadhaa?
Obbo Mohaammad: Eeyyee dhugaadha biyyoota Arabaa gara garaarraa dhufuun ayyaana Mooliidaa asitti kabaju.
Bariisaa: Silaa masjiidichi erga gubatee waggoota muraasa lakkoofsiseera akkamiin keessummeessaa turtanree?
Obbo Mohaammad: Buufata yeroof mana pilaastikaa ijaarreerra manichaan alattis dirree bal’aan waan jiruuf namoota hedduu keessummeessuu dandeenyeerra.
Bariisaa: Kamiseen wiirtuu turizimii ta’uushee naaf ibsitaniittu. Magaalaanshii turistoota simachuuf haala mijataa qabdii laata?
Obbo Mohaammad: Haala mijataa maal qabdi jetteeti? Bakki bultii hinjiru, manni yaalaa hinjiru, daandiin gara hambaaleen itti argama geessan konkolaataa hin galchan, ibsaan, bishaan hinjiru. Kanneen malees daldalliif invastimantiin tokkollee hinjiru. Godinni Saba Oromoo kun xiyyeeffannoo mootummaa tokkollee hinqabdu.Kanarraa kan ka’e magaalattiin guddinaan akka harkifattu taateerti.
Bariisaa: Mootummaan hudhaa kana furuuf maal gochuu qaba jettu?
Obbo Mohaammad: Invastimantiin akka babal’atu haala mijeessuu, bu’uuraalee misoomaa waliin gahuu, dargaggoonni hojidhabeeyyii wiirtuuwwan hawwata turistii ta’an kanarratti akka gurmaahaniif haala mijeessuutu irraa eegama.
Bariisaa: Invastaroonni kanaan dura galan hinjiranii laata?
Obbo Mohaammad: Kanaan dura ho’aa Hawweetuu nan misoomsa jedhee abbaan qabeenyaa tokko caalbaasii mo’achuu odeeffamaa ture. Namni caalbaasicha injifateera jedhames lagicha heektaara 1.5 misoomsuuf walii galtee erga mallatteeseen booda heektaara 12.5 yoo naaf gootan malee jedhee dhaabachuusaan waggaa dheeraa lakkoofsiseera.
Bariisaa: Maaliif dabalamuufin dadhabameree?
Obbo Mohaammad: Maallaqa dura caalbaasii heektaara 1.5 injifate sanumaan 12.5 godhachuuf yaalii taasiseen akka dhaabatu ta’eera hanga ammaa ukkaamfamee taa’eera.
Bariisaa: Hubachiisufoo hin yaalamnee?
Obbo Mohaammad: Dhimmichi saamicha yoo ta’een alatti akka hindanda’amne beeksifameera, abbaan qabeenyaa nanmisoomsa jedhee ka’ee tures nama Finfinnee jiraatu waan ta’eef qaamaan dhiyaatee hinbeeku. Ammaaf ugguramee taa’aa jira.
Dhimmichi rakkoo nageenyaa ta’aa dhufuusaan walqabatee waliigalticha guutummaa guutuutti haquufis sochiirra jirra.
Bariisaa: Akkamiin rakkoo nageenyaa ta’uu danda’e?
Obbo Mohaammad: Dursa bakka bashannanaa Hawweetuu kana dargaggoota hojidhabeeyyii irratti gurmeessinee turre. Booda garuu invastimantiif jecha dabarsinee laachuun dargaggoota fayyaduuf yaaliin taasisne gufachuusaan qeerroon mormii kaasaa tureera. Dhimmichi ammallee dhimma yeroo dargaggootaa ta’aa waan jiruuf yaaddessaa ta’eera.
Bariisaa: Erga rakkoo nageenyaa ta’ee dargaggoonni erga irraa ari’atamanii abbaa qabeenyaa oliifi gadi jedhu kana maaf hingaggeessitan?
Obbo Mohaammad: Akka Godinaatti yaalii waliigalticha haquu haa raawwatu jechaa jirra. Ta’us lafarra harkifamuunsaa nuufiyyuu ifaa miti. Kutannoo siyaasaa aanichi agarsiisaa jiru laafaadha.
Invastara maxxantuu faayidaa mataasaaf kaatu haqanii invastara misoomawaa faayidaa dargaggoo giddu galeeffatee deemu simachuuf kutannoon jiru ol’aanaadha. Yeroo ammaattis dhimma kanaaf furmaata dargaggoota garaa ciibsu laachuuf hojjetaa jirra.
Invastaroota maxxantuu faayidaa mataasaaniif kaatan sababa godhachuun dargaggoon biyyaa bahaa jiru kumaatamadha. Isaan kana wajjin walqabatee Sabni Oromoo Walloo hubamaadha. Warreen akkasiirratti tarkaanfiin fudhatamu cimuu akka qabuuf hojjetaa jirra.
Bariisaa: Guddinni magaala Walloofi umriinshii walmadaalaa laata?
Obbo Mohaammad: Walinargu Kamiseen aadaaf duudhaashii cimsitee haa qabattu malee magaalattiin jijjiirama agarsiisteetti jechuun hindandahamu.
Bariisaa: Oromoon Walloo aadaa, duudhaafi safuusaa kunuunsuu keessatti haala itti jiru akkamiin ibsitu ?
Obbo Mohaammad: Oromoo Walloof aadaafi duudhaasaa jechuun eenyummaasaafi afaansaa jechuudha. Hagam saba biraan wal daangessee jiraatus aadaaf duudhaasaa dhalootaaf dabarsuu keessatti duubatti hinjenne.
Dhibbaan olaanaa durii kaasee jiraatus isa kana dandamachaa dhalootasaa barsiisaa Sirna Gadaa badee tures bakkatti deebisaa foolii Oromummaasaa ganamaa tikfachaa jira.
Oromummaarrattis ejjeennoo duubatti hindeebine kan qabuufii kutannoon socho’aa jirudha. Har’a ifatti mul’atee kan nama boonsudha yoon jedhe kijiba miti kun kan ta’eefis sirna cunqursaaf osoo hinjilbeeffatiin eenyummaasaa kabachiifachuuf kufee ka’ee hojjetaa jira.
Bariisaa: Hudhaa guddina magaalattii furuuf hojii isin miidiyaalee waliin hojjettan maal fakkaata?
Obbo Mohaammad: Miidyaaleen gola Oromoo Walloo baasanii agarsiisan dhiyoo jalqaban haguuggii miidiyaa bal’aallee hinarganne. Kunimmoo seenaa Oromtichaa awwaaluu waan ta’eef miidiyaaleen xiyyeeffannoo naannawichaaf kennuu akka qaban carraa kanaan nan gaafadha.
Bariisaa: Ammaan tana haalli nageenyaa jiru maal fakkaata?
Obbo Mohaammad: Oromoon Walloo kamiyyuu nagaadha, nageenyasaaf saba hidhatee waardiyyaa dhaabbatudha. Keessummaa kabaja, hammachuu, guddisuu akkasumas,walqixxummaa sabaatti kan amanu waan ta’eef balballisaa misoomaaf banaadha. Kanaaf namni gara kana dhufee misoomsuus ta’e jiraachuu barbaadu yaaddoo malee dhufuu danda’a jechuudha.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 28/2012
3 Comments to “Walloo: Biyya seenaqabeettii xiyyeeffannaa dhabde”