Badhaasni har’aa injifannoo boriif galaadha

Finfinnee: Dorgommiiwwan addunyaafi Afrikaa adda addaarratti hirmaachuudhaan qabxii boonsaa  kan galmeesisan jilli ispoorteessitoota  Itoophiyaa Kamisa darbe hoteela Kaapitaalitti badhaasa garagaraa badhaafameera.

Atileetonni badhaafamanis Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa Kuwaatar, Dohaatti adeemsifameefi Taphawwan Guutuu Afrikaa Morookoo, Kaasaabilaankaatti gaggeeffametti qabxii boonsaa warreen argamsiisaniif.

Akkasumas Shaampiyoonaa Atileetiksi Afrikaa miidhamtoota qaamaa Keeniyaa, Naayirobitti gaggeeffame, Shaampiyoonaa Teekuwaandoo Afrikaa Taanzaaniyaa, Arushaatti keessummeeffamerratti hirmaachuudhaan warreen miilkiidhaan dacha’aniif kan kennamedha.

Kana malees shaampiyoonaa teenisa miinjaalaa biyyoota bahaafi giddugaleessa Afrikaa Taanzaaniyaa, Daareesalaamitti gaggeeffamerratti hirmaachuudhaan galaniidha.

Mootummaan federaalaa ispoorteessitoota akaakuwwan ispoortii adda addaatiin  injifannoodhaan galan, hirmaattota, leenjistootaafi dura buutota isaaniif walumaagalatti qarshii miiliyoona shanii ol badhaaseera.

Ministir de’eetaan Ministeera Aadaaf Turizimii Obbo Habtaamuu Sisaayi sirna badhaasichaarratti argamuudhaan akka dubbatanitti, badhaasni hara’aa kun tapha olompikii Tookiyoo kan ji’oota jaha booddee  adeemsifamuuf galaa kan ta’uudha.

Itoophiyaan ALA bara 1964 olompikii Tookiyootti gooticha olompikii Shaambal Abbabaa Biqilaa dorgommii maaraatonitiin mo’achuudhaan biyyattiirra darbee Afrikaallee  boonsuusaatti yoomiyyuu seenaan  isa hindagatu jedhan.

Biyyi gooticha seenaa kanaa waggoota 56 booddee dirree olompikii kanarraatti hirmaachu wayita qophooftu addunyaan marti waan ishee eegaa jiruuf meedaaliyaawwan hedduudhaan akka deebituudha.

Ummannis akkuma kanaan dura dirreewwan olompikiirratti injifannoo goototaatiin meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa mi’eeffate kan baranaa kanas waan eegaa jiruuf ammumarraa kaasani itti qophaa’un isaanirraa akka eggamu yaadachiisaniiru.

Recommended For You

4 Comments to “Badhaasni har’aa injifannoo boriif galaadha”

  1. Pingback: Visit This Link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *