Milkaa’inaafi rakkoolee Hospitaala Riifaraalaa Yunivarsitii Wallaggaa

Hospitaalli Riifaraalaa Yunivarsitii Wallaggaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiin kan ijaarame yoo ta’u, tajaajila wal’aansaa kennuu erga jalqabee waggoota sadii lakkoofsiseera. Ijaarsi hospitaalichaa waggoota sagalii oliif lafarra kan harkifate yoo ta’u, erga xumