Finfinnee: Naannolee saglan Itoophiyaan qabdu keessaa tokko Naannoo Ummatoota Kibbaati. Naannoon saboota 56 qabatee godinaalee 17fi aanaalee addaa torbaan hundaa’e tajaajilaa jiru kun otoo danaa ammaatiin hinijaaramiin dura naannolee shanitti kan qoodame ture.
Ummatoonni haala jireenyaa, aadaafi duudhaa wal isaan fakkeessu danuu kan qaban yoo ta’u, ammaan jijjiirama biyyattiitti dhuferraa ka’uun caasaan gurmaa’inasaanii akka jijjiiramuuf sadarkaalee adda addaatti gaaffiin dhiyaataa jira. Keessumaa dhimmi naannoo ta’uu godinaalee adda addaarraa heddumminaan ka’aa jira. Ka’umsa walitti bu’iinsaas ta’aa jira.
Godinaalee haala kanaan gaaffii dhiyeessaa jiran keessaa tokko godina Kafaati. Dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif haala jiru kan ibsan bulchaa ittaanaan godinichaa, Obbo Balaay Tasammaa akka jedhanitti, bara 2011 kaasee ummanni Kafaa addababayiiwwanitti bahee sagaleesaa dhageessisaa ture.
Kan godina kanaa akka fakkeenyaatti kaafnee malee gaaffiilee walfakkaatoon iddoowwan biraarraayis dhiyaachaati kan jiran.
Dhimma kanaafi kanneen biroo kan hubatan Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad dheengadda kutaalee hawaasaa godinaalee Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaarraa babba’an waliin marii taasisaniiru. Gaaffiilee bakka bu’ootni hawaasaa maricharratti kaasaniifis deebii kennaniiru.
Hirmaattotni marichaa bu’uuraalee misoomaa waliin walqabatee hanqinaaleen daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, buufataalee fayyaa, ogeessota fayyaa, dhiyeessa qorichaafi dhaabbilee barnoota olaanaa kan jiran ta’uufi akka naannootti gurmaa’uun gaaffiilee hirmaattotni marichaa akka furmaata argataniif kaasan keessaa isaan ijoodha. Rakkooleen nageenyaa darbanii darbanii mudatan karaa waaraa ta’een akka furamaniifi Ministirri Muummee godinaalee naannichaa hanga ammaatti hindeemnetti argamanii hawaasa waliin akka mari’ataniif gaafataniiru.
Ministirri Muummee deebii kennaniin akka jedhanitti, rakkoolee bu’uuraalee misoomaafi bulchiinsa gaarii waliin walqabatanii jiran furuudhaaf koreen waliinii miseensota 80 qabu godinaalee hundarraa hundaa’ee hanga dakaatti gadbu’ee rakkoolee jiran adda baasuudhaan furmaatni waaraan akka dhufu ni taasifna. Rakkoolee nageenyaa darbanii darbanii mudachaa jiranis waliin dubbannee furuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Gaafiilee akka naannootti gurmaa’uuf gaafataman garuu waltajjii marii tokkoon deebii itti kennuun kan hindanda’amne ta’uufi adeemsa keessa garuu akkaataa tokkummaa biyyaalessaafi waliin jireenya ummataa hin miineen furmaata kan argatan ta’uu hubachiisaniiru jechuun ‘FBC’n gabaaseera.
Sochii mootummaan badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf taasisaa jiru gaaffiilee hawaasni kaasaa jiru deebisuu keessattis gahee olaanaa qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, bara bajataa kana ijaarsa pirojektota daandiifi qarshii biiliyoonni 48 qabamuufi bajatni kun keessumaa ijaarsa pirojektota daandii jalqabanii jiran xumursiisuuf kan oolu ta’uu himaniiru.
Mootummaan yeroo gabaabaa keessatti gaaffii bu’uuraalee misoomaa kanneen akka paarkii industirii haaraa, hospitaalotaafi yunivarsitiiwwanii kan hinijaare ta’uu himanii, mootummaan adeemsa keessa rakkoolee bu’uraalee misoomaa kunneen furuuf kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbilee amantii gubuudhaan kaayyoo ofii galmaan ga’achuuf yaaluun duubatti hafummaafi ilaalcha dadhabaadha kan jiedhan ministirri muummichaa, mootummaan qaamolee dantaa siyaasaasaanii galmaan gahachuuf jecha dhaabbilee amantii guban irratti tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uus beeksisaniiru jechuun kan gabaase ammoo Tajaajila Oduu Itoophiyaati.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
5 Comments to ““Sochiin taasifamaa jiru gaaffiilee deebisuu keessatti gahee olaanaa qaba” – Doktar Abiyyi Ahmad”