Labsiin haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa walitti bu’iinsa eenyummaa ittisa

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’ootaUmmataa Kamisa  darbe walga’ii ariifachiisaa jalqabaa geggeeffateen labsii haasaa jibbiinsaafi tamsaasa odeeffannoo sobaa lak.1185/2012n qophaa’e sagalee caalmaan raggaasiseera. Kunis walitti bu’iinsota eenyummaarratti xiyyeeffatanii mudachaa jiran kan ittisu ta’uu ibsameera.

Miseensotni mana marichaa sagalee 23n mormaniifi qoqqobbii sagalee lama kennanis sodaawwan qaban bal’inaan kaasaniiru. Kanaanis labsichi heera RFDIfi waliigalteewwan idiladdunyaa biyyattii kanaan dura mallatteessitee fudhatte waliin kan walhinsimne ta’uu dubbataniiru. Keessumaa ammoo mirga lammiileen yaadasaanii karaa bilisa ta’een ibsachuuf heeraan argatan kan mulqu waan ta’eef oolee bulee rakkoo kan uumu ta’uu eeraniiru.

Kana malees, labsiin bahe kun sabootaafi sablammoota, akkasumas kutaalee hawaasaa addaddaa gidduutti walshakkii kan uumuudha jechuun barsiisa amantii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kunimmoo ummattootni biyyattii qabata dhimmoota eenyummaatiin akka walqoqqoodaniif karaa kan saaqudha jedhan. Kanaaf ammoo labsicha hojiirra oolchuurra haala itti fufiinsa qabuun hariiroo ummattootaa cimsuun furmaata ta’uu addeessan.

Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Dimokiraasii Obbo Abbabaa Gadeeboo gaaffiilee mormii ka’aniif deebii kennaniin akka jedhanitti, erga wixineen labsichaa qophaa’ee kaasee heera biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirtuufi waliigalteewwan idiladdunyaa waliin walsimachuufi dhiisuusaarratti ogeessota seeraatiin deggaramee qoratamaa tureera. Kanaanis yaadotni keessumaa faayidaa lammiilee molqaniifi heera biyyattii faallessan akka haqaman ta’eeraa jedhan.

Itoophiyaan hanga har’aatti labsii haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa baastee hojiirra oolchuu dhiisuutiin lammiileen walitti bu’iinsota eenyummaaf akka saaxilaman taasiseeraa jedhanii, turus bahee raggaa’uunsaa wajjummaa sabootaafi sablammootaaf wabiidha jedhan.

Hundarra ammoo walitti bu’iinsota eenyummaarratti xiyyeeffatanii iddoowwan addaddaatti mudachaa turaniifi jiran kan ittisu ta’uus himaniiru.

Kaayyoon labsichaas mirgoota lammiileefi nageenya biyyaalessaa eegsisuuf kan labsame waan ta’eef, haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa sabummaan, gosaafi amantiin lammiilee biyyattii walitti buusuuf tooftaalee addaddaan tamsa’an kan ittisuudha jedhan.

Barbaachisummaan labsichaas akkuma Itoophiyaa qofaatti osoo hintaane biyyoota Awurooppaafi Eeshiyaa hedduu keessatti hojiirra oolfamaa jiraachuu dubbataniiru.

Erga labsiin kun ragga’ee kaasees qaamoleen sabootaafi sablammoota gidduutti karaa sobaan summii facaasan seeraan kan dhorkaman waan ta’eef ummataafi mootummaa kan boqochiisu ta’uus himaniiru. Kanaaf ammoo kutaaleen hawaasaa martiifi mootummaan walta’insaan hojiirra oolchuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun wixineen labsii taaksii eksaayizii lak.1186/2012 sagalee caalmaadhaan kan ragga’e yoo ta’u, shaqaxoota xixiqqaa alarraa galanirratti ashuura buusuudha. Kunimmoo keessumaa shaqaxoota jireenya lammiilee huban kanneen akka tamboofi dhugaatii alkooliifaa akka hir’atu kan taasisu ta’uunis ibsameera.

Wixineen Labsii Dhimmoota Mana Maree Islaamummaa Itoophiyaaf qaama seerummaa kennisiisus gara Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaafi Dimokiraasiitti qajeelfameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

2 Comments to “Labsiin haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa walitti bu’iinsa eenyummaa ittisa”

  1. Pingback: grote blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *