Shaampiyoonaan kubbaa Kaachoo kaleessa xumurame

Finfinnee: Qopheessummaa Federeeshinii Kubbaa Kaachoo Itoophiyaatiin waggaa waggaan kan adeemsifamu Shaampiyoonaan Kubbaa Kaachoo waggoota torba dura jalqabame. Shaampiyoonichi kan adeemsifamu magaaloota naannoolee addaddaa gidduutti ture.

Yeroo tokko qofa addaan citee kan ture walmorkiin kun, waggaa waggaan adeemsifameera. Baranas yeroo ja’affaaf, Magaalaa Bishooftuutti Gidduugala Ispoortii Goosittiadeemsifamuun kaleessa xumurameera.

Walmorkii kanarraatti dhiiraan kilabonni ja’a, dubaraan ammoo kilaboonni lama hirmaataniiru. Shaampiyoonichi Dilbata darbe kilaboota magaalaa Bishooftuufi Magaalaa Dirree Dhawaa jidduutti tapha adeemsifameen eegalame.

Tapha kubbaa Kaachootiin humna guddaa kan qaban kanneen akka kilaboota  magaalaa Finfinnee hirmaachuu dhabuun shaampiyoonaa baranaa kana qabbaneessus  kilaboonni naannoolee kanneen fageenyaa dhufan  walmorkii kanaaf miidhagina kennaniiru.

Walmorkiiwwan dhiiroota gidduutti adeemsifamanitti qopheessaa shaampiyoonichaa magaalaa Bishooftuu dabalate magaalaan Adaamaa, Dirree Dhawaa, Harar, Buttaa Jiraafi Akkaadaamiin Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaa hirmaataniiru.

Kan dubartootaan ammoo Warshaan Biqila Asallaafi Akkaadaamiin Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaa qofti hirmaachuusaanii beekuun danda’ameera.

Qabxiin isaanii maxxansaaf nuu qaqqabuu baatuus kaleessa dhiiraan  magaalaan Bishooftuufi Dirree Dhawaa, dubaraan ammoo magaalaan Asallaafi Akkaadaamiin leenjii ispoortii dargaggoota Itoophiyaa tapha waancaa adeemsifataniiru.

Federeeshinii Kubbaa Kaachoo Itoophiyaatti, Daarektarri kutaa adeemsa hojii federeeshinii kubbaa kaachoo Obbo Yimar Haayilee magaaloonni baay’een biyyatti ilaalchi ispoortii kanaaf kennan gadaanaa ta’uusaatiin guddina isaa quucarsaa jiraachuu ibsu.

Akkasaan jedhanitti, magaalonni baay’een osoo humna hirmaachuu qabanii hirmaachuu dhiisuunsaanii sirrii miti. Haa ta’u malee, magaalonni tokko tokko walmorkii  kanarratti hirmaachuu kan dhaban shaampiyoonaa kubbaa kaachoo liigii piriimeerii, Federeeshiniin Kubbaa Kaachoo Itoophiyaa qopheessurratti waan hirmaatanif ta’uus Obbo Yimar addeessaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

4 Comments to “Shaampiyoonaan kubbaa Kaachoo kaleessa xumurame”

  1. Pingback: Click Here
  2. Pingback: Dark net

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *