Bataskaanni hordoftoota 10 hincaalle qabu Musliimotaan kunuunfamaa jira Waasihun

Kamisee: Bataskaanni Amantii Ortodoksii, Naannoo Amaaraa, Godina Saba Oromoo, Aanaa Daawaa Caffaa, Ganda Gurree keessatti argamuu bara 1875 akka hundaa’e odeessi Waajjira Aadaafi Turiziimii godinichaa irraa arganne ni ibsa.

Hordoftoota amantichaa abbaa warraa 10 hincaalle kan qabu bataskaanichi musliimotaan eegamaa as gahuu waajjirichatti Ittigaafatamaan To’annoo Hambaaleefi Misooma Turiziimii Obbo Mohaammad Ahmad ni dubbatu.

Ittigaafatamichi ibsa Sanbata darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, bataskaanni kun maqaa ‘Qay Afar Qiddus Gabri’eel’ jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, bara 1875 akka hundaa’eefi hordoftoota amantichaa abbaa warraa 10 hincaalle kan qabu ta’u ibsu.

Jiraattonni naannawichaa dhibbantaan 99 Musliima ta’uufi bataskaanicha akka kabaja mana amantaasaaniitti kununsaa akka jiran kaasanii, umrii dheeraa qabaachuun walqabatee wayita suphinsi barbaachisaa ta’ettis abbummaan itti ba’ee kan ijaaru isaanuma ta’uu dubbatu. Gochaan gaarummaa akkanaa kun ilaalchi garaagarummaa amantiin walnama qooduu akka hinjirre kan agarsiisu ta’uus ni ibsu.

Har’as bataskaanni kun kan hordoftoota kiristaanaati jedhamee osoo hindhiibamiin musliimaa naannawichaatiin kununfamaa jiraachuu kan himan Obbo Mohaammad, keessumattuu bakkichi seenaqabeessaaf bakka hawwata turistii ta’ee tajaajilaa akka jiru addeessu.

Hordooftoonni muraasni amantii Ortodoksiifi Musliimaa aanichaa kunneen nagaan waliin jiraachuusaanii eeranii, ololtoonni maqaa amantiin hawaasa walitti buusuuf yaalan kutaa biyyittii garagaraa keessatti jeequmsa facaasuuf yaalanis Daawaa Caffaa keessatti gurra isaan dhagahu hinarganne jedhaniiru.

Gochaan abbummaafi aantummaa Musliimota aanichaa fakkeenya irraa baratamuu qabu ta’uu obbo Mohammad ibsanii, godinicha keessa hordoffoonni amantii pirotestaantiifi kan biroollee jiraachuusaaniifi miira waldanda’uufi obbolummaan jiraachaa jiraachuusaanii himu.

 Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

2 Comments to “Bataskaanni hordoftoota 10 hincaalle qabu Musliimotaan kunuunfamaa jira Waasihun”

  1. Pingback: sideline
  2. Pingback: Saphir Thailand

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *