Ammayyuu haadholiin % 50 ta’an dhaabbilee fayyaa alatti da’u

Sababa kanaan guyyaatti haadholiin 20-30 lubbuusaanii ni dhabu

Finfinnee: Mootummaan mataduree, “Haati tokko lubbuu kennuuf lubbuu dhabuu hinqabdu” jedhuun fayyaa haadholiirratti xiyyeeffatee hojjechuu erga eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru. Hojii kanaanis yeroo da’umsaa qofa osoo hintaane da’umsaan duraafi booda haadholiin tajaajila fayyaafi kunuunsawwan garagaraa akka argataniif hojjetamaa jira.

Keessumaa hojiin guyyoota 1000 jalqabaarratti hojjetamu fayyaa haadholiifis ta’e daa’immaniitiif daran murteessaa ta’uusaatiin sirna nyaataarraa eegalee hanga hordoffii yaaliitti tajaajila ga’aa akka argatan taasifamaa jira. Guyyaa kuma tokko jechuun haati tokko gaafa ulfoofterraa eegalee hanga mucaan dhalatee waggaa lama guutuutti kan jiruudha.

Ragaan Ministeera Fayyaa akka mul’isutti hammam hojiileen hojjetaman hedduu ta’aanis ammayyuu haadholiin %50 utuu gara buufata fayyaa hindhufiin manatti da’aa jiru. Sababa kanaafi kanneen birootiin walqabatees yoo xiqqaate haadholiin 30 ta’an guyyaa tokkotti lubbuusaanii ni dhabu. Lakkoofsi kun kan qabatamaadhaan ragaan sassaabamee wiirtuulee fayyaa garagaraa keessa jiru qofa yoo ta’u, kanneen hingalmaa’iin hafan waan hindabalanneef kanallee caaluu akka danda’u ragaaleen ni agarsiisu.

Dhimma kanarratti hubannoo uumuuf ji’i Amajjii keessa jirru kun, “Ji’a haadhummaa fayya qabeessa” jedhamuun kabajamaa jira. Doktar Abduraaman Ismaa’eel Ministeera Fayyaatti, Gorsaa Fayyaa Haadholiiti. Isaanis gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin torban darbe taasisaniin akka jedhanitti, sababa hordoffii dhabuutiin haadholii guyyaa guyyaatti lubbuusaanii dhaban alatti ji’atti kuma lamaafi 400 kan ta’an ammoo rakkoolee fayyaa kanneen akka feestullaa, maseenummaafi kkftiin ni saaxilamu.

Haati tokko wayita ulfaa yoo xiqqaate si’a afur gara buufata fayyaatti deemtee hordoffii taasisuu akka qabdu kaasanii, ragaa bara 2011 jiruun garuu haadholii hordoffii jalqaban keessaa miliyoona 1.3 utuu isa afraffaa hindhufiin hafuusaanii ibsu. Ragaan kun kan aanaalee 45 naannolee shan qofatti argaman yoo ta’u, utuu kan naannoleen hunda qindaa’eera ta’e rakkinichi hammam hammaataa akka ta’e mul’isa jedhu.

Akka ibsa gorsichaatti, rakkkoleen kunneen kan uumaman sababoota hubannoo ga’aa dhabuu dubartootaa, fageenya keellaawwan fayyaa, rakkoo geejibaa, tajaajilli buufataaleetti kennamu ga’aa ta’uu dhabuu, barmaatilee garagaraa, murteessuu dhabuu dubartootaa, dhiibbaa hojii mana keessaa, rakkoo dinagdeefi kkf ta’uu eeranii, kanneen furuuf mootummaan yeroo kamuu caalaa xiyyeeffatee hojjechuuf kallattii kaa’uu ibsu. Hojiin kun kan milkaa’u hirmaannaa qaamolee garagaraatiin ta’uusaatiin dhaabbilee mitmootummaa dhimmicharratti hojjetaniifi hawaasa bal’aa hirmaachisuun akka hojjetus ni dubbatu.

Dhaabbata mitmootummaa ‘Alive and Thrive’ jedhamutti, Gorsituun Imaammataafi Deggarsaa Aadde Faanaa Minwuyyeellat gamasaaniin akka jedhanitti, rakkoo kana daran hir’isuuf hojiin hubannoo uumuu xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamuu kan qabuudha.

Hojiin hojjetamuu malus kan yeroo gabaabaa osoo hintaane bu’aa yeroo dheeraa galmeessisuu kan qabu waan ta’eef hordoffii qofa osoo hintaane fayyaarrattis hojjechuun dirqama.

Keessumaa haadholiifi daa’imman fayyaaleyyii horachuuf sirni nyaataa daran murteessaa waan ta’eef hojii guyyoota jalqabaa 1000 keessatti hojjetamu kam caalaayyuu xiyyeeffannaa argachuu akka qabu kaasanii, sababnisaa rakkoolee fayyaa kanneen akka quucarummaafi qancarummaan walqabatee dhufaniin Itoophiyaan yoo xiqqaate waggaatti qarshii biliyoona 55 waan dhabduufi jedhu. Kanarratti xiyyeeffatamee hojjetame ALA hanga bara 2025tti illee quucarummaa % 10n, ulfaatinaa gadi dhalachuu %5 hir’isuun danda’ame qarshii miliyoona 148 oolchuun akka danda’amu addeessu.

Qorannoo geggeeffame eeruun akka ibsanitti, sababa quucarummaatiin walqabatee daa’imman %16 barnootasaanii adda kan kutan yoo ta’u, kanneen barnootasaanii itti fufanis daa’imman umuriisaaniirra jiran waliin yoo madaalaman dandeettii sammuutiinis ta’e guddina qaamaatiin waggaa 1.1 boodatti kan hafan waan fakkatuuf xiinsammuu isaaniillee daran akka miidhu dubbatu.

Agarsiisawwan eeraman kunneen muraasa kan jedhan Aadde Faanaan, dhimmichi rakkoo caalu utuu hinfidiin hunduu tattaafii taasifamaa jiru harkaafi harkatti tumsuu qabu dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

176 Comments to “Ammayyuu haadholiin % 50 ta’an dhaabbilee fayyaa alatti da’u”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. cheap drugs online [url=https://drugs1st.store/#]viagra without a doctor prescription[/url] best non prescription ed pills

  3. top online pharmacy india [url=http://indianpharm1st.com/#]buy medicines online in india[/url] best online pharmacy india

  4. india pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]reputable indian online pharmacy[/url] india pharmacy mail order

  5. ambien without a doctor’s prescription [url=https://drugs1st.store/#]prices of viagra at walmart[/url] home remedies for ed

  6. пины [url=https://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт[/url] Пин Ап Казино Официальный Сайт

  7. пин ап вход [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап зеркало[/url] pin up zerkalo

  8. mail order pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] Online medicine order

  9. world pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  10. top 10 online pharmacy in india [url=https://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] reputable indian online pharmacy

  11. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] buying prescription drugs in mexico

  12. best online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]indian pharm 24[/url] reputable indian online pharmacy

  13. pharmacy website india [url=http://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] world pharmacy india

  14. world pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] top online pharmacy india

  15. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  16. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  17. deneme bonusu veren yeni siteler [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler

  18. ultrabet yeni giris 1125 [url=http://ultrabet-tr.online/#]ultrabet bonus[/url] ultrabet giris

  19. guvenilir casino siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Deneme Bonusu Veren Siteler[/url] Deneme Bonusu Veren Siteler

  20. gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy gabapentin[/url] cheapest Gabapentin GabaPharm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *