Shaampiyoonaan atileetiksii Chaayinaatti adeemsifamuuf ture waggaa tokkoof dheerate

Finfinnee: Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa Chaayinaatti adeemsifamuuf ture sababii dhukkuba Vaayirasii Koronaatiin yeroon isaa dheerachuu ibse.

ALA Bitooteessa 13-15 bara 2020 Chaayinaa magaalaa Naajiingitti yeroo 18faf adeemsifamuuf  kan yaadame Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa mana keessaa kun ji’oota 12f akka dheeratu federeeshinichi murteessuusaa ‘BBC’n gabaaseera.

Gareen Fayyaa Atileetiksii Addunyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhimmicharratti erga mari’ateen booda vaayirasichi sadarkaa yaadeessaarra ga’usaatiin dorgommicha dheereessuuf murteesseera. Haaluma kanaan shaampiyoonichi ALA bara 2021 akka gaggeeffamu murtaa’eera.

Shaampiyoonaa kana biyya biraatti adeemsisuuf yaadni dhihaatus, vaayirasichi Chaayinaadhaa ala mul’achuusaatiin caalaatti akka hinbabal’anneef eessattiyyuu adeemsifamuu akka hinqabne murteesseera. 

Akkasumas, Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Eeshiyaa Shaampiyoonaa 9fa Atileetiksii Eeshiyaa mana keessaa ji’a Guraandhalaa keessa  Chaayinaa magaalaa Hangizutti gaggeessuuf ture haquunsaas gabaafameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *