Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa torban dhufu adeemsifamuuf qophiin xumurame

Finfinnee: Ispoortiin ammayyaa biyyaa keenya osoo hinseeniin dura bal’inaan adeemsifamaa kan ture ispoortii aadaati. Ispoortiin aadaa akkuma ispoortii ammayyaa bal’inaan adeemsifamuu irra dhiphachaa kan dhufe hirmaattonni isaa waan xiqqaachaa deemaniifi jedhama.

Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gulufa fardaa, wal’aansoo, korboo, qillee (kollee)fi tapha sadeeqaafi kkfn akka hindagatamneef, ummannis irratti akka hirmaatuuf mootummaan biyyattii Komishinii Ispoortii Federaalaa jalatti Federeeshinii Ispoortii Aadaa hundeessuudhaan ilaalcha kennaafi jira.

Federeeshinichis waggaa waggaan shaampiyoonaa ispoortii aadaa kana naannooleerra naannaa’uun gaggeessuu erga jalqabee oolee buleera. Sababiin shaampiyoonichi itti gaggeeffamuufis ummanni dirree kanarratti gaaddisa ispoortiichaa jalatti walga’uun tokkummaa, jaalala, obbolummaafi nageenyi isaan gidduutti akka mul’atuufi aadaa naannawaasaanii akka walgeeddaran gochuufi shaampiyonicha kan gaggeessuuf.

Haaluma kanaan shaampiyoonaan ispoortii aadaa Guraandhala 7-15 naannoo Amaaraa, Magaalaa Dabramaarqoositti adeemsifamuuf naannooleen shaampiyoonaasaanii adeemsifachuun dorgomtootasaanii filuudhaan qophii taasisaa jiru.

Naannoolee shaampiyoonaa isaanii gaggeessuun xumuran keessaa Oromiyaafi naannoon Amaaraa mata dureedhaan raawwachuun isaaniis odeeffannoowwan argamaniirraa beekuun danda’ameera.

Naannoon Oromiyaa shaampiyoonaasaa kan gaggeesse Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti godinaalee 20f magaalota kudhanii ol ta’an gidduutti. Gosawwan ispoortii aadaa kudhaniin guyyoota sagaliif kan gaggeeffame shaampiyoonaa kanas olaantummaan kan xumure Godina Jimmaa ta’uun beekameera.

Karaa biraatiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Itoophiyaa baranaa kan qopheessu Naannoon Amaaraas walmorkii isaa magaalaa Dabramaarqositti guyyoota 10f adeemsifachuun mo’atummaa Godina Awwiitiin xumurameera.

Shaampiyoonaa akaakuuwwan ispoortii kudhaniin adeemsifamaa ture kana Godinni Awwii qabxii 45n olaantummaan xumurun waancaa fudhateera.

Akkasumas, Godinni Walloo Kaabaa qabxii 35n, Godinni Gojjaam Lixaa qabxii 30n lammaffaafi sadaffaa ta’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasa yoo badhaafaman Godinni Gondar Kaabaa waancaa naamusaa badhaafameera.

Naannoo Amaaraatti yeroo 17faf torban lamaaf kan adeemsifamu Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa kanaaf naannooleen sadarkaa godinaaleesaanitti walmorkii gaggeessuun qophiirratti akka argamanis Komishinii Ispoortii Federaalaa beeksiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

3 Comments to “Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa torban dhufu adeemsifamuuf qophiin xumurame”

  1. Pingback: you can look here
  2. Pingback: 2022 waverunners
  3. Pingback: ấu dâm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *