Invastimantoota hudhaalee xixiqqoodhaan xaxamanii dhaabatan hojiitti seensisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Pirojektota invastimantii Oromiyaa rakkoolee xixiqqoodhaan xaxamanii dhaabatan hojiitti seensisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Pirezidaantii Oromiyaa beeksise.

Waltajjii marii dheengadda abbootii qabeenyaa naannichatti hojii invastimantiirratti bobba’an wajjin Hoteela Ililliitti geggeeffamerratti gorsaan invastimantiifi daldalaa waajjirichaa, Obbo Hundee Dhugaasaa akka jedhanitti, invastimantoota Oromiyaa danqaawwan adda addaa isaan mudateen hojiitti seenuu dadhaban akkaataa itti rakkooleesaanii yeroo gabaabaa keessatti furanii hojiitti galchuun danda’amurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Qo’annoo biyyoota adda addaatti geggeeffamerratti hundaa’uun hudhaalee xixiqqoo kanneen akka dhiyeessii bishaaniifi ibsaafaa furuutiin pirojektota hojii malee dhaabatan hojiitti seensisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan. Rakoolee damicha keessa jiran kanneen furuuf muuxannoo biyya alaarratti hundaa’uun abbootii qabeenyaafi qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu hunda wajjin mariin geggeeffamaa jiraachuus Obbo Hundeen ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kannaniin beeksisaniiru.

Qorannoo dhiyaateefi galtee maricharraa argamuun kallattiin furmaataa mootummaaf dhiyaatee furmaanni hatattamaa akka kennamu kan taasifamu ta’uus eeranii, carraa hojii uumuufi teknolojii ceessisuurrattis hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kaayyoo ijoon damichaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jraachuus dargaggootaaf hojii uumuu ta’uu gorsichi eeranii, qo’annoon waggoota lama dur adeemsifamee yoo xiqqaate pirojektonni  341 Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee qofatti dhabiinsa dhiyeessii xixiqqoo akka bishaaniifi ibsaa akkasumas murtii si’aayaa kennuu dhabuu fa’iin xaxamanii otoo hojiitti hinseeniin jiraachuu ibsaniiru.

Otoo pirojektonni kunniin sirnaan hojiitti seenaniiru ta’ee dargaggoota danuuf carraan hojii ni uumama, maallaqni guddaanis dinagdee keessa ni  faca’a, teknolojii hedduunis biyya keessa ni naanna’a ture kan jedhan Obbo Hundeen, hudhaalee kanneen hundeedhaa furuuf akka mootummaan naannichaatti hojii guddaan hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Hudhaalee damichaa furuufis muuxannoo biyyoota akka Maalezhiyaafaa fudhachuun akka biyyaattis ta’e naannichaatti furmaata si’aafi guddaa dinagdee keessatti fiduuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jirus dubbatanii, kunis dinagdee sochoosuufi teknolojii babal’isuurratti xiyyeeffatee dameelee guguddoo invastimantii (qonna, manufaakchariingii, turizimiifi albuuda) irratti hojjetamaa jira jedhan.

Waltajjicharratti ogeettiin Maalezhiyaa dhimma ce’umsa invastimantiirratti hojjetan muuxannoo biyyasaanii hirmaattotaaf qoodaniiru.

Pirojektotni invastimantii keessumaa magaalota olaanaafi gidduugaleessaa Oromiyaa keessatti argaman yeroo dheeraaf hojii misoomaa dhaabuutiin tajaajila ala ta’aa akka jiran gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

7 Comments to “Invastimantoota hudhaalee xixiqqoodhaan xaxamanii dhaabatan hojiitti seensisuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: pglike
  2. Pingback: Telegram下载

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *