Qiddus Giyoorgisiifi Bunni Itoophiyaa Taakkeedhaan mana bahuufi

Finfinnee:Akaakuuwwan ispoortii addunyaarratti gaggeeffaman keessaa taphni kubbaa miilaa jaalatamaa waan ta’eef, hordooftoota baay’ee horachuu danda’eera.

Seenaasaarraa akka hubatamutti, ispoortiin kun Awurooppaa, Ingilizitti dhalatus yeroo gabaabaa keessatti ardiiwwan maraa waliin gahuudhaan ummanni biliyoonatti lakkaawamu kallattiinis ta’u  alkallattiidhaan walitti dhufeenya akka ummatu gochuu danda’eera.

Kanumarraa kan ka’e sadarkaa biyyoolessaatti Waldaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”)n kan hundaa’e yoo ta’u, adeemsa keessa dameesaa babal’ifachuudhaan ardiiwwaan mara keessatti biyyoonni 208 ol  miseensa waldichaa ta’uu danda’aniiru. Biyyootni kunneenis gaaddisasaa jalatti kilaboota kubbaa miilaa biyyoota isaanis akkaataa seerichaatiin akka gaggeessan ta’eera.

Biyyoota miseensa waldichaa ta’an keessaa Itoophiyaanis takka ta’uudhaan akkaataa seerri waldichaa isheef eeyyameen bara 1941 federeeshina kubbaa miilaa hundeessuu dandeesseetti. Kanaanis kilaboota addaddaa gurmeessuudhaan walmorkiiwwan addaddaa gaggeessaa turteetti.

Haa ta’u malee kilaboonni biyyattiitti sochii kubbaa miilaarratti hirmaachaa jiran, keessumattuu kanneen umrii dheeraa lakkoofsisan  tokkoonsaaniillee iddoowwan oolmaa ispoortii maqaasaaniin waamamu ijaarratanii hinbeekan.

Kilabni hangafaa bara 1928 hundeeffameefi umrii 84 kan lakkoofsise, Qiddus Giyoorgisiifi bara 1970 kan hundeeffame Bunni Itoophiyaa yeroo baay’ee rakkina iddoo oolmaa kaasuudhaan iyyachaa turanis dhageettii osoo hin argatiin turaniiru. Kilaboonni hangafaa lameen kunniin seenaa biyyattii keessatti magaalaa Finfinneefi Finfinnee alattis miseensotaafi deggartoota hedduu horachuudhaan kan beekamaniidha.

Yeroo baay’ees shaampiyoonaawwan kilaboota Afrikaarratti biyyattii bakka bu’uudhaan hirmaachuusaaniin alatti taphattoota beekamoo horachuudhaan garee biyyaaleessaa Itoophiyaafis gumaachaa kan turaniifi jiraniidha.

Kilaboonni kunneen maqaa olaanaa haa qabaatan malee dirree kubbaa miilaa waan hinqabneef yeroo baay’ee rakkachaa turaniiru.  Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gaaffii yeroo dheeraaf dhiheeffachaa turan kanaaf Wiixata darbe ijaarsa istaadiyoomaaf kaartaa mirkaneessa qabiyyee lafaa kennaniiruuf.

Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa ji’otan darban keessa waadaa galaniin kilaboota lameeniifuu ijaarsa istaadiyoomaafi gidduu galeessa ispoortiif  kaartaa karee meetira kuma kudhanii  kennaniiru.

Sirna walharkaa fudhiinsa kaartaa mirkaneessa qabiyyee lafaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, kilabonni lameenuu ambaasadaroota magaalaa Finfinnee ta’uu bira darbanii naamusa gaarii ispoortiitiin, nageenya mirkaneessuufi obbolummaa sabootaa lallabuudhaan itti gaafatamuumaasaanni bahachaa jiru.

Kilaboonni lameenuu sochiiwwan  ispoortii magaalattii akka guddatuufi dargaggoonni keenyas iddoowwan hintaanee ooluurraa akka of qusatan hojii gaarii ta’usaatti bulchiinsi magaalattii gargaarsa barbaachisaa ta’an maraa gochuuf qophirra akka jirus dubbataniiru.

Pirezidaantiin  kilaba Buna Itoophiyaa Ajajaan dhibbaa Fiqaaduu Maammoo gamasaaniitiin akka ibsanitti, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee keessumattuu Injinar Taakkalaa Uumaan (Taakkee) iddoo ijaarsa istaadiyoomaa kennuurraa kaasee waan hundaan gargaarsa isaan gochaa jiran maqaa deggartootaafi kilaboota kubbaa miilaa isaaniitiin  galateeffataniiru.

Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa jalatti kilaboonnii liigii piriimeerii Itoophiyaa 16, kilaboonni liigii biyyaaleessaa  24fi kilabonni naannolee 40 ol ta’an gurmaa’uudhaan waggaa waggaadhaan shaampiyoonaa isaanii adeemsifachaa jiru. Hanga har’aattis istaadiyoomonnifi dirreewwan kubbaa miilaa magaalotatti argaman martuu kan mootummaati malee kan isaanii akka hintaane nibeekama.

Bulchiinsi magaalotaa yeroo barbaadan dirreewwan oolmaa ispoortii kana misooma invastimantii birootiif waan oolchaa turaniif kilabonni heddun diigamaniiru. Dargaggoonnis  bakka oolmaa dhabuurraa kan ka’e iddoowwan hintaanetti boba’uun jireenya dargaggummaa dabarsuuf dirqamaniiru.

Mootummootni naannoleefi bulchiinsotni magaalotaa,  Bulchinsa Magaalaa Finfinneerraa barumsa argachuudhaan dirreewwan oolmaa ispoortiif xiyyeeffannaa kennuun guddina kubbaa miilaa biyya keenyaaf gumaacha isaanirraa eegamu ba’u qabu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *