Nageellee Booranaa: Pirojektiin hidha Gannaalee Daawwaa sadii humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu Kibxata darbe eebbifamee hojii eegaluyyuu horsiisee bultootni Gujii aanaa Gordoolaa keessa jiraatan gariin beenyaan lafaa nuuf hinkaffalamne jechuun komii qaban Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.
Haji Abdulnaasir Aliyyee jiraataa aanaa Gordoolaa ganda Gannaalee yoo ta’an, hidhi Gannaalee Daawwaa sadii gammoojjii ho’aa keessatti ijaaramuunsaa kan isaan gammachiise ta’uu dubbatu. Erga ijaarsisaa waggoota sagal dura jalqabee kaasees eegumsa guddaa gochaa turreerra jedhan.
Haa ta’u malee, lafti bishaanichi irra ciise horsiisee bultoota hedduurraa fuudhamuyyuu beenyaan lafaa hanga har’aatti namoota muraasaaf malee gariif kaffalamee akka hinjirre himan. Yeroodhaa yerootti komiisaanii hanga Waajjira Tajaajila Elektirikii Itoophiyaatti dhiyeeffataniyyuu “deebii ni argata” jechuurra darbee furmaatni kenname hinjiru jechuun komataniiru. Komiisaanii kanaafis mootummaan gurra kennuun furuu akka qabuufis gaafataniiru.
Dargaggoo Shukurii Huseenis akkuma Haji Abdulnaasir jiraatuma ganda Gannaaleeti. Akkuma ijaarsi hidha pirojektichaa eegaleen walumaan hojjechaa turuusaa himuun, barana ammoo xumuramee eebbifamuusaatti gammachuu guddaan isanitti dhagahamuusaa ibseera.
Ta’us, Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa tarreeffama ykn daataa horsiisee bultoota qabiyyee lafasaaniirraa buqqaafaman haalaan qindeeffatee fudhatuyyuu hanga guyyaa kanaatti namoota muraasaaf qofa beenyaa akka kaffalamu gochuunsaa dogoggora guddaa ta’uusaa dubbateera. Irra deddeebiin komii qaban dhiyeeffachaa turaniyyuu furmaata argachuu waan hindandeennyeef mana murtii aanichaatti himachaa akka jiranis himeera.
Keessumaa ammoo horsiisee bultootni qarqara laga Gannaaleerra jiraachaa turan beenyaanis ta’e bakka buusni lafaas waan isaanif hinkennamneef wayita ammaa haalaan rakkachaa akka jiran dubbata. Qulqullinni bishaanii hidhicharratti kuufamee jirus gadaanaa ta’uusaarraan kan ka’e walhormaata bookee busaaf haala mijataa uumeeras jedhe. Kanaafis mootummaan rakkoosaanii hubachuun deebii hatattamaa akkasaaniif kennu gaafateera.
Obbo Haji Abdii Sayidis komiidhuma walfakkaatu kan dubbatan yoo ta’u, keessattuu qaamoleen kaffaltii beenyaa raawwatan yeroo dheeraaf isaan gowwomsaa akka turan himaniiru. Qabiyyee lafaa bishaanichi irra ciiseen alattis beenyaan lafaa misooma jallisiif jedhamee isaanirraa fudhatameefis kaffaltii osoo hinargatiin jiraachuusaaniis ibsaniiru.
Hidhi Gannaalee Daawwaa sadii humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu kun bal’ina lafaa iskuweer kiiloo meetrii 98rra kan qubateedha. Bishaan meetrik kuubii biiliyoona 2.6 qabachuus kan danda’uudha.
Daarektarri Komunikeeshinii Tajaajila Humna Elektirikii Itoophiyaa Obbo Mogos Mokonnon deebii kennaniin akka ibsanitti, waggaa tokko dura kaffaltiin beenyaa akkaatuma daataan horsiisee bultootaa qaama bulchiinsa godinicharraa qulqullaa’ee dhufeen guutummaan guutuutti raawwatameera; kanaanis qarshiin biliyoona sadii kaffalameera.
Erga beenyaan kaffalamee boodas hawaasa naannawaasanii waliin waltajjiin marii kan gaggeeffame yoo ta’u, ogeessotni Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaas sirrii ta’uusaa mirkaneessanii turan jedhan.
Qaamni bulchiinsaa godina Gujiifi aanaa Gordoolaas yeroo dheeraa fudhachuutiin hojii calallii raawwachuusaanii waan itti amanameef qixa sirriitiin kaffalamee xumuramuusaa dubbataniiru. Kanaan boodas beenyaan horsiisee bultootaaf kaffalamu akka hinjirres eeraniiru.
Hidhi Gannaalee Daawwaa sadii humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu kun bal’ina lafaa iskuweer kiiloo meetrii 98rra kan qubateedha. Bishaan meetrik kuubii biiliyoona 2.6 qabachiisuus kan danda’uudha.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 30/2012
4 Comments to “Horsiisee bultootni Gujii pirojektii hidha Gannaalee Daawwarratti komii dhiyeeffatu”