“Humni nuti baasnuufi miindaan nuuf kanfalamu wal hinmadaalu” -Hojjettoota Paarkii Indastirii Kombolchaa

Kombolchaa: Babal’achuun misooma paarkii indastirii rakkoo hojidhadummaa furuu keessatti shoora ol’aanaa kan taphatu yoo ta’u, yeroo ammaatti Itoophiyaa keessatti abdii ijji dargaggootaa irra boqatu ta’aa jira. Ta’us paarkiiwwan indastirii biyyattii keessa jiran miindaa madaalawaa humna hojjettootaa ba’uun walgitu kaffalaa akka hinjirre komiin ka’aa tureera.

Paarkiiwwan indastirii kaffaltii miindaan walqabatee komii kaasan keessaa Paarkiin Indastirii Kombolchaa isa tokko yoo ta’u, dhiheenya wayita hojiif garas imallee turreetti hojjetoonni nuti dubbisne tokko tokko akka ibsanitti humni isaan baasaniif miindaan ji’aan kaffalamuuf walhingitu.

Shamarree Jamiilaa Ahmad dhalootaan magaalaa Dasee yoo taatu damee Gaarmantiin dhaabbata teknikaafi ogummaarraa eebbifamtee Paarkii Indastirii Huccuu Kombolchaa keessatti Supparvaayizara Oomisha Gaarmantii ta’uun qacarmtee hojjetti.

Guyyaatti sa’aa 8 warshicha keessa akka hojjettu himtee,  miindaa isheen ji’aan argattu qarshii kumaafi 200 yoo ta’u,  isa keessaa mana kiraa qarshii 800 akka baastu himti. Qarshiin miindaasheerraa hafu 300 nyaataafi gahaa waan hintaaneef ammallee maatiishiitti ba’aa ta’aa akka jirtu dubbatti

Miindaa wajjin walqabatee hojii amma irra jirtu kana gammachuun hojjetaa akka hinjirreefi mootummaan birmannaa gochuufii akka qabu kaasti.

Hojjetoonni hedduu warshicha keessa hojjetan sadarkaa barnootaanis ta’e muuxannoon haga fedhe walcaalanis miindaan kaffalamu garaagarummaa agarsiisuu dhabuunsaas abdii jireenyaasaanii maseensaa jiraachuus dubbatti.

Kanamalees abbootiin qabeenyaa warshichaas humna hojjetaa bahu sanaaf xiyyeeffannoo kennaa akka hinjirree kan eertu shamarree Jamiilaan saamicha humnaa qaqqabsiisaa akka jiraniifi yeroo dheeraa miindaa waliin walqabatee komiin ka’aa turus deebiin waaraa rakkoo hojjettootaa furu akka hinjirre dubbatti.

Dargaggoo Adam Hasanis Hojjetaa Paarkii Indastirii Kombolchaa keessatti supparvaayzarummaan hojjetaa kan jiru yoo ta’u, kan barates kan hinbarannes miindaan walqixa akka argatu kaasa. Hojjetaan sadarkaa barnootaan walcaaluufi guyyatati sa’aa saddeet hojjetu miindaa walfakkaatu argachunsaa sirrii miti jedha.

Warshicha keessatti hojiisaa ga’umsaan bahachaa akka jiru kan hime dargaggoon kun miindaan ji’aan kaffalamuuf qarshii kumaafi 200 jiruufi jireenyasaa gaggeessuun isatti ulfaachaa akka jiru dubbata. Miindaan kun mana kiraa, nyaataafi geejjiba akka isa hingeenye yoo kaasu, mootummaan hudhaa hojjettoota kanaa sakatta’uu akka qabu himeera.

Hojjetoonni gara biroos ji’aan miindaa gadaanaa argatanillee jiraachuu kan kaase  dargaggoon kun hojichi miira ofitti amanamummaa dargaggootaa hubaa akka jiru beeksiseera. Dhimmi kun akka furamuuf irra deddeebbiin gaaffii kaasaa turuus hanga ammaa deebiin quubsaa argame akka hinjirre ibsa.

Komii hojjetoonni kaasan kun dhugaa ta’uu kan nuuf ibsan ammo Komishinii Invastimantii Ioophiyaatti Gaggeessaa Hojii Paarkii Indastirii Damee Kombolchaa Obbo Mulugeetaa Mokonnon,  hojjetoonni qacaramanii hojjetaa jiran kunneen sa’aa hojii isaanirraa eegamu hojjetaa akka jiran kasanii miindaa ilaalchisee komiin irra deddeebii ka’aa turuullee yaadachiisaniiru.

Hudhaan kun akka furamuuf Ministeerri Dhimmi Hojjetaafi Hawaasummaa qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, haaluma kanaan hudhaan hojjetoonni kaasan kun akka biyyaatti rakkoo waan ta’aa jiruuf duub debiin ministeerichaa eegamaa jiraachuu himu.

Warshichi humnaafi ogummaa dargaggoota biyyaatti fayyadamee alergii omishaalee gara garaa jalqabuusaa ibsanii, faayidaan hojjettootaas xiyyeeffannoo argachuu akka qabaatu kaasanii jiru. Bu’aan qorannoo Ministeera Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa hanga iftoomutti hojjetoonni hojiisaanii obsaafi si’aayinaan hojjechuu akka qabanis gaafataniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

8 Comments to ““Humni nuti baasnuufi miindaan nuuf kanfalamu wal hinmadaalu” -Hojjettoota Paarkii Indastirii Kombolchaa”

  1. Pingback: fake advertising

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *