Qananisaan riikardii walakkaa maaraatoonii fooyyeesse

  • Dorgommii Maaraatoonii Landanirratti ni hirmaata

Finfinnee: Atileetoota addunyaarratti beekaman keessaa adda dureedhaan kan beekamu Qananisaa Baqqalaa, fiigicha walakkaa maaraatoonii Dilbata darbe Landan, magaalaa Vaayitaaliitii Biig jedhamtuutti adeemsifameerratti riikardii haarawaa galmeessisuun mo’ateera.

Yeroo sadiif shaampiyoonaa olompikii ta’uun meedaaliyaa warqii Itoophiyaaf kan argamsiise gootichi olompikii Qananiisaa Baqqalaa dorgommii kanatti riikardii addunyaa kan fooyyeesse sa’aatii 1:00.22n ta’uun beekameera.

Riikardiin Qananiisaan fooyyeesse kun waggaa tokkoof atileetii dhalootaan Somaalee, lammummaan Ingiliiz kan ta’e Moofaaraadhaan qabame ture sa’aatii 1:01.40  sakandii 00.01.19n fooyyeesuudhaani.

Dorgommii kanarratti Moofaaraan Qananiisaa wajjiin falmii olaanaa taasisa jedhame eegamus sababa isa dhukkubeef falmii kanarratti hirmaachuuf carraa hinarganne jedhameera.

Yeroo jalqabaaf dorgommii walakkaa maaraatoonii kanarratti kan hirmaate Qananiisaan fiigicha maaraatoonii Landan kan ji’a Eblaa bara 2012 adeemsifamurratti hirmaachuuf qophiirratti akka argamus beekuun danda’ameera.

Dorgommii Maaraatoonii Landan ji’a Eblaa isa eeggatu kanarratti atileetiin beekamaa addunyaa Eliyuudi Kipchoogeen waan hirmaatuif falmiin isaan jiddutti taasifamu ammumaa kaasee qalbii miidiyaalee addunyaa harkisaa jira.

Haa ta’u malee, Vaayirasiin Koronaa ammaan tana biyyoota Awuroppaa keessatti bal’inaan waan mul’atuf mootummaan biyyattii nageenya ummataaf jecha dorgommicha dabarsuun hinoolu sodaan jedhu jiraachuus beekuun danda’ameera.

Dorgommii maaraatoonii Landan kana daawwataa miiliyoonni tokkoo ol waan daandiirratti ba’uun waan daawwatuuf vaayirasichi akka laayyootti tamsa’uu ni danda’a sodaan jedhu jiraachuunsaas beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

5 Comments to “Qananisaan riikardii walakkaa maaraatoonii fooyyeesse”

  1. Pingback: Kimber Pistols
  2. Pingback: autodetailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *