Zoonii dinagdee addaa Gadaa warraaqsa dinagdee Oromiyaa cimsu

Adaamaa: Caffeen Oromiyaa zoonii dinagdee addaa Gadaa magaalota Mojoofi Adaamaa gidduutti hundeessuuf labsii lak.226/2012 bahe erga sakatta’een booda sagalee guutuun raggaasiseera.

Zooniin lafa hektaara kuma digdamii afur bal’aturratti hundaa’u kun garuu akka magaal­aa haaraatti kan tajaajilu waan ta’eef, qonnaan bultoota naannawichaarratti yaaddoo uumu­unsaa beekameera. Magaalotni lameenuu waggoota darban keessa saffisa olaanaatiin babal’achaa waan turaniif, qonnaan bultoota hammachuurra ofirraa dhiibaa turuusaanii miseensota Caffeetiinis ka’eera.

Sababa, kaayyoofi galmi wiirtuun zoonii di­nagdee addaa kun akka filatamu taasises um­mataaf ifatti ibsamuu kan qabu yoo ta’u, ye­roo dheeraa booda tarii miidhaa ummatarratti qaqqabsiisuu danda’u yoo jiraate qorannoo saayinsaawaatiin furamaa deemuu akka qabu yaadachiifameera. Faayidaansaa garuu mis­eensota Caffeetiin waan itti amanameef akka hojiirra ooluuf mirkaneeffameera.

Komishinarri Komishinii Karooraafi Mis­ooma Dinagdee Oromiyaa Doktar Tashoomaa Addunyaa caffichaaf akka ibsanitti, jiruufi jireenya ummata Oromoo jijjiiruuf tarsiimoo misooma dinagdeefi hawaasummaa haala hir­maachisaa ta’een diriirsuun murteessaadha. Zooniin dinagdee addaa Gadaa hundeef fame kunis tarsiimoo Bulchiinsi Naannoo Oromiyaa keessumaa hojidhabdummaa dargaggootaa bu’uurarraa furuuf qabate waan ta’eef, abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa hawwachuuf kan gargaarudha jedhan.

Guddinni magaalota Oromiyaas sadarkaa guddina magaalotaa biyyattiifi addunyaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gadaanaa waan ta’eef, fooyyessuutiin wiirtuu indastiriiwwanii akka ta’aniif zooniin dinagdee addaa dhimma barbaachisaa ta’uusaa xiyyeeffannootiin ibsaniiru.

Sirna daldalaa alergii guddisuun sharafa biyya alaa argamsiisuuf, qabeenya lafaa qusannaan itti fayyadamuufi fayyadamummaa hawaasa naannawichaa mirkaneessuuf gahee guddaa qabaachuusaas dubbataniiru.

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keeyyata 49/1994 lak.49/3 bu’uura godhachuun qaama zoonicha misoomsu, gurmeessu, akkasumas hordofuufi to’atu hundeessuun danda’ameras jedhan. Kanaanis labsii lak.226/2012tiin Abbaan Taayitaa Zoonii Dinagdee Aadaa Gadaa hundaa’uusaa ibsaniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas akka jedhanitti, hoggansisaanii rakkoolee misooma hawaasummaafi dinagdee ummata Oromoo hundeerraa furuuf tarsiimoowwan haaraa ta’an bocuutiin hojii keessa seeneera. Zooniin dinagdee addaa Gadaa magaalota Mojoofi Adaamaa gidduutti hundeeffamus keessumaa dargaggoota naannichaaf carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa qabaachuusaa bira gahameera jedhan.

Zooniin dinagdee kun warraaqsa dinagdee Oromiyaa eegalamee jirus kan cimsuudha kan jedhan Obbo Shimallis, keessumaa ammoo warshaalee misooma qonnaa si’eessan daran babal’isuuf shoora olaanaa kan qabuudha. Kunimmoo qonnaan bultootaaf carraa guddaa kan banu waan ta’eef, milkeessuuf hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas magaalota Oromiyaa godinaalee keessatti zoonii dinagdee addaddaa ijaarsisuuf karoorseera jedhanii, kunis wiirtuuwwan bashannanaafi fayyaa, akkasumas hawwata turizimii harkisuuf kan ooludha. Hawwii qofaan badhaadhina fiduun waan hindanda’amneef hunduu tumsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

3 Comments to “Zoonii dinagdee addaa Gadaa warraaqsa dinagdee Oromiyaa cimsu”

  1. Pingback: fifa55cash

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *