“Harkifachuun ijaarsa daandii Walisoo-Amboo madda komii ta’aa jira” -Bulchaa Godina Shawaa Kibba Lixaa

Walisoo: Ijaarsi daandii Walisoo-Amboo eegalamuu dhabuusaatiin har’as rakkoo nageenyaa ta’aa jiraachuu Bulchiinsi Godina Shawaa Kibba Lixaa beeksise.

Bulchaa ittaanaan godinichaa, Obbo Taayyee Guddisaa ibsa torban darbe addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ijaarsi daandichaa erga eegalamee waggoota dheeraa lakkoofsiisus hanga har’aa abbummaa osoo hinargatiin jiraachuu himu.

Ijaarsi daandichaa dhaabbata Eelsaa Miiksi jedhamuun jalqabamus yeroo qabameef keessatti eegaluu dhabuusaatiin waliigaltichi haqamuu eeraniiru.

Waliigalteen haqamuu wajjin walqabatee Injinariingiin Ijaarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa caalbaasiidhaan injifatee waliigaltee seenus  hanga har’aa hojiitti hingaliin jiraachuu Obbo Taayyeen bifa komiitiin ibsaniiru.

Dhaabbatichi erga caalbaasicha injifatee ji’oota saddeet lakkoofsisus kutannoon hojichatti bobba’uu waan dhabeef hawaasni komii dhiyeessaa jiraachuu beeksisaniiru.

Gochi maal nadhibdee akkasii kun amantaa ummanni mootummaarraa qabu gadi buusuurra darbee rakkoo nageenyaa waan ta’uuf ijaarsa daandichaatiif xiyyeeffannoon kennamee akka xumuramu gaafataniiru.

Kanaa wajjin walqabatee hawaasni yeroorraa yerootti iyyachaa jira kan jedhan Obbo Taayyeen, hatattamaan deebiin kennamuu qaba jedhaniiru.

Ijaarsi daandii kun akka dhugoomuuf qonnaan bulaan lafasaarraa, qabeenyasaarraa, manasaarraa kaafamuun riqichi dur Amboofi Waliso walquunnamsiisu diigamuun hawaasicha walirraa kutuun alatti rakkoo hawaasummaa babal’isaa jiraachus himaniiru.

Dhaabbanni Eelsaa Miiksi laficha qotee daandii kanaan dura ture diigee deemuusaatiin hawaasni naannawichaa lolaa gannaatiin hubamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Balaa lolaa kanaan bakka cittuu jedhamtutti qabeenyi hawaasaa hedduu kan fudhatameefi lubbuun namaafi beeladaallee darbaa jiraachuu ibsaniiru.

Ammas yeroo gabaabaa keessatti ijaarsi daandichaa hinxumuramu taanaan balaan uumamu hawaasaaf yaaddoo ta’aa akka jirus ni kaasu.

Dhimmi kun xiyyeeffannoo akka argatuuf hawaasni yeroorraa yerootti sagaleesaa dhageessisaa jira kan jedhan Obbo Taayyeen, rakkoon nageenyaa babal’isuu waan danda’uuf mootummaan furmaata waaraa kennuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbanni caalbaasicha injifate hatattamaan hojiitti akka seenuuf xalayaadhaan gaafannus sababa rakkoon dizaayinii jira jedhuun ammas ijaarsi daandichaa lafarra harkifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhimma kanarratti tattaaffiin yaada Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa itti dabaluuf taasisne nuu milkaa’uu hindandeenye.

Daandiin Walisoo-Amboo kiiloo meetira 62.7 dheeratu kun bara 2008 eegalamee ji’oota 36 keessatti akka xumuramuuf karoorfamee ture. Pirojektichi qarshii biliyoona 1.2 Baankii Addunyaarraa argametu qabameefii ture.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  30/2012

Recommended For You

2 Comments to ““Harkifachuun ijaarsa daandii Walisoo-Amboo madda komii ta’aa jira” -Bulchaa Godina Shawaa Kibba Lixaa”

  1. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *