Rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii adda addaatti mul’achaa jiran furuuf mootummaan hojii dirree dimokraasii bal’isuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf raawwatu walqixa hojjechuu akka qabu dubbatu Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Afyaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa.
Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, rakkoolee nageenyaa yunvarsitiiwwan gara garaatti mudatan furuufis walitti bu’iinsi namoota dhuunfaa gidduutti uumame gara sabummaatti akka hinceene gochuun barbaachisaadha. Hoggantootni yunvarsitiiwwaniis ittigaafatamummaasaanii sirriitti bahachuu akka qabaniifi barattootnis kaayyoo gara yunvarsitii dhaqaniif hubatanii barumsasaanii sirnaan hordofuu akka qaban gorsaniiru.
“Oggaa waan haaraa tokko hojjechuu yaadnuufi adeemsa jijjiiramaa keessa dogoggorri uumamuu mala” kan jedhan Abbaa Duulaan, dogoggora tokko malee jijjiiramni ni dhufa jedhanii akka hinmannes eeru. Dogoggorri uumamu garuu faayidaa dhuunfaa ofiitiif jecha raawwatamuu hinqabu jedhu.
Yoo hiyyummaa hir’isuu barbaanne yeroo, humnaafi beekumsa keenya qindeessinee hojjechuu qabna jedhanii, kanaafis lammiileen dhimma siyaasaa namoota siyaasaaf dhiisanii hojiisaaniirratti xiyyeeffachuu akka qaban gorsaniiru.
Abbaa Duulaan ammaan tana Walittiqabaa Boordii WMO, akkasumas hundeessaafi Walittiqabaa Faawundeeshinii Dibooraa ta’anii hojjechaa jiru.
Guutummaa gaafdeebii isaan Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisanii maxxansa keenya torban dhufuurratti isin dubbisiisna.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 30/2012
6 Comments to ““Dirree dimokraasii bal’isuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuun walqixa deemu qaba” -Abbaa Duulaa Gammadaa”