“Salaaleerraan aadaan badde galte”

Finfinnee: Akka afoola maanguddoota Salaaleetti waggoota 150 dura yommuu Gadaan Maccaafi Tuulamaa yaa’iisaa taa’u, Gadaa akka fuudhuuf namni ergamee ture. Bakki yaa’iichaas fagoo waan tureef miilaan imaluun dirqama. Namni ergame kunis imaanaa ummataa fuudhee boqochaa utuu deemuu dadhabee karaarra takka rafe. Irribni waan isa dageefis sa’aatii bakka yaa’ii ga’uu qabutti ga’uu hindandeenye. Sababa kanaan Gadaa hinfuudhiin deebi’e.

Marsaan Gadaa tokko dabarraan isa biraa argachuuf waggoota saddeet eeguun barbaachisaa waan tureef, warri Salaalee waggicha eeggachuu eegalan. Ta’us sirni cunqursaa gidduutti dhufe utuu Gadaan hinfuudhamiin dhiibbaa garagaraa taasisuun akka adda citu taasise. Sirnichi Salaalee qofa osoo hintaane godinoota Oromiyaa hedduu keessaa Sirni Gadaa akka addaan cituufi laafuu taasise.

Haa ta’u malee, sirnichi hundee jabaarra kan dhaabbate waan ta’eef hammam dhiibbaan irra ga’ullee cira baduu hindandeenye. Barri darbee har’arrammoo bakkeewwan garagaraatti aadaan badde galaa jirti. Godinaaleen sirni gadaa addaan cite ture, gadaasaanii haaromfachaa jiru. Torban darbes biyya goota Taaddasaa Birruu Salaaleetti aadaan badde galteetti. Aanaalee godina Shawaa Kaabaa sadii jechuunis, Warra Jaarsoo, Darraafi Dabralibaanoositti sirni gadaa deebi’ee hundeeffameera.

Abbaa Gadaa Roobalee, Fiqaaduu Baalchaa Abbaa Gadaa Aanaa Warra Jaarsoo yoo ta’an, deebi’uu sirnichaa ilaalchisuun yaada kaleessa nuuf kennaniin akka jedhanitti, sirni gadaafi warri salaalee erga adda ba’anii jaarraa tokko kan caale yoo ta’u, amma deebi’uunsaa Oromoon naannawichaa dhiibbaa sirnaatiin eenyummaasaa dagate akka of baru taasisa.

Sirni Gadaa deebi’uusaatiin safuun, aadaan, nageenyi, afaaniifi kabajni ummatichaa akka deebi’u kaasanii, hojii ittaanuun sadarkaa gandaarraa kaasee hanga godinaatti walta’uudhaan sirnicha cimsuun guddummaasaatti deebisuuf kan hojjetamu ta’uu himu.

Haadha Siinqee Faayituu Wadaajoo, aanaa Dabralibaanoos irraa yaada nuu kennaniin, Sirni Gadaa waggoota dheeraaf addaan cite ture deebi’uunsaa ummata naannawichaaf hiika guddaa akka qabu kaasan. Kanaanis aadaa, safuu, duudhaafi eenyummaansaa waan deebi’uuf rakkoolee hedduu furmaata kan itti argatan illee akka ta’u kaasu.

Naannawichatti Ayyaantuun jiruufi jireenya dhimmoota nageenyaan walqabatanrratti socho’aa turuu eeranii, sirni gadaa deebi’uusaatiin humna walii ta’uun tokkummaadhaan akka hojjetaniif akka gargaaru dubbatu.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa, Aadde Almaaz Makbib ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Sirni Gadaa ummata Oromoo biratti bakka olaanaa qabaatus hacuuccaa sirnoota darbaniin irratti taasifameen bakkeewwan hedduutti addaan cite ture. Keessumaa cunqursaan ture godinichatti daran hammaataa waan tureef waggoota hedduudhaaf sirnicha osoo hinadeemsifatiin turuusaa ibsu.

Ta’us sirnichi akka baduutti kan ijaarame waan hintaaneef cira baduu akka hindandeenye kaasanii, dhiheenyaa as Oromoon mirga aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaasaa bakkatti deebifachuu danda’uusaatiin sirni gadaa bakkeewwan hedduutti haaromfamaa jiraachuu dubbatu. Godinnisaaniis aadaafi eenyummaa bade ture iddootti deebisuuf hojii hojjetaa jiruun ammaan tana aanaalee shanitti sirni gadaa idootti deebifamuusaa ibsu. Aanaaleen kunneenis bardheengaddaa Kuyyuufi Hidhabuu Abootee, baranammoo, Warra Jaarsoo, Darraafi Dabralibaanos ta’uu addeessu.

Akka ibsa Aadde Almaazitti, maangudoonni, hayyoonniifi ummanni godinichaa sirni gadaa iddootti akka deebi’uuf fedhii olaanaa qaburraa ka’uun tumsa taasisaa kan turan yoo ta’u, aanaalee godinichaa birootti sirnicha bakkatti deebisuufis fuulduraaf xiyyeeffannaadhaan ni hojjetama jedhan. Ammaan tanas aanaalee shananirratti abbootii gadaa filatamanii waan sirnichi barbaadu hunda guutanii hojii eegaluuf sochiin jiraachuu kaasanii, kanaafis deggarsi abbootii gadaa akka naannoofi godinaalee garagaraa keessa jiranii olaanaa akka ta’e ibsu.

Sirni gadaa bakkatti deebi’uunsaa ummanni aadaafi duudhaa waldhaggeeffachuu, waljaallachuu, walii obsuufi kanneen biroo deebifachuun rakkoolee nageenyaan walqabatee uumamaa jiran itti furachuu akka danda’u kaasu. Godinichatti sirni gumaa waan hinjirreef haaloo ba’annan daran bal’atee waan mul’atuuf rakkoo gama kanaan mul’atu furuufillee faayidaa olaanaa akka qabu himu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Salaaleerraan aadaan badde galte””

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: toto slot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *