Gudinni Geede’oo godinaalee Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Naannoo Kibbaa keessaa isa tokko yoo ta’u, godinichi qabeenya bosonaa, bunaa, qaachoofi dhagaawwan dhaabbii boca gara garaa qabaniifi hanga meetira saddeetii dheeratan qabaachuun beekama.
Ummatni godinichaa ammoo Sirna Baalleetiin kan bulu yoo ta’u, qabeenya bosonichaa eeguufi kunuunsuudhaan beekama. Kanarraa ka’uudhaan godinichi waggaa guutuu bifa magariisa uffatee argama.
Obbo Hayiluu Bayyanaa miseensa garee barreessitoota seenaa saba Geede’ooti. Isaanis gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, ummatni Geede’oo sirna Baalleetiin bula.
Akka sirnichaatti, namni tokko bara jireenyasaa sadarkaa Baallee sagal keessa darba. Isaanis Qadaaddoo, Siidaa, Lumaasaa, Raabaa, Luba, Yuuba, Guduroo, Qululloofi Cowwaajjee jedhamu.
Qadaaddoon yeroo mucaan garaa keessatti uumame irraa jalqabee lakkaa’ama. Namni tokko sadarkaa Baaallee tokko irraa isa itti aanutti kan ce’u waggaa saddeet saddeetiini. Ummatni Geede’oo Abbaan Gadaa tokkoon bula. Abbaan Gadaa tokko ammoo sadarkaa Lubaatti aangoo fudhatee waggaa saddeetiif ummata geggeessa.
Hojiileen ummatni Geede’oo raawwatu hundi sirna Baalleetiin geggeeffama. Sirna Baallee keessatti namni marti seera qaba. Abbaafi ilmi, jaarsoliin, ollaan seera qabu. Sirna Baallee keessatti fuudhaafi heerumni, araarri, akkaataan ittiin Waaqa kadhataniifi galateeffatan seera qaba. Sirni Baallee seera hinbarreeffamin ummatni Geede’oo ittiin buluudha jedhu Obbo Hayiluun.
Ummatni Geede’oo Waaqa tokkichatti (Maagenootti) amana. Samiifi lafa kan uume Maagenoodha. Sirni ittiin Maagenoo kadhatan ‘Qeexalaa’ jedhama. Ummatin Geede’oo yeroo hongee, beelaa, waraanaafi weeraraa sirna ‘Qeexalaa’ kanaan Waaqayyoon kadhata. ‘Tolchaan’ ammoo sirna ummatichi ittiin Waaqayyoon galateeffatu yoo ta’u, ‘Gooloon’ ammoo sirna ummatichi ibidda qabsiisee ittiin Waaqayyoon araara ykn dhiifama gaafatuudha. Abbaan Gadaa geggeessaafi bakka bu’aa ummatichaa waan ta’eef hojiin isaa inni guddaan Waaqayyoon kadhachuu, galateeffachuufi araara gaafachuufi ummata gorsuudha jedhu.
Walitti bu’iinsi abbaa warraafi haadha warraa, obboloota, ollaa, gosaafi gosa gidduutti yoo uumame akka seera Gadaatti furama. Kan balleesses akkaataa sadarkaa balleessaa isaatiin adabbiin itti murama. Ummatni Geede’oo nama nama ajjeese ni balaaleffata.
Namni tokko utuu hinbeekin dhiiga namaa yoo dhangalaase ykn yoo madeesse namni miidhaa geessiseefi namni miidhame jaarsolii duratti dhiyaatanii dhimmi isaanii erga ilaalameefi utuu hinbeekin miidhaa kan geesise yoo ta’e baala mukaa ‘Cooshiqaa’ jedhamu madaa isa miidhameerra kaa’ee madaan kee haafayyu, haaqabbanaa’u jedhaan. Madaan sunis dafee fayya. Sirni kun ‘Danoo’ jedhama. Namni tokko ammoo haaloo qabatee itti yaadee yoo nama madeesse ykn dhiigasaa dhangalaase sirna ‘Muundoo’ jedhamuun ilaalama.
Walittibu’iinsi gosaafi gosa gidduutti yoo uumame ammoo gosootni walitti bu’an taa’anii mari’atanii erga inni balleesse adda ba’ee booda sirni ‘Gondooroo’ adeemsifama. ‘Gondoroo’ jedhamuun balleessaafi yakki akkasii lammataa irra hindeebi’in; yaa Waaqqayyo sababa yakka kanaatiin ummata kanatti hindheekkamin jechuudha.
Sirni kun yeroo geggeeffamu gosootni walitti bu’an lamaan sangaa fidanii dhufu. Saggootni dhufan erga qalamanii booda arrabni sangoota qalamanii bakka lamatti muramanii gosootni walitti bu’an lamaan waliin akka nyaatan ni taasifama.
Akkasumas foon billiitii adda addaa irraa muramee walitti makamee waliin akka nyaatan taasifama. Kun walitti araaramanii tokko ta’uu isaanii mul’isa. Qaama waliigaltee kana cabse irratti Waaqayyo tarkaanfii ni fudhata jedhamee amanama.
Sirni ‘Gondooroo’ kun yoo cabe ammas irra deebi’amee ilaalamee qaamni balleesse erga adda ba’ee booda sangaan qalamee lafee sangaa qalamee cabsuudhaan kun irmiidhaa dhiisaa jechuun qaamotni walitti bu’an lamaan akka araaraman taasifama.
Kun sirna ‘Gondooroo’ isa dhumaati. Lafee cabsuun yakki kun lammata irra hindeebi’u cabeera jechuudha agarsiisa. Sirni araaraa dhiyeenya kana ummata Gujii Lixaafi ummata Geede’oo gidduutti taasifamee tures ‘Gondooroo’ jedhama jedhu.
Ummatni Geede’oo qabeenya uumamaa isaas akkaataa sirni Gadaatiin eeggata. Sirna Baallee keessatti muka muruun dhorkaadha. Namni tokko maasaa nama biraa irraa marga haammu, muka hinmuru.
Ummatni Geede’oo bakka hundumaa biqiltuuwwan dhaabee kunuunsa. Kun Godinni Geede’oo bosonaan marfamee, bonaafi ganna magariisa uffattee akka argamtuufi bishaan gaara keessaa akka burqu taasiseera. Kun kan ta’e ummatni Geede’oo sirna Gadaatiin buluu isaatiini jedhu Obbo Hayiluun.
Ummata Geede’ootiif bosonni, bunniifi qaachoon jireenya. Godinni Geede’oo waggaa guutuu magariisa. Ummatni qabeenya uumamaa haala kanaan kunuunsuufi eegu galateeffamuu qaba.
Qabeenyi bosona Godina Geede’oo qabeenya biyyaa waan ta’eef hayyoonnis irratti qo’annoo adeemsisuufi miidiyaaleenis muuxannoo kana babal’isuuf hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru. Sirni Baallee kun eegamee barreeffamaan dhalootaa dhalootatti akka darbuufis hojjechaa jiraachuu himu.
Bulchaa ittaanaan Godina Geede’oo Obbo Gazzuu Asaffaa akka jedhanitti, saayinsiin akka jedhutti baay’inni ummataa dabalaa akkuma deemu bosonni xiqqaachaa adeema. Godina Geede’ootti garuu baay’inni ummataa dabalaa deemus hangi bosonaa hir’achaa hindeemu. Kun kan ta’es ummatni godinichaa aadaa bosona eeguufi kunuunsuu waan qabuuf ta’uu himu.
Ummatni Geede’oo bosonaan marfamee bosona keessa jiraata. Ummatni godinichaa muka tokko muruudhaan dura biqiltuu biraa dhaabee erga guddisee booda mura. Qabeenya bosona godinichaa kana ‘UNESCO’ irratti galmeessisuun addunyaan akka beeku taasisuudhaaf sanadni qorannoo xumuramee gara mootummaa federaalaatti ergameera. Qabeenyi bosona Geede’oo kun galmee ‘UNESCO’ yeroo irratti erga galmaa’ee kan ture ta’uus himaniiru.
Dhagaawwan dhaabbii akka Afrikaa Bahaatti argaman kuma 10 keessaa kumni ja’aa ol godinichatti kan argaman ta’uu kan himan Obbo Gazzuun, dhagaawwan dhaabbii godinichatti argamanis baay’inaanis ta’e boca isaatiin ta’uufi hanga meetira saddeetii kan dheeratan ta’uu himu. Bakkeewwan dhagaawwan dhaabbii kunneen itti argaman akka hawwata tuuristiitti kan tajaajilu ta’uu himu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
9 Comments to “Sirna Baallee: Seera ittiin bulmaata ummata Geede’oo”