“Kallattiin xiyyeeffannoo Itoophiyaa gara fuulduraa misooma bishaaniiti” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Akkuma kallattiin xiyyeeffannoo hawaasa idil-addunyaa misooma bishaanii ta’e kan Itoophiyaas qabeenya bishaanii kuufachuu, sirnaan itti fayyadamuufi misoomarra oolchuu ta’uusaa  dubbatan.

Ministirri Muummee mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad kana kan dubbatan Kibxata darbe sirna eebbaa Pirojektii Gannaalee Daawwaa sadiirratti argamuun wayita haasaa taasisanitti.

Ummatni Oromoo Gujiifi Baalees caalaatti misooma qonnaafi jallisiitiin waan beekamuuf hojiin guddaan ammaan booda isaan eeggatu qabeenya bishaanii qabachuufi kunuunsuun fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuudha; omishaafi omishtummaas guddisuudha jedhan.

Kallattiin xiyyeeffannoo Itoophiyaafi hawaasa idiladdunyaa gara fulduraa misooma bishaaniiti yoo jedhamus, qabeenyi bishaanii wayituma nyaataafi dhugaatii kan barbaadamu qofa waan hintaaneefi, jedhan. Akkuma ardii Afrikaattuu haalli itti fayyadama qabeenya bishaanii hanga har’aattuu gadaanaa waan ta’eef sirnaan yoo hinhogganamne walitti bu’iinsa kan uumuu  ta’uu dhimmoota wayitawaarraa hubachuun kan danda’amu ta’uu eeran.

Ummattootni biyya keenyaa garuu iddoowwan adda addaatti bishaan roobaa wayitii gannaa kuufame tursiisuufi qabachuun fedhiiwwan lammiilee guutuuf dandeettiifi gahumsa guddaa qabaachuus himan. Keessumaa ammoo ummatni Oromoo Baaleefi Gujii muuxannoo dheeraa waan qabuuf hidha Gannaalee Daawwaa sadiitti sirnaan fayyadamuun wabii nyaataa biyyattii itti fufiinsaan mirkaneessuu qaba jechuun dhaaman.

Lammiileen hundi qabeenya misooma bishaaniirratti xiyyeeffachuu qabu jedhanii, faayidaalee bishaanii kanneen akka dhugaatiif, qulqullinaaf, eegumsa naannawaafi anniisaaf ooluu akka sababaatti kaasaniiru. Akka biyyaatti ammoo anniisaan elektirikii fedhii bu’uuraa ta’aa waan dhufeef, guuttachuuf mootummaan damichaaf hoggansaafi deggarsa gochaa jira jedhan.

Pirojektii Gannaalee Daawwaa sadii ijaarsisuuf yeroo karooraan qabameen olitti yaa fudhatus malee barana xumuramuunsaa carraa guddaa ta’uu eeraniiru. Kanaan booda garuu kallattiin xiyyeeffannoo ummataafi mootummaa kan xumuramerratti osoo hintaane kan karoorfamaa jirurratti ta’uu qaba jechuun hubachiisan.

Kanaaf ammoo pirojektii Gannaalee Daawwaa jaha eegalsiisuuf haaldureen waan xumurameef mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa qofaan hojjechiisuuf fedhii guddaa qabaachuusaas dubbataniiru. Abbootiin qabeenyaa biyya alaa kan biyya keessaa caalaatti fedhiifi gaaffii dhiyeessaa waan jiraniif, invastarootni biyya keessa saffisa olaanaatiin galmaa’uu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan baasii pirojektichaa doolaara biliyoona tokko hincaalleen ijaarsisuuf waan karoorfateef keessumaa abbootii qabeenyaa biyya keessaatiif carraa guddaa ta’uu yaadachiisanii, misooma qonnaa, jallisiifi anniisaarratti bobba’uun hawaasasaanii tajaajiluu qabus jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  30/2012

Recommended For You

6 Comments to ““Kallattiin xiyyeeffannoo Itoophiyaa gara fuulduraa misooma bishaaniiti” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: sunwin sunwinclub
  2. Pingback: sa casino
  3. HOURGLASS Ambient™ Powder Brush is the best contouring powder brush because it has a flat head brush. A flat head brush is suitable for applying contours on the face. The flat head of HOURGLASS Ambient™ Powder Brush is handy for bronzer application or touch-ups on the cheeks and along with the bridge of the nose. Aside from being the best contouring brush, it is PETA-certified, high-quality, and has a cottony Taklon bristle. Taklon is a clean replacement for animal hair and is great for those with animal hair sensitivity. It is vegan and cruelty-free. Sign Up to our newsletter to stay up to date on our latest products, styling tips and special offers. Ideal dimensions create the best feel and function in hand—allowing the brushes to do all the work so you can play, experiment, and get the most from your makeup.
    https://m-pe.tv/u/m/bbs/read.php?uid=00hornet&id=2&tid=142
    This is NYC-based aesthetician and owner of Inderma Studio Nichelle Temple’s favorite gua sha tool to use. She’s a huge proponent of gua sha facials because they provide “noticeable results while preventing and treating the signs of premature aging—namely in the appearance of wrinkles, dark eye circles and puffiness, and sagging and dull-looking skin.” This facial gua sha tool is made out of Xiuyan jade, which feels cool and soothing on skin without any need to pop it into your skincare fridge (which Chiu advises against doing). It also has rounded edges and a slim stature to get into every nook and cranny of your face. This lightweight gua sha tool is also the easiest one to use, making it the best pick for beginners and gua sha enthusiasts alike. “Generally, the musculature of the face is very thin and it doesn’t bulge up the same way as other muscles do. With gua sha on the face, you don’t want to drag your tool from the outside edges of your face. Instead, divide your face in half and use your nose as the middle point. If you’re working under your eyes, you’d start at your nose and work your gua sha tool outward. Keep your tool moving in a smooth, straight line. Don’t rub your gua sha tool back and forth, up and down, and in all different angles vigorously because that’s going to just stretch and aggravate the skin. Keep things going in one smooth direction, and do it enough to get a little redness to form, but not so much that it hurts.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *