Sagantaa babal’ina bu’uuraalee misooma magaalaa, magaalota fayyadaa jiru

Bishooftuu: Sagantaan Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) magaalonni rakkoolee bu’uuraalee misoomasaanii hiikuun rakkoo hawaasdinagdee ummataa akka furaniif Baankii Addunyaa waliin ta’uun liqaa ni kenna. Itoophiyaanis waggoota kurnan darbanitti sagantichatti marsaa lamaan kan fayyadamte yoo ta’u, marsaa sadaffaatiinis magaalota 117 ta’aniif liqaafi deggarsi doolaarri Ameerikaa miliyoona 859 kennamee waggaa darbeerraa eegalee hojiitti seenteetti.

Ministeerri Misooma Magaalaafi Konistiraakshiniis dheengadda raawwii hojii marsaa lammaffaa jechuunis kan waggoota shanan darbanii Magaalaa Bishooftuutti qoratee ture. Akka waliigalaattis hojii hojjetameen magaalonni qabatamaadhaan jijjiiramuun bu’aa argamsiisaa jiraachuun isaanii ka’eera.

Oromiyaatti Hogganaan Sagantaa Misooma Dhaabbatawaafi Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Amsaaluu Dassaalany Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, akka naannoo Oromiyaatti marsaa jalqabaatiin magaalonni, afur jechuunis Jimma, Adaamaa, Bishooftuufi Shaashamanneen fayyadamoo ta’aa kan turan yoo ta’u, marsaa lammataatti magaalonni torba dabalamuun 11 qaqqabuusaanii addeessan. Sagantaa haaraa bardheengaddaa eegalameenis magaalonni 27 dabalamuun waliigala marsaa sadanitti magaalonni 38 fayyadamoo ta’uu ibsu.

Akka ibsasaaniitti,  sagantichi of haareessaafi bal’isaa kan deemu yoo ta’u, hanqinoota bu’uuraalee misoomaa bajata mootummaatiin qofa hiikamuu hindandeenye hiikuuf faayidaa olaanaa akka qaban addeessu. Rakkoon bu’uuraalee misoomaa hiikamuummoo rakkoolee hedduuf furmaata kan kennu ta’uusaatiin sagantaa itti fufiinsa qabaachuufi jajjabeeffamuu maluu ta’uu kaasan.

Hoji dhabdumma hir’isuu, sirna daldalaa si’ataa diriirsuu, invastimantii hawwachuu, galii dinagdee lammiileefi biyyaa dabaluufi kkfn faayidaalee muraasa sagantichi qabu ta’uu kan eeran Obbo Amsaaluun, fuuldurattis harcaatiifi hanqinoota jiran xiqqeessuun bu’aan caalu akka galmaa’uuf hojjetamuu akka malu dubbatu.

Obbo Gabramaariyaam Haddush ammoo, Naannoo Tigraayitti Qindeessaa Sagantaa Babal’ina Bu’uuraalee Misoomaa Magaalaati. Akkasaan jedhanitti, marsaa jalqabaatiin naannichatti magaalonni afur jechuunis Maqalee, Addigiraat, Aksumiifi Shireen akkasumas marsaa lammaffaatiin ammoo magaalonni saddeet fayyadamoo ta’aniiru.

Sagantichi yommuu eegalu akka pirojektiitti kan eegale ta’uu eeranii,  kanaanis hanqina bu’uuraalee misoomaa magaalota kanneeniitti ture hiikuurratti tumsa taasisuun magaaloota sadarkaa olaanaadhaan kan fayyade ture  jedhu. Mootummaan waliigaltee baankii idil addunyaa waliin taasiseen faayidaasaa ilaaluun marsaa lammaffaaf carraa kennameen magaalota afur dabalachuun waggoota magaalonni bajata mootummaarraa ramadeen qaawwaa guuttachuu hindandeenye ittiin guuttachaa jiru.

Sagantaa kanaan hanqinni bu’uuraalee misoomaa hiikamuurra darbee, miidhagina magaalaa kan dabaluufi dargaggoota hedduudhaaf carraa hojii kan uume ta’uu kaasanii, miidhagummaafi mijattummaa magaalotaa waliin walqabates hojiin magaalaan jireenyaaf mijattu ni uumamti; sochiin daldalaas si’achuun dinagdee biyyaa kan utubu ta’uu addeessu.

Akka Obbo Gabramaariyaam ibsanitti, bajanni sagantichaaf kennamu hamma hojii hojjetamuun madaalamee bifa dorgommiitiin ta’uun isaa miira waldorgommii waan uumuuf magaaloonni sirriitti hojiisaanii akka hojjetan taasisa.  Bu’aalee kanneen irra darbee sagantichi gaafa yeroosaa xumuru magaaloonni sistamii hoji qabatanii waan hafaniif rakkoolee gama kanaan ka’anis hambisaa kan deemuudha.

Yommuu hojiin kun hojjetamu hanqinaalee kanneen akka hoggansi geggeeddaramuu, pirojektoonni harkifachuu, hojmaaticha cimsanii qabanii fuuldurati deemsisuufi kkfn mul’achuu kaasanii, kanaafis sadarkaa hundatti hojiin hubannoo uumuufi leenjiin kennuun bal’inaan hojjetamuusaatiin bu’aa gaariin argamuusaa ibsu.

Obbo Amlaakuu Addaamuu Ministeera Misooma Magaalaafi Konistiraakshiniitti, Hogganaa Biiroo Fooyyeessa Galii Magaalootaafi Sochooftuu Fandiiti. Akka isaan jedhanitti, sagantaan babal’ina bu’uuraalee misoomaa magaalotaa bara 2011 kan eegale yoo ta’u, waggaa shan shanitti qoodamuun marsaa lamaaf kan turedha. Kanaanis marsaa duraatiin magaaloonni biyyattii 18, isa lammataatiin ammoo 44 fayyadamoo kan ta’aan yoo ta’u, marsaan lammaffaas waggaa darbe xumuramuun marsaa sadaffaan yommusuma eegalameera. Kanaanis magaalonni 117 ta’an waggoota shanan dhufaniif kan fayyadaman ta’u.

Bu’aa hanga yoonaa mul’ate madaaluufis magaaloota 16 akka agarsiisaatti fudhachuun qorannoon kan taasifame ta’uu eeranii, kanaanis sagantichi bu’aa jajjabeessaa kan agarsiise waan tureef marsaan sadaffaa akka itti fufu ta’uusaa himu. Bu’aaleen argamanis, magaaloonni waa’ee invastimantii kaappitaalaa hinbeekne sababa sagantichaan baruun isaanii, magaaloonni rakkoo bu’uuraalee misoomaasaanii hiikkachuun bakka hawwata invastimantii ta’uusaanii, dinagdeen isaanii si’ataa deemuu, lammileen hedduu carraa hojii argachuun isaaniifi kanneen biroo kaasuun akka danda’amu addeessu.

Magaaloonni hedduun bajata %70 kan argatan liqiifi deggarsa baankii addunyaarraa ta’uu kaasanii, gaggeessitoonni hojii dhimmicharratti hojjetanis kanaan utuu hindagatiin cimanii hojjechuun magaaloota isaanii jireenyaaf mijattuu akkasumas, wiirtuu invastimantii taasisuun ofirra darbanii biyyallee akka fayyadan waamicha dhiheessaniiru.

Hanqinoonni adeemsa hojii keessatti mudatan kanneen akka hojmaata takka laaffisu takka cimsuu, liqaan fudhatame yeroon deebi’uu dhabuu, adeemsi to’annoofi hordooffii bakka tokko tokkotti laafuufi kanneen biroo marsaa sadaffaa kanaan akka hinmudanneef xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jirus kaasaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  30/2012

Recommended For You

7 Comments to “Sagantaa babal’ina bu’uuraalee misooma magaalaa, magaalota fayyadaa jiru”

  1. Pingback: PEP
  2. Pingback: rs6 hacker
  3. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *