Ispoortii ‘Kikbooksii’ babal’isuuf kutannoobarbaachisa

Finfinnee: Yeroo ammaa addunyaarratti akaakuwwan ispoortii addaddaatu adeemsifamaa jira. Isaanis akkuma bal’inaafi dhiphinasaanitti dirreewwan  addaddaafi galmawwan keessatti adeemsifamu.

Walmorkiin kubbaa miilaa, taphni qillee, dorgommiin gulufa fardaa, atileetiksiifi ispoortiin golfii dirreewwan babal’oorratti kan gaggeeffaman yoo ta’u, teenisni miinjaalaa, cheeziin, kubbaan saaphanaafi kachoo, akkasumas akaakuuwan ispoortii maarshaal aartii ammoo galmawwan keessatti gaggeeffamu.

Kikbooksiin ispoortii maarshaal aartii keessaa tokko yoo ta’u, addunyaarratti keessumattuu biyyoota ardii Eeshiyaa kanneen akka Jaappaan, Kooriyaa Kaabaafi Kibbaatti, Hindiifi Chaayinaatti, Kaamboodiyaa, Taayilaanditti, akkasumas Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa adda addaatti bal’inaan hordofamaa jira.

Ispoortiin kun biyyaa teenya kan seene yoom akka ta’e beekamuu baatus jabana mootii Hayilasillaasee keessa akka ta’e dubbatama. Haata’u malee jabana Dargii keessa dallaa raayyaa ittisaa keessatti dhoksaadhaan hordofamaa akka tures ogeessonni  ispoortii kanaa  yeroo adda addaa ni ibsu.

Ispoortiin kun ammaan tana biyya teenyatti keessumaa magaalota guguddoo keessatti seerasaa eeggatee haalaan dargaggoota biratti beekamaa dhufeera.

Magaalaa Finfinnee, kutaalee magaalattii hunda keessatti babal’isuuf Waldaan Ispoortii Kikbooksii  gurmeessu Komishinii Ispoortii Magaalaa Finfiinnee jalatti gurmaa’uudhaan sochii bal’aa gochaa jira.

Pirezidaantiin waldichaa Maastar Instiraaktar Azaazhi Ayyalaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ispoortii kana biyya keenyatti babal’isuudhaaf kutannoo barbaachisa. Keessumattuu dargaggonni keenya ispoortii kanaaf jaalala olaanaa waan qabaniif hirmaatota akka ta’an koreen kun xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jira jedhan.

Komishiniin Ispoortii Federaalaafi Finfinnees dhimmichi kan isaan ilaallatu waan ta’eef waldicha maddii dhaabachuudhaan guutuu biyyaafi Finfinnee keessatti caalaatti akka hordofamuuf ga’eesaanii taphachuu  qabu jedhu.

Ispoortiin kun biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Keeniyaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaafi Burundiitti, akkasumas Afrikaa Kibbaa, Gaanaa, Botiswaanaafa’atti bal’inaan kan gaggeeffamuudha. Gara fuula duraatti ammoo sadarkaa biyyooleessaatti waan gaggeeffamuuf Itoophiyaanis itti qophaa’u qabdi jechuun gorsu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

4 Comments to “Ispoortii ‘Kikbooksii’ babal’isuuf kutannoobarbaachisa”

  1. Pingback: hema4d
  2. Pingback: fortnite hacks
  3. Pingback: Bulk Ammo Sale
  4. Pingback: site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *