Biyyi keenyaafi ummannishii barana cidha guddaa tokkoof qophiirra jiru, cidha filannoo. Paartiileen siyaasaas cidha filannoo marsaa jahaffaa kanarratti qooda fudhachuuf gamanumaa tattaaffii eegalaniiru. Tokko tokko sagantaasaanii deggartootasaaniif ibsaa jiru.
Filannoon baranaa waadaa mootummaan adeemsicha bilisaafi haqaqabeessa taasisuuf galeen walqabatee taateewwan danuun chidhicharratti ni eegamu. Paartiileen waggootaaf koolugalummaan ala turan hedduun daangaa siyaasaa mootummaa jijjiiramaatiin bal’atetti fayyadamuun gara biyyaa dhufanii filannichaaf sochii gochaa jiraachuun adeemsicha daran hawwisiisaafi ho’aa taasisa.
Ummanni biyyattii bara dhufaa darbaa filannoo dimokraatawaa hintaaneen mokfamaa tures kan baranaa kanaan taatee haaraa arguufi seenaa galmeessisuuf adeemsicha miira addaatiin eegaa jira. Biyyattiinis paartii karaa dimokraatawaan sagalee ummataatiin filatameen buluuf cidha abdachiisaa keessa jirti.
Abdiin kun abdii qofa ta’ee akka hinhafneef egaa hundumtuu keessumaa paartiileen siyaasaa haala qaroomeefi miira ittigaafatamummaatiin socho’uu akka ejjennootti qabachuu qabu. Cidhi tokko cidha ta’ee kan miidhagu qophii haaldureetti taasifamuun waan ta’eef. Akka kanaan duraa walshakkiin, ija diinummaatiin walilaaluufi walxureessuun tasumaa hafee gararrummaa yaada mo’ataa, imaammataafi sagantaa qofarratti xiyyeeffatamuu qaba.
Akka hayyoonni damee siyaasaa jedhanittis, egeree biyyattiifi abdii lammiilee ifaa gochuuf adeemsi duula filannoos ta’e sagantaa siyaasaa ofii beeksifachuu paartiilee tarsiimoofi naamusa olaanaadhaan hogganamuu qaba. Adeemsi akkanaa paartiilee morkattootaas ta’e paartii biyya bulchaa jiru akkasumas ummata seenaa haaraa arguuf hawwaa jiru daran kan fayyadu waan ta’eef akka ejjennoottis fudhatamuu qaba.
Duula filannoo keessatti paartiileen siyaasaa marti kaayyoofi sagantaa imaammata hawaas-dinagdeefi siyaasaa, akkasumas dhimma alaarratti qaban karaa nagaa qabeessaafi fayyaalessa ta’e qofaan ummataaf wayita ibsanitti jecha ittifayyadamanirraa eegalanii haala duudhaalee waliin jireenyaa ummatootaa kabajeen ta’uu qaba.
Qabiyyeen haasaasaanii sabootaafi sablammoota, akkasumas deggartootaafi kaadhimamtoota biroorratti kan dhiibbaa uumu ta’uus hinqabu. Keessumaa hariiroo sabootaafi sablammoota ykn waliin jireenya ummattootaatiif iddoo olaanaa kan kenne ta’uu qaba. Sochiinsaanii kamuu gahumsaafi dandeettii hoggansaasaanii shakkii keessa akka hingalchineefis gamanumaa of eeggannaa cimaa gochuu qabu.
Jechootni paartiileen siyaasaa duula filannoo biyyaalessaatti fayyadaman bu’aa filannoo waliigalaa kan murteessu ta’uun gonkumaa dagatamuu hinqabu.Miidhaginni cidhichaa kan miidhagu qophii lafajaleetti taasifamuun kan murtaa’u waan ta’eef kana keessatti shoora olaanaa kan qaban paartiilee ta’uun hubatamee milkaa’inasaatiif harka harkaan haa hirmaannu.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
7 Comments to “Cidhi filannichaa akka miidhaguuf”