Walharkaa fuudhiinsa waadaa, imaanaa addaa

Gudar: Yeroo rakkoon biyyattii hammaatte san, gaafa namni waan afaanitti fidu dhabee afaan hoomachaa’e, gaafa  dhalli namaa osoo lubbuun keessa jirtu gogee muka qoraanii fakkaate, gaafa Itoophiyaan maqaa hanga ammaa keessaa bahuu dadhabde kana  galmee jechoota addunyaatiif gumaachite; seenaa hamaa yeroo jaamaa.

Bara 1970 oota beelli  Itoophiyaa mudatee ture sun seenaashee keessatti isa cimaafi yoomiyyuu hindagatamne, mootiin yeroo sanaa osoo masaraasaatti affeerraarratti affeerraa taasisu sana biyyattiin keessattuu kaaba baha biyyattii dhalli namaa akka mukaatti walirra jigee nama du’e awwaaluudhaafis humni dhabame ture.

Yeroo hamaa sanatti imala amantiitiif tuutni tokko handhuura biyyattii Finfinnee irraa gara iddoo beelaan adabamaa jirtuutti imale. Tuutni kun gaafa Walloon ga’u osoo bataskaanicha deeman hinseenne daandii irratti ummata beelaan miidhamee osoo lubbuun keessa jirtu goge arguusaaniitti gaddanii malli harkaa bada.

Hunda caalaa immoo daa’imman haadha lubbuun keessaa baate harma hodhaa jirtu arguusheetti miira addaatiin kaayyoo dura baateef kan dagatte miseensa garee sanaa keessaa isa tokko kan taate Aadde Abbabach Goobanaa, daa’imman lamaan sana reeffa haadhasaanii irraa fuutee gara Finfinnetti dhufuudhaan hojii tola ooltummaa tokko jettee eegalte.

Seenaa dhaabbata tola ooltummaa biyyattii keessatti isa jalqabaa kan hundeessite dubartiin cimtuun tun, dhala ofiishee qabaachuu baattus lubbuu namoota kumaatamaa jijjiiruufi guddisuudhaan haadha hiyyeessa hedduu ta’uu dandeessee jirti.

Har’a umriidhaan jaaruufi humni dhaabbatichaas murtaawaa dhufuusaatiin qabeenya dhaabbatichaa keessaa isa tokko kan ta’e Giddu Gala Qorannoo Qonnaa naannawa magaalaa Gudariitti argamu Yunvarsiitii Ambootiif  dabarsanii kennuusaanii  Daarektarri Waldaa misoomaafi Tola Oltummaa Ababach Goobanaa Obbo Isheetuu Araddoo siran kenninsa torban darbe taasifameerratti ni ibsu.

Kanaan dura sanyiiwwan filataamaa garaa garaa qorannoodhaan baasaa qonnaan bulaa naannawichaafi daa’imman waldichi guddisuuf dhiheessaa turuusaanii eeranii, hojii qorannoo qonnaa keessatti muuxannoo cimaa kan qabu yunvarsiitii Ambootiif dabarsuun immoo bu’aa hawaasaaf caalmaa akka qabu itti amanamuusaatiin akka ta’e dubbatu.

“Giddu gala kana kan fudhanne kaayyoo Aadde Abbabach galmaan ga’uudhaaf kutannoo cimaa waan qabnuufi” kan jedhan immoo Pirezdaantiin Yunvarsiitii Amboo Doktar Taaddasaa Qana’aa, yunvarsiitichi barnoota qonnaatiin akkuma biyyaattuu isa hangafaa ta’uunsaa immoo shakkii tokko malee kaayyoo kana galmaan ga’uudhaaf kan isaan dandeessisu ta’uu ibsu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

One Comment to “Walharkaa fuudhiinsa waadaa, imaanaa addaa”

  1. Pingback: Free Palestine

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *