“Ibsi Ameerikaan ijaarsa hidha guddichaa irratti baafte dantaa biyyattii kan tuquudha” -Paartilee morkattootaa

Finfinnee: Ameerikaan Hidhaa Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisuun, walga’ii Itoophiyaan irratti hinargamne irratti Sudaaniifi Misrii waliin ta’uun ibsa torban har’aa baafteen, waliigaltee dambiifi qajeelfama ittiin bishaan guutamuufi gadi lakkisamu qophaa’e utuu hinmallatteessin hidhicha bishaan guutuu jalqabuun waan ta’uu hinqabnedha jetteetti. Mootummaafi ummatni Itoophiyaa ibsa Ameerkaan baafte kan hinfudhanne ta’uu yeroo gara garaa ibsaa jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti, maallaqa biyya alaatii argannuuf jennee kabaja biyya keenyaa dabarsinee hinkenninu. Ijaarsa hidha guddichaa haala faayidaa biyyoota biroo hinmiineen xumurree hojiirra oolchina. Ijaarsa hidhichaa kanaan dura xumuruun kan nurra ture ta’us kan darbetti utuu hingaabbin isa qabannee jirru utuu gad hin lakkisin ijaarsa hidha guddichaa xumuree fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Pirezdaantiin mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Riippabiliika Itoophiyaa Saahlawarqi Zawudee akka jedhanitti, fedhiin biyyattii qabeenya uumamaa isheetti haalaan fayyadamtee hiyyummaa injifachuudha. Akkasumas biyyattiin biyyoota ollaafi naannawaa ishee waliin ta’uun misooma laga Abbayyaa madda walitti bu’iinsaa ta’uu keessaa baaftee wiirtuu guddinaa taasisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jirti. Gara fuulduraattis misoomaafi guddina waliiniitiif kan hojjettu ta’uu addeessaniiru.

Ministiroonni Dhimma Alaa, akkasumas kan Bishaan, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa ibsa waliin baasaniin akka jedhanitti,  Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaafi guutiinsa bishaanii haala haqa qabeessa ta’eefi miidhaa hin qaqqabsiifneen  geggeessuu itti fufti. Biyyattiin ibsa Ameerkaan waliigalteen dambiifi qajeelfama ittiin bishaan guutamuufi gadi lakkisamu qopheessuun xumurameera jechuun baafte kan hinfudhanne ta’uufi dambiifi qajeelfamni bishaan hidhichaa ittiin guutamuufi gadi lakkifamuu kan qophaa’uu qabu biyyoota sadeeniin ta’uu akka qabus beeksisaniiru.

Hidhi guddichaa kennaafi eeyyama qaama birootiin kan ijaarramu akka hintaane hubatamuu akka qabu himanii Itoophiyaan hidhicha kan ijaartu mirga guutuu waan qabduufi qabeenya uumamaasheetti fayyadamtee lammiileeshee hiyyummaa keessaa baasuufi. Itoophiyaan hidhicha yammuu ijaartu biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiraatan bifa hinmiinen hojjechaa kan jirtu ta’uus hubachiisaniiru.

Misiriifi Ameerikaan waliigalteen hidhichaa dafee akka mallattaa’u barbaadanis, ummanni Itoophiyaa dhimmicha hubachuufi irrattis hirmaachuun waan isa barbaachisuuf, yeroon ni barbaachisa.  Maricharratti ga’een Ameerikaafi Baankii Addunyaa adda ba’ee beekamuu qaba; qaamoleen kanneen taajjabdummaarra darbanii seera qopheessanii dhiyeessuuf fedhii qabu.  Hundaafuu kan barbaachisu marii qofa; kanarra darbee dhaadannoon Misiriin dhageessisaa jirtu faayidaa kan hin qabne, hariiroo waloo laaffisuun ala bu’aa tokkollee kan hinqabne ta’uu hubachiisaniiru.

Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Toleeraa Adabaa akka jedhanitti, biyyootni sadeen Itoophiyaa, Sudaaniifi Misiriin dhimma hidha Abbayyaa irratti yeroo dheeraadhaaf walhubannaadhaan mari’achaa turaniiru. Biyyootni sadeen akkaataa ittifayyadama lagichaa irratti waliigalaa dhufaniiru. Mirgi itti fayyadama lagichaa akka biyyaatti utuu hintaane seera addunyaatiinis deggeramaadha. Lagichatti fayyadamuun mirga biyyaafi ummattoota Itoophiyaati jennee hubanna. Kanaafuu ibsi mootummaan Ameerikaa torban darbe ijaarsa hidhichaafi bishaan itti guutuu ilaalchisuun baase sirrii miti jedhaniiru.

Ibsi mootummaa Ameerikaa baase kun waliigalee biyyootni sadeen waliin taasisaa turan kan gufachiisuufi dantaa biyyattii kan tuqu waan ta’eef biyyootni sadeen akkuma kanaan duraa rakkoo jiru mariifi bifa saayinsaawaa ta’een furuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban eeranii, humna biraa keessa seenuufi kaan irratti dhiibbaa taasisuudhaan furmaatni argamu kan hinjirre ta’uu himaniiru.

Paartiin EZEMA ibsa kenneen akka jedhetti, dhimmi marii ijaarsa hidhichaas ta’e bishaan guutuu kallattiidhaan biyyoota sadeen ilaallata. Ibsi mootummaan Ameerikaa torban har’aa baase waliigaltee fayyadamummaa haqa qabeessa biyyootni sadan  duraan irra gahan ilaacha keessa kan hingalchineedha. Ibsi ba’es faayidaa haqa qabeessa Itoophiyaan laga Abbayyaa irraa argachuu qabdu kan hinmirkaneessineefi faayidaafi birmadummaa biyyattii kan dhiibuudha. Paartichi ijaarsa hidhichaa milkeessuuf adda sochii taasifamu kamiyyuu keessatti adda durummaan kan hirmaatu ta’uu ibseera.

Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin dhimma ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irratti yeroo ijaarsi hidhichaa jalqabe irraa ka’anii mari’achaa jiru. Yeroo dhiyoo as ammoo Ameerikaan adda addummaa Itoophiyaafi Misiriin gidduu jiru furuuf Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin mariisisaa kan jirtu ta’uun ni yaadatama.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

9 Comments to ““Ibsi Ameerikaan ijaarsa hidha guddichaa irratti baafte dantaa biyyattii kan tuquudha” -Paartilee morkattootaa”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: free chat
  3. Pingback: online chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *