“Mirga waloofi dhuunfaa walcinaa deemsisuun dirqama” -Doktar Roobsan Margoo

Finfinnee: Sirna federaalizimii dhugaa keessatti mirga waloofi dhuunfaa walcinaa eeguufi eegsisuun dirqama ummataafi mootummaa ta’uusaa barsiisaafi qorataan barnoota garaagarummaa Doktar Roobsan Margoo ibsan.

Saayinsii barnoota garaagarummaa keessatti mirga waloofi dhuunfaa walcinaa eeguufi eegsisuun dagaagsaa kan hindeemne taanaan oolee bulee diigumsa fiduunsaa waan hafu miti. Kanaaf ammoo mootummaanis ta’e paartiileen morkattootaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechuun isaanirraa kan eegamu ta’uu himaniiru.

Garaagarummaan heddummina eenyummaa sabootaafi sablammootaati kan jedhan Doktar Roobsan,  kunis kennaa uumamaa jiruufi jireenya lammiilee keessaan calaqqisee mul’atu malee abaarsa akka hintaane hubatamuu qaba. Sirni mootummoota Itoophiyaa duraanii garaagarummaa eenyummaaf iddoo guddaa kennaa waan hinturreef, sabootaafi sablammootni biyyattii hacuucamaa turan.

Kanaan booda garuu akkuma duriisan biyya afaan, aadaa, seenaafi duudhaa tokko ijaaruu yaaduun gonkumaa akka hindanda’amne beekuun barbaachisaadha. Rakkooleen garaagarummaa keessa jiran garuu hariiroo sabootaafi sablammootaarratti  dhiibbaa akka hinuumneef to’achuun kan danda’amu ta’uusaa hubatamuu qabas jedhan.

Akka ibsasaaniitti, wayita ammaa rakkoon guddaan Itoophiyaa sirna federaalizimii sabummaarratti xiyyeeffate hordofuu osoo hintaane garaagarummaa eenyummaa haala saayinsawaa ta’een to’achuu dadhabuurraa kan maddeedha. Bu’uurri siyaasa biyyattii raasaa jirullee kanuma yoo ta’u, mirga waloofi dhuunfaa eeguu, akkasumas eegsisuu waliin kan walqabatuudha jedhan.

Qaamoleen tokko tokko mirgi waloo kan dhuunfaa waan caaluuf dursi kennamuufii qaba jechuun wayita falman dhagahamu. Kunimmoo sirrii waan hintaaneef, sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu waliin kan walitti bu’u ta’uusaa himan.

Akka heera mootummaa RFDItti sabootniifi sablammootni daangaa Itiyoophiyaa keessa jiraatan mirga waloosaaniitti fayyadamanii hireesaanii murteeffachuu danda’u. Gama kanaan jalqabbiin sirna ADWUI duraaniitiin ture guutuumaatti hojiirra waan hinoolleef, hanga har’aattuu sabootaafi sablammoota gidduutti walshakkii uumaa akka jiru dubbatan.

Wayita ammaa garuu keessumaa sabootniifi sablammootni Bulchiinsa Naannoo Ummattoota Kibbaa heerarratti hundaa’anii gara naannootti guddachuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessaa jiraachuusaanii yaadatanii, akka saayinsii barnootaa garaagarummaattis ta’e seeraan sirriifi fudhatama kan qabudha. Ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti bulchiinsi ummataa, ummatumaaf waan ta’eef, mirga waloosaanii seeraan gaafachuufis ta’e hojiirra oolfachuuf waanti dhorku tokkollee hinjiru jedhan.

Baay’inni naannolee tokkummaafi waliigaltee Itiyoophiyaarratti dhiibbaa akka hinqabnes ibsanii,  Ameerikaan Kaabaa (‘USA’)n bulchiinsa naannolee shantamii lama qabaachuushee yaadachiisan. Gaaffileen Ummattoota Kibbaas mirga waloofi dhuunfaa waliin kan walitti hidhatu waan ta’eef, akkaatuma heeraatiin furmaata kennuun murteessaadha jedhu.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Mirga waloofi dhuunfaa walcinaa deemsisuun dirqama” -Doktar Roobsan Margoo”

  1. Pingback: lazywin888
  2. Pingback: Japanese cams
  3. Pingback: sci diyalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *