Tibba kana jecha taaksii eksaayizii (Excise Tax) jedhu dhaga’uun haaraa miti. Mootummaan oomishaalee garagaraarratti taaksii dabaluuf wixinee qopheessee qaamolee garagaraa mariisisaa akka jirus hubannaa hamma ta’e ni qabna. Garuu oomishoota akkamiirratti, maaliif, hammam dabale inni jedhu gaaffii namoota hedduuti. Dhimma kanarratti Gaazexaan keenyas haala hubannaa uumuu danda’uurratti barreeffama armaan gadii gabaabinaan dhiheessuuf yaalla.
Taaksiin eksaayizii maalinni?
Barsiisaan Seeraa Yunvarsiitii Dabra Birihaan Yisihaaq Fiqaaduu akka jedhanitti, Taaksiin Eksaayizii hamma gibiraa oomishaalee adda baafaman irratti dabalamu yoo ta’u, oomisha hundarratti dabaluun hingorfamu. Sababni isaa gaagaa’ama dinagdee daran miidha. Kunis akaakuu taaksii alkallattiiti.
Taaksiin eksaayizii omishoota akkamiirratti dabalama?
Akka ogeessichi jedhanitti, mootummaan yommuu taaksii eksaayizii dabaluu yaadu wantoota sadii ilaalcha keessa galchuu qaba. Isaanis, meeshaalee qananii, oomishaalee bu’uuraa (dabalaniis dhiisaniis namni fayyadamuu kan hindhaabne)fi kanneen namaafi biyyarratti miidhaa geesisan ta’uu ibsu.
Maaliif barbaachise?
Kaayyoo inni jalqabaa galii mootummaa dabaluun misooma biyyaaf oolchuudha. Indastiriiwwaniifi oomishtoonni hedduun yaada kana hindeggaran; sababni isaas waan gatiin dabaleef namni bitu hinjiru jedhanii waan yaadaniif ta’uu ibsu. Kana malees, oomishaaleen fayyaa ummataarratti miidhaa geesisan hir’isuu, meeshaalee qananii jedhaman irratti immoo dhiibbaa uumuudha. Kunis, kanneen qilleensa naannawaarrattis ta’e fayyaa ummataarratti miidhaa qaqqabsiisan akka kanfalan taasisuf ta’uu addeessu.
Meeshaaleen qananii kanneen oomishaalee bu’uuraa ol taa’aniifi gatii qaalii qabaniidha. Fakkeenyaaf dhugaatiiwwan mi’aa ta’aan, tamboofi shittoo kaasuun ni danda’ama.
Akkamiin shallagama?
Gatiin taaksiin itti shallagamu ilaalchisee yommuu dubbatanis, oomishaalee biyya keessatti oomishaman yoo ta’e baasii oomishaa bu’uureeffachuun ta’a. kunis, yommuu oomishni tokko oomishamu gatii leencalloowwan itti ba’ee, humna namaa, leencalloowwan alkallattiifi baasii dabalataa ilaalcha keessa kan galchudha. Kanneen alaa galan irratti yoo ta’emmoo hamma bittaa meeshichaa, inshuraansii, gatii geejibaafi ashuuraa gumuruukii bu’uureeffachuuni.
Haala kanfaltii
Oomishaalee biyya keessaaf yeroo oomishaman irraa eegalee guyyoota ittaanan 30 gidduutti ta’uu qaba. Kanneen alaa galan yoo ta’emmoo guyyaa namni ykn dhaabbanni oomishicha fuudhu gumuruukii fudhatee kaasee kan kanfalamudha. Kanaa alatti namni ykn dhaabbanni oomishaan meeshaalee yoo abbaan taayitaa taaksii eeyyameef osoo taaksii itti hinkanfaliin mankuusa keessa kaa’ee kan kanfalu yommuu achii baasu ta’a jedhu Barsiisaa Yisihaaq.
Dabalataan Ministirri Muumee Doktar Abiyyi Ahimad ibsa dhiheenya kana dhimmicharratti kennaniin akka dubbatanitti, taaksiin eksaayizii kan barbaachiseef jireenya ummataarratti dhiibbaa uumuuf osoo hintaane keessumaa oomishaalee fayyaa ummataarratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisam suuta suuta dhaabsiisuuf yaadamee akka ta’e dubbatu.
Namoonni hedduun kana hubachuu dhabuun mootummaa duuchaadhumatti jireenya akka qaala’uuf yaade waan taasise akka itti fakkaatu kaasanii, akka fakkeenyaatti sababa konkolaataan umurii dheeraa tajaajile biyya keessa seenuun qilleensi naannawaa faalamee fayyaa namoota hedduurratti dhiibbaa akka geesisuu eeranii, kanaaf ammo baasiin ba’uu yoo shallagame xiqqaa kan jedhamu akka hintaane dubbatu. Kana malees suphaafi meeshaalee geddaruuf gatiin ba’uu qaala’aa ta’uusaatiin bu’aasaarra kasaaraan isaa akka caalu ibsu.
Kanaaf mootummaan konkolaatawwan haaraafi ammayyaawaarratti gatii taaksii gadi buusuun kanneen moofaammoo gabaarraa dhabamsiisuuf yaadee kana kan qopheesse kaasanii, taaksiin oomishaalee kaan irratt dabalamuus sababoota amansiisoo irratti hundaa’uun kan qophaa’an ta’uu dubbatu.
Walumaagalatti, daballiin taaksiichaa amma sadarkaa wixineetti kan jiru yoo ta’u, ammayyuu hawaasa biratti hubannaan ga’aa waan hinuumamneef qaamni dhimmichi ilaallatu irratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Hayyoonni damichaas yaada gabbisaa kennuun dammaqinaan irratti hirmaachuu qabu jechaa, meeshaalee akkamiirratti hammamtu dabala isa jedhuurratti gabatee wiixinee labsichaa mul’isu akka armaan gadiitti dhiheessineerra.
Gosa Omishaa | Hamma Daballii Taaksii | Ibsa |
Nyaataafi Dhugaatii | ||
Zayitiifi Cooma (Kun bu’uura kan godhatu zaayitiin nyaataaf qophaa’e hamma cooma saachureetidii qabateeni) | Giraama 100 keessatti saachureetidii giraama 40fi isaa ol yoo qabaate, kuyyisa fayyaaf miidhaa geessisu yoo qabaate % 30-50 | Fknf Zayitiin leetira tokko keessatti saachureetidii giraama 40 kan qabu, qarshii 100 gurguramaa yoo ture 140 ta’a. |
Sukkaara | Sukkaarri akaakuu kamuu taaksii % 20 dabalata | Fknf sukkaarri kiiloo tokko qarshii 45n gurguramaa ture 52 t’a jechuudha. |
Daakuu, dhugaatii lallaafaa, dhugaatiiwwan alkoolii hinqabneefi saamsaman | % 15-30 | Kun dhugaatiiwwan lallaafaan alatti, bishaan saamsameefi bishaan saamsamanii gaazii qaban ni dabalata. Lallaafaan qarshii 12 gurguramaa ture 15n, bishaan liitiri tokko qarshii 10 ture qarshii 11.50 ta’a jechuudha. |
Biiraa | Waliigala garbuu biyya keessaan kan oomishaman % 35 yookiin liitiriitti qarshii sagal | Qarshii 15 inni ture 19.50 ta’a |
Dhugaatii Wayinii | % 30-40 | Leecalloo oomisha wayiniif oolurratti bu’uureeffata |
Tamboo | % 30 | Paakkoo ija 20 baatu yommuu bitamu daballii alatti qarshiin shan ida’ama. |
Meeshaalee miidhaginaa | ||
Shittoowwan, oomishaalee miidhagiinaa | % 100 | ‘Saan iskiriinii’fi shaampuu hindabalatu |
Rifeensa namaa (Human hair) | % 40 | Rifeensa namaa, nyaara, rifeensa beeladootaafi kkf |
Konkolaataawwan | ||
Tiraktaroota waggaa 4-7 tajaajilan | % 100-400 | Kanneen waggaa dheeraa tajaajilan taaksii olaanaatu itti dabalama. |
Imaltoota 16 ol kan hinqabanne | % 100- 400 | Miniibaasiwwan waggaa 4-7 ni dabalata |
Hammi siliindariisaa CC 1300 kan hincaalle | % 30- 430 | Kanneen haaraa ta’an irratti % 30, kanneen waggaa torbaa ol tajaajilan % 430. Fakkeenyaaf kokolaataan Viitzii moodeela 2008, CC kuma tokkoo qarshii kuma 350 gurguramaa kan turte tajaajilli ishee waggaa torbaa ol waan ta’eef qarshii miliyoona 1.5 taati jechuudha. |
Hammi siliindarii CC 1300 kan caalu | % 60- 460 | Kanneen alaa gala ykn biyya keessatti guutuus ta’e gartokkeen kan warshaalaman % 60, kanneen waggaa lamaa gadi tajaajilan % 110, waggaa 2-4 % 160, waggaa 4-7 % 260, waggaa torbaa ol kan tajaajilan % 460 |
Hammi siliindarii CC 1800 kan caalu | Kanneen alaa galan ykn biyya keessatti guutuus ta’e gartokkeen kan warshaalaman % 100, kanneen waggaa lamaa gadi tajaajilan % 150, waggaa 2-4 % 200, waggaa 4-7 % 300, waggaa torbaa ol kan tajaajilan % 500 | |
Kanneen Biroo | ||
Feestaalii | % 40 | Feestaala kiloogiraama tokkorratti |
Footoo/Viidiyoo Kaameeraa, waraabduu sagalee | % 10 | Televizyiniifi meeshaa tamsaasa ittiin fudhatan (receiver) ni dabalata |
Gabatee daballii taaksii eksaayizii mul’isu
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
7 Comments to “Waa’ee taaksii eksaayizii maal hubattan?”