Kutaa arfaffaa
Dubbistoota Gaazexaa Bariisaa, torbanoota sadan darbanitti mata duree kan jalatti dhimmoota garagaraa isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Torban kanas barreeffama Oromoota Walloofi Booranaa akkasumas, Gojjamitti fufe isin dubbisisna; dubbisa gaarii.
Mootummaan Yajjuu Oromoo Warjiitti aansee Mootummoota gosoota Oromoo kamiiyyuu kan hangafu yoo ta’u, kan hundaa’es naannoo jaarraa 17ffaa keessa akka ture himama. Bu’uurri mootummaa kanaas maatii warra sheekotaa keessaa Abbayyii Walee ykn Abbaa Gatiyyeetiin ture. Abbayyii Walee nama Amantii Islaamaa fudhatan waan ta’eef “Warra Sheek” jedhamuun waamamaa ture. Yeroo sana karaa tokko mootummaa Gondor, karaa biraammoo mootummaa Tigraay waliin walmorkiin kan turedha.
Bara mootummaan Gondor laafaa deeme Raas Su’ul Mikaa’el aangoo olaanaa harkatti qabatee Gondoriifi Walloorratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Keessattuu du’a Mootii Bakaafaa booda walfalmiin haadha Iyyaasuu II Iteegee Mintiwwaabiifi haadha Iyyo’as Wubiit gidduutti godhame walitti bu’insi ture daran akka cimu taasiseera. Dubrtoonni lamaanu aangoo olaanaa qabachuuf waldorgommii guddaa keessa seenuusaanii agarsiisa. Mintiwwaab nama Quwaaraa yoo taatu, Wuubiiti immoo Oromoo Yajjuu turte.
Falmii kana keessatti Iyyo’as gara haadhasaa Wubiit waan goreefi akkawoosaa ofirraa fageessee haadha isaa ofitti qabe. Kunis garee duruu walfalmaa ture akka cimu taasise. Oromoon Gondor keessa naannoo Liiboo, Farxaa, Dambiyaa, Fogaraafi Walaqaa duru yoo jiraatan gareen Mootolee Gondar garuu walfalmuu yoo barbadan gara Oromoo Gojjam /Diimaa/ ykn Bichanaa, Daamotaafi Duurbeeteetti /Maccaatti/ baqachuun humna horachaa, deebi’anii aangoo qabachaa turan kanas seenaa Susiniyoosiifi Bakaafaa ilaaluun gahaadha.
Haaluma kanaan Bakaafaan dur mana hidhaa ijoollee Mootolee Nigus Ambaa keessaa gara Oromoo Yajjuutti baqatee wajjin michoomee akka gargaarsasaaniin aangoo qabate dubbatama. Bakaafaan bara 1709- 1730 itti nama Gondor keessatti mootii turanidha. Barreessaan Richard Greenfieild gamasaatiin, Bakaafaan bara 1710 keessa Oromoo Yajjuu gara Gondaritti waamuun aangoo olaanaa akka kennaniifi waraana isaaniis irra jireessaan loltuu Oromootiin akka guutan ifa godheera. Mootolee Gondor balaa irraa eeguuf loleen Oromoo akka baay’inaan turan himama. Iyyaasuu II Mootii bara 1730 – 1755 itti ture yoo ta’u, haati warraa isaas Wubiit kan jedhamtu Oromoo Yajjuu kan turtedha.
Mootii Iyyo’as ilmi Iyyaasuu II Afaan Oromoo malee akka afaan biraa hinbeekne ‘Greenfield’ dabalee ibsa. Kunis mootummaa Gondar keessatti aadaafi dhiigni Oromoo hagam akka guddaa ture kan ifa godhudha. Bara Mootii Baakaafaa Oromoo Daamotaa kan ture Gammachuu (Waranyaa) namni jedhamu akka Mooticha gargaaraa tureefi boodas obboleetti mootichaa akka fuudhuuniif sanyiin Mootolee Gojjamis achii akka ka’e kan himan ni jiru. Mootichi kun gara Oromoo Yajjuus deemuun warra Abbaa Biyyaa Seeruu Gaangul keessaa warra Amiizoo waliin waliigaltee uumuun michoomina akka godhan himama. Boodas ilma Mooticha Iyyaasuu II gargaaruun hogganaa akka turu godhaniiru. Haatii Iyyaasuus yeroodhaaf Oromoo Yajjuu qabattee ilmasheetiif akka gargaarsa godhaa turan dubbatama.
Humna Mootichaa cimsuufi waraanni Oromoo gara Yajjuu, Walloofi Raayyaa irraa gara Gondaritti waan dhufeef, loltuun lafoofi fardaa Oromoo Gondar keessa bal’inaan akka qubate himama. Kunis Gondar Oromoon akka guutamu godhe. Oromoo Yajjuu keessaa hoggantoonni kan akka Birillee, Luboofi Abbaan isaanii Amiizoon aangoo olaanaa argachuun muudamaniiru. Gondaris dubbattoota Afaan Oromoon guuttame jedhama. Akkuma olitti ibsame, Mootichi Iyyo’asis Afaan Amaaraa dhiisuun Afaan Oromoo kan eessumman isaa dubbachuu qofa jaalata. Laaphisoon Gedeleeboo yeroo kana ibsu “Yeroo kanatti Afaan Oromoo Gondar keessatti Afaan mootii ta’ee ture” jedhu.
Iyyaasuu guddichi ilaalcha inni Oromotarratti qabu hamaa miti jedhama. Loluu bira darbeeyyuu Oromoo loltuusaatti dabaluun akka itti gargaaramaa ture dubbatama. Loltooma Oromoo kan dajjazmachaatti muude ajaajaa waranaa kan taasisees akka qabu dubbatama. Ta’us garuu rakkoon uumamaa ture. Oromoon Maccaa Gojjam qabatanii gara Gondaritti deemuu hindhisine. Akkasumas baruma mootummaa Iyyaasuu kan Gojjam bulchaa ture Dajjaachi Waleen Oromoo Tuulamaafi Daamoota qabachuun warra Gondarirratti duula guddaa gaggeessee.
Gara Manziitti deemunis Oromoo Karrayyuufi Abbichuurratti akka duulamu godhameera. Ta’us Iyyaasuun jibbinsa guddaa Oromoorraa waan hinqabneef ennaa gara Shawaafi Walsimaatti duulaa ture dubartii Oromoorra Gojjam iddoo addaa Diimaa jedhamutti ijoollee Bakkaafaafi Daawwit jedhaman dhalfatanii guddisuuf gara Gondaritti akka fudhatan himama. Maqaan Bakkafaa jedhus maqaa Oromoo ennaa ta’u nama bargaanfachaa deemu jechuudha (Tilahun gamtaa). Ennaa sababa aangootiin ilma Iyyaasuu hangafitti Taklayimanootii jedhamu murtiin du’a itti murta’ee murtii kana Oromoon Gojjamiin bulchaa ture namni Lumaamee jedhamu akka raawwatu itti waliigalamus, Lumameen garuu ilma mootichaa ajjeesuun Oromoofi sanyii mootoota /Israa’eloota/ gidduutti hammeenya sanyitti darbu hinuumu jedhe akka dideefi Oromoon waan dalaganillee cimsanii akka xiinxalan dubbatama.
Booda keessa ilmumittisaa kun (Taklaayimanoot) bara 1706 abbaasaa ajjeesiseefi booda Gojjamitti akka haaloo ba’eefi Taklaayimanootis sababuma kanaan waranamee akka ajjeefame seenaa keessatti barreeffamee jira. Haaluma kanaan Mootummaan Gondar tasgabbii dhabe. Isa kana keessa Oromoon immoo madda galii isaanii kan ta’e lafa hedduu qabachuun qaraxa irraa kutan.
Rakkoo kana furuuf jecha ilma Iyyaasuu isa sadaffaa Oromorraa kan dhalate Daawwitiin muudan. Ennaa Daawwit muudamu obboleessi Daawwit hangafti Bakkaafaan mana hidhaadha badee Oromoo Walloo keessa dhokate. Daawwitiinis rakkoo hamaa bulchiinsa waggaa shanii booda fonqolchan. Bakkaafaa Walloodhaa fidanii bara 1721 muudan. Ta’us haati warraasaa, Mintiwwabiifi innis gartokkoon Oromoodha jedhamanii waan shakkamaniif sanyii warra Salamoonii ala jedhamanii Habashoota hedduun mormaman.
Hata’u malee, Bakkaafaan ennaa gara Yejjuutti (Wallootti) baqatee Oromoon wajjiin michoomee akka gargaarsasaaniin aangoo qabate dubbatama. Haala kanas barreessan ‘Richard Greenfield’ jedhamu akkas jedhee ibsa. Bakkaafaan bara 1710 keessa Oromoo Yejjuu gara Gondoritti waamuun aangoo olaana akka kennaniifi waraanasaanii irra jireessa loltuu Oromootiin guutaniiru jedha. Bakkaafaan Mintiwwaab intala Oromoo kan fuudhe aangoonifi humni Oromoo cimaa waan dhufeef Oromoo ofitti madaqsuuf jedhee akka ta’e Haruuld Maarqos bareechee ibseera.
