Dorgommiin “Jaalalli ni mo’aa” Finfinneetti adeemsifamuufi

Finfinnee: Waldaan tola ooltummaa, “Jaalalli ni mo’a” jedhamuudhaan beekamu dorgommii kiiloo meetira shanii Guraandhala 15 bara 2012 Finfinneetti  adeemsisuuf karoorfateera. Yeroo jalqabaatiif kan adeemsifamu dorgommiin kun mata duree, “Jaalalaaf haa fiignu, jibbiinsa jalaas haa baanu!” jedhuuni.

Gaggeessaan hojiifi hundeessaan dhaabbatichaa Obbo Misbahaa Kadiir Roobii darbe ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, dorgommiin kun yeroo jalqabaatiif kan adeemsifamu yoo ta’u,  ka’uumsiifi deebiinsaa addababayii Masqalaati.

Dorgommii yeroo jalqabaaf gaggeeffamu kanarratti bakka bu’oonni paartilee morkattootaa, ambaasaadaroonni  biyyootaa adda addaafi hoggantoota olaanaa mootummaa dabalatee namoonni kuma 40 ni hirmaatu jedhamee akka eegamus  ibsaniiru.

Sadarkaa addunyaatti biddeena bal’aa tolchuudhaan bakka bu’oonni paartilee guyyaa sana hirmaatan maaddii qophaa’urratti iddoo tokkotti akka waliin kutatanii jaalalaafi tokkumaa keenya addunyaan akka daawwatu akka taasisaniifidha jedhan.

Miseensota kuma sadii ol kan qabu dhaabbanni kun, bara 2011 hundeeffamuun hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachaa akka jirus gaggeessaan hojii kun addeessaniiru.

Yeroo addabbii jala turan hiriyoota isaanii wajjin yaada kana dhiheessuudhaan hojii kan jalqaban Obbo Misbahaan, akkuma mana hidhaatii hiikamaniinis hojii tola ooltummaa kana cimsuun hiriyootasaanii waliin qarshii xinnoodhaan Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Booleetti maanguddoo humna hinqabne tokkoof mana ijaaraniiru.

Tokkummaa hordoftoota kiristaanaafi Islaamaa jiddu jiru  cimsuuf sochii waldichi taasisaa jiruun jalabultii ayyaana Cuuphaatti hawaasni musliimaa bakka bataskaannoonni bulan akka qulqulleessaniifi, kiristaannoonni ammoo Masjiidota akka  qulqulleessan taasisuudhaan hojii boonsaan hojjetamuu danda’eera jedhan.

Dhaabbatichi gara fuula duraatti magaalota naannolee wajjiin mari’achuudhaan dorgommii walfakaatu akka adeemsisu himanii, karoora baranaatiin magaalaa Finfinneetiin alatti Maqaleettis kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

5 Comments to “Dorgommiin “Jaalalli ni mo’aa” Finfinneetti adeemsifamuufi”

  1. Pingback: jarisakti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *