Akka carraa ta’ee magaalota biyya kanaa hedduun beeka. Kan Oromiyaammoo takka lama jedhee hanga aanaatti danuusaanii nan lakkaa’a. Magaalonni kunniin magaalummaarra kaampii baqannaa fakkaatu; kan dargaggeessiifi shamarran hojii dhabdoonni baadiyyaarraa itti baqatan.
Bakka rakkoo hojii dhabummaa jalaa itti dheessan ta’an jechuu kooti. Magaalonni keenya garuu amala akkasii hinqaban. Dargaggeessiifi shamarran bakka caalaatti itti rakkatan malee bakka rakkoonsaanii itti hiikamu miti. Finfinneen, magaalota naannawa Finfinneefi magaalonni guguddoofi xixiqqaan hanga aanaatti jiran kanaaf ragaadha.
Fakkeenyumaaf magaalaa Buraayyuu kanan yeroo hunda irra deddeebi’u haa kaasu. Magaalaan tun bakka walgahii dargaggoota godinaalee shaniiti. Dargaggeessi Godina Shawaa Lixaatii bahu qubannaansaa Finfinnee osoo hinta’in Buraayyuudha.
Kan Wallagga Lixaafi Horo Guduruutii bahu kan konkolaatarraa bu’u Buraayyutti. Shamarraniifi Dargaggeessi Wallagga Lixaaafi Qeellemirraa socho’u filannoonsaa magaaluma kana. Haala nagaa amma jiruun Buraayyuun bakka baqannaa dargaggootaa qofa osoo hintaane kan hawaasa biraas ta’aa jirti.
Sababa kanaan magaalattiin dargaggoota hojii dhabdootaan kan dhiphatteedha. Kan jiraattotashiituu mataa naannessaa osoo jiruu keessummoonni buqqa’anii magaalaa kanatti yoo galan rakkoo hawaasdinagdee quunnamu tilmaamuun salphaadha. Buraayyuu fakkeenyaafan kaase malee rakkoon kun rakkoo magaalota biyya keenyaa hundaati.
Dargaggeessii tulluu dhiibee garagalchuu danda’u daandii magaalarratti bahee ijaajjaa oola. Kuun mana qumaaraatti araadaan qabameera. Gartokkeen caatiidhaan mataa of adoochaa jiraata. Kan yakka keessa galullee xiqqaa miti. Kan maatii gaddisiisu kana. Kan qalbii namaa qoru kana. Kan mootummaa sammuu naannusus kanuma. Biyya dhalataan jalaa dhufu hojii argachuu hindandeenyetti rakkoon nagaa, tasgabbii, dinagdee jiraachuunsaanii ifaadha.
Hojii-dhabummaa (unemployment ) safarrii mataasaa qaba. 1) Lakkoofsi hojjettoota (labor force) biyya tokkoo lakkoofsaan beekamaadha. 2) Lakkoosi nama uumuriin hojiif gahee garuu hojiin ala jiruus ni beekama. Kanaaf ragaan lakkoofsa 2fa irra jiru kan1faf qoodamee dhibbaan yoo baay’atu dhibbaantaa nama hoji dhabaa mul’isa. Kun istaandaardii addunyaan ittin shalaguudha. Kan biyya keenyaas haaluma kanaan shalagama jedheen yaada.
Rakkoo kana ilaalchisee MM Dr. Abiyyi Wiixata tare paarlaamarratti waa kaasaniiru. Hojidhabaan biyyattii keessa jiru gara miliyoona 11tti tilmaamama. Mootummaan bara bajataa baranaa hojii dhabaa miliyoona sadii hojiitti galchuuf karoorfateera. Karoora keessaa raawwiin milioona 1.2.
Kanneen hojiitti galan keessaa %65 hojii dhaabbataa argatan. Dhibbantaan 35 hojii yeroorratti galan. Kun akka gabaasaatti waan gaariidha. Garuu kanaan walqabatee gaaffiilee hedduutu jiru. Gara boodaan itti deebi’a.
Rakkoowwan dinagdee guddaa (macro economy) jedhaman keessaa inni tokko hojii dhabummaadha. Rakkoon kun rakkoo biyyoota addunyaa, guddataniifi guddachaa jiran dabalatee kan hundaati. Kan walcaaluun sadarkaa qofaani.
Addunyaarratti biyyoonni hojii dhabummaa xiqqoo qaban (ragaa bara 2019) Qaataar (%0.1), Kaambodiyaa %0.2 Niijeer %0.5, Baahireen %0.96, Taayilaandi 1.1, Kuweet %2.1dha. Biyyoota dinagdee guddaa qaban ykn misooman keessaa Ameerikaa %3.8, Chaayinaa %3.67, Jaappaan %2.3, Jarman %3.1, Faransaayi %8.8, Ingiliz %3.8, Xaaliyaan %10.7 qabu. Biyyoonni rakkoon kun garmalee itti hammaatummoo Leeseetoo %27.25, Siwiizlaandi %22.48, Moozaambiik %25.04 qabataniiru. (Madda: htpp//www.radingeconomics.com)
Gara biyya keenyaatti yoo deebine rakkoon jiru kan biyyoota armaan olitti maqaa dhahamaniin alaa miti. Maddi gubbanatti eerame akka ibsutti bara 2019 sadarkaan hojidhabummaa akka biyyaatti jiru gara %19.3tti tilmaamama.
Qo’annoon Ejensii Wiirtuu Istaatistiskii Xoobbiyaatiin waggaa tokko dura (ALA bara 2018) adeemsisame akka eerutti rakkoon kun magaalaatti %19.1dha. Koorniyaan yoo ilaalamu dubartoonni %26.6 gaha. Kunimmoo kan agarsiisu biyyattiin gama kanaan rakkoo cimaa keessa akka jirtuufi carraa hojii uumuurratti bal’inaan hojjechuu akka barbaachisuudha.
Xoobbiyaan waggoota 30n darban keessatti wanti gaarii hojjette jedhamu keessaa hojiin gama barnoota babal’isuufi ijoolleen gara mana barumsaa akka dhaqxu taasisuun hojjatame guddaadha. Kun galma misoomaa barkumee (Millennium Development Goal) akka addunyaatti qiyyeefatame wajjin walqabata.
Sababa kanaan manneen barnootaa hedduun ijaaramaniiru. Kolleejjiifi Yunivarsitiiwwan mootumaafi dhuunfaa babal’ataniiru. Yunivarsitiiwwan mootummaa qofti lakkoofsaan 45 gahaniiru. Barattoonni waggaatti simatan lakkoofsisaanii akkuma hedduu ta’e kan eebbifamanis kuma dhibbootaan kan lakkaawamaniidha.
Kun kan kolleejiiwan BLTO mootummaafi dhaabbileen barnootaa olaanaa dhuunfaa omishan osoo hindabalatiini. Barattoonni dargaggeeyyiin barnoota addaan kutanis kan hinbaratinis hojii dhabaadhummatti lakkaawamu.
Gama tokkoon barnoonni yoo babal’atu industiriiwwan humna barate kana simatu waliin guddachuu qaba ture. Kana malees dargaggoonni carraa hojii ofii akka uummatan haalli dhiheessii faayinaansiifi tajaajila teknikii itti argatan bal’inaan itti deemamuu qaba ture.
Gama kanaan mootummaan homaa hinhojjanne jechuu miti. invastimantii babal’isuun qaama hojii dhabeeyyii mindeessan uumuuf tattaaffiin taasisamaa ture jiraatullee haala qindaa’eefi barbaadamuun fuulduratti siquu hindandeenye.
Dhaabbilee mootummaa hojii dhabeeyyii adda baasan, gurmeessan, leenjisaniifi tajaajila liqii dhiheessan hundeessee hojiiitti galchullee hojiin kunis sababoota adda addaatiin bu’aa barbaadamu fiduu hindandeenye.
Sababa kanaan dargaggoonni hedduun barnootasaanii xumuranii hojii dhabanii magaalaa guutaa jiru. Magaalonni tokko tokko, akkuman jalqabarratti kaase sababa kanaan karaan deeman dhipatee namnillee sodaa keessa gala jira.
Hojii dhabummaan danataa deemu kun biyyattiirratti rakkoo guddaa akka fidu eenyuu tilmaamuu ni danda’a. Dargaggeessi baratee waan hojjatu dhabee ykn haala itti hojjatu wallaalee daandiirra deemaa oolu kun akkuma biyyaatti yoo ilaalame biyyaaf qisaasama.
Ijoollee kanneen barsiisuuf maatiifi biyyi invastimantii guddaa irratti baasan. Osoo beekumsasaaniitiin hojiitti galanii waan biyya kana fayyadu danuu hojjechuu danda’u. Injinarri waan addaa uumu keessaa baha. Saayintiistiin raajii hojjatu dhalachuu mala. Gaggeessaan siyaasaa biyya waamsisu keessaa argamuu mala. Kanaafi, hojiitti galuu dhabuun dargaggoota kanaa biyyaaf akka qisaasamaatti ilaalama kanan jedhuuf.
Gama biraatiin dargaggeessi hojii malee taa’uun rakkoo nagaati jedhanii yaaduun barbaachisaadha. Ammuma namni hojiin dhabe baay’achaa deemu biyyi rakkoo hawas-dinagdee akkasumas siyaasaa keessa galti. Namni waan nyaatu hinqabne malas abdiis hinqabu’.
Kanaaf gara abdii murachuutti deema. Gochoota yakkaa adda addaatiif haala salphaa te’een saaxilama. Yeroo kana kan hawaasni rakkoo keessa seena. Nagaan bahee galuun yaaddoo ta’a. Yoo tokko garmalee quufee diddigu kan biraa xanneedhaan dhamee gaggabu biyya waloo keessatti akkamitti nagaan jiraaturee?
Kanaaf dhimmi hojii dhabummaa kan salphisanii haasawaan bira taran osoo hintaane kan hawaasni marti keessumaa abbootiin qabeenyaa xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu ta’ee natti mul’ata. Hojii mootummaa qofa jedhanii harka sassaabbatanii taa’uun maddaallii kamiinuu sirrii miti. Hunduu waan qabuun irratti hirmaachuu qaba.
Gama mootummaatiin yaaliiwwan jiran gaarii ta’ee garuu wantoonni xiyyeeffannaafi hordoffii barbaadan hedduudha. Fakkeenyaaf fandii dargaggoota qofaan walqabachiisee waan tokko haa kaasu.
Bara 2009 mootummaan qarshii biliyoona 10 fandii dargaggootaaf ramadeera. Maallaqni kun guddaadha. Garuu sagantaan kun yeroon jalqabamee yeroo sirriidhaa? Maallaqichi sirnaan hojiirra oolee jedhanii xiinxaluun gaarii ta’a.
Gama kanaan, akka yaada kootti yeroon fandiin kun itti dhaabbate yeroo sirrii miti. Yeroon sun wayita dargaggeessi keessumaa qarreefi qeerroon Oromiyaa gaaffii mirgaatiif addababayiirra jiru ture.
Gaaffiin mirgaa isaan gaafatan gara gaaffii hojii dhabummaatti jal’isuun maallaqa kanaan qeerroofi qarree manatti deebisuuf sagantaa Wayyaaneen qopheessiteedha. Osoo dhugumma itti yaadamee akka biyyoota Afrikaa kan biroo fandiin kun dursee dhaabbachuu qaba ture. Kanaaf kaayyoon fandii kanaa osoo bakka hin gahin fashalaa’ee qabeenyi biyyattii hiyyeettii tanaa kan jireenya dargaggoota hedduu jijjiru ykn kan hospital, mana barnootaafi keellaa fayyaa hedduu ijaaru dhadhaa ibidda buute ta’ee hafeera.
Gama biraatiin rakkoon gama mootummaatiin mul’atu haala hojii dhabdoonni waldaaleen ijaaramaniidha. Gama kanaan waggoota 10 darbanii kaasee dargaggoota hojii dhabeeyyii hojii akka uummatan taasisuuf waldaa maayikrootiin ijaaranii hojiitti galchuuf yaalin taasisamaa treera.
Kunis akka waan gaaritti kan fudhatamuudha. Garuu haalli waldaadhaan ijaaranii hojiitti galchuuf yaalame hanqinaalee hedduu qaba. Sirni Wayyaanee aguuggii siyaasaa hindhabne harka lafa jalaan dargaggoota gurmaa’an miseensa jarmiyaaleeshii akka ta’an dhiibbaa irratti gochaa tureera.
Gurmaa’uuf kaardiin siyaasaa hojii dhabaarraa eeguun sirrii miti. Sababa kanaan dargaggeessi fedhii miseensummaa siyaasa jaarmiyaalee wayyaanee dide hedduun alatti hafeera. Kan amanee osoo hintaane shakkiidhaan itti galee maallaqa ittin hojjatu argates kuun maallaqicha fudhatee badeera.
Kanneen keessa kan milkaa’anii bakka gaarii jirani xiqqoos ta’u akka jiranimmoo dagachuun hin barbaachisu. Garuu akka waliigalaatti, sagantaa carraa hojii uumuu gama mootummaatin wagaa 10 ol deemaa turan bu’a qabeessa jechuun hin danda’amu. Kanaaf mootummaan, hanqinaalee jiran qoratee haala qajeelloo siyaasa, firummaa, hiriyummaa, beekumsaafi malaamaltummaaraa bilisa ta’een seektara carraa hojii uumuu kana jabeessuu qaba.
Rakkoon kan mootummaa qofa osoo hintaane dargaggeessi biras akka jiru dagachuun hinbarbaachisu. Dargaggeessi keenyas ilaalchi hojii qabu rakkoon alaa miti. Hojii tuffachuun rakkoo tokko. Hojii mindeeffamuu qofa fedhuun arakkoo biraati. Aadaan honatanii of jijiiruullee hinmisoomne.
Kanaaf hirkattummaa gudaatu jira. Kun adaa keenyarraa madda. Sirna barnootaa keenyarraa waraabama. Guddina hawaas-dinagdee keenyaan walqabata. Kanaaf qaawwi kunillee kan ciminaan irratti hojjatamuu qabuudha.
Akkuma waliigalaatti; tarsiimoon mootummaan rokkoo hojiidhabummaa biyya kanaa hiikuuf ittin deema ture bu’aa qabeessaa miti. Muxannoo addunyaa jiddugala godhachuun tarsiimoo jiru irra deebi’anii xiinxaluufi sirreessuun barbaachisaadha.
Dargaggoonni keenyas ilaalcha hojiif qaban akka sirreeffatan hojiin hubannoo uumuu bal’inaan barbaachisa. Hawaasnis hojiin kun kan mootummaa qofa jedhee taa’uurra itti siqee deeggaruu akka qabu natti mul’ata. Jumlaadhumaan, waraaqsa aadaa hojii (working culture revolution) biyya keenyaaf barbaachisa yaada jedhun qaba.
Dachasaa Rorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
4 Comments to “Hojii dhabummaa: Sodaa biyya keenyaa”