Ta’us Bakkaafaan muuxannoo mana hidhaafi Oromoo keessatti horateen isaan injifachuu danda’eera. Humna waraana Oromoo bakkaaf deggeruu keessatti ga’ee guddaa ba’aniiru. Abbootii lafa warra Sanyii Salamoon jedhee dubbii hidhuudhaan sirni bulchiinsa Gondar akka jeeqamu godhan Oromoon Bakkaafaa deggeruun bareechanii adabaniiru. Keessumatti Oromoon Maccaa warri Daamot firoota haadhasaa kan ta’an ga’ee guddaa taphataniiru.
Ennaa Bakkaafaan du’us Gondar keessatti baayyachuu Oromoo Habashoota cimsee waan aarseef Giiftii Mintiwwaabiin rakkisaa turan. Mintiwwaabis rakkoo kana furuuf eessumman ishee warra Quwaaraa bara 1732 fidus tasgabbii uumuu hindandeenye. Kanaafuu humnasaanii jabeeffachaa dhufaa kan jiru Oromoo Wallootti firoomuu murteessite. Isaan booda ilmisaani Iyyaasuun mootii ta’uun muudamee maqaan mootummaas Iyyaasuu II yookan Birhan Saggad jedhamuun beekumsa argatan. Iyyaasuu IIfaan gara Yejjuu deemuun Oromoo Yejjuu keessa Intala warra Sheek Wubiit ykn Afaan Amaaratiin ‘Birsebbet’ jedhamtu fuudhe. Kunis Oromoon Yejjuu mootumma Gondar akka dhuunfatan godhe.
Haaluma kanaan Iyyaasuu IIfi Mintiwwabiin gargaaruuf Oromoon Walloo hedduminaan Gondaritti galan. Ilmi Iyyaasuufi wabii kan godhatan Iyyo’as kan jedhamummoo ennaa bara 1755-1769tti aangoo qabatu bulchiinsi Gondar guutummaa guutuutti jechuudha Oromoo ta’e. Eessumman Iyyo’as Luboofi Birilleen Oromoon fardaan lolan kuma sadii ta’aan qabatanii Gondariin seenan.
Haaluma kanaan loltoonni masaraa mootummaa Gondar Oromoo, afaan heddumminaan dubbatamu Afaan Oromoo, hojii gaggeesitoonni Oromoo ta’en. Iyyo’asis afaan biraarra Afaan Oromoo dubbachuu filate jedhama. Kanas Greenfield’ ibse jira. Imala biyya Ingliizii kan ta’e Jamis Birus Jaarraa 18fa keessa masara mootummaa Gondar keessatti Afaan Oromoo qofaan akka dubbatamaa ture ibsee jira. Kunis mootummaa Gondar keessatti aadaafi dhiigni Oromoo hagam akka guddaa ta’e kan ifa godhuudha (Greenfield; 1965).
Adeemsa kana keessa haati Iyyo’as, Wubiit, Mintiwwabiin achii qabdee ofii Itiigee jedhamtee waamamuu barbaade. Kun immoo akkoo Iyyo’as Mintiwwaabiin waan aarseef Mintiwwabi bulchaa biyya Tigraay kan ta’e Mikaa’el Su’uuliin bara 1768 Gondaritti fiddee furuu yaalte.
Oromoon walfalmii aangoo bara mootummaa Gondar keessatti bakka olaanaa qabu turan. Falmichis Oromoo, Amaarootaafi namoota Tigraayi gidduutti raawwachaa ture yaaddoo guddaa ennasii ta’uu seenaa keessatti barreeffamee jira. Keessattuu du’a mootii Bakkaafaa booda walfalmii haadha Iyyasuu II Mintiwwabiifi haadha Iyyo’as Wubiit gidduutti godhamaa ture falmiin kun dirreetti akka ba’u taasiseera. Falmiin kunis haatii Iyyaasuu II Iteegee Mintiwwaabi akkuma aangoo olaanaa qabataniin haadha manaa ilmashee Wabii faana waldorgommii guddaa keessa seenuu isaaniiti. Falmii kana keessatti aangoo dhaalee kan jiru Iyyo’as akkawoosaa siyaasarra fageesse haadha ofitti qabe. Kun immoo garee durayyuu walfalmaa jiran biratti akka cimu godhe.
Itti fufa …
Obbo Alamaayyoo Haayilee Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
7 Comments to “Oromoota gara Kaaba Itoophiyaa jiraatan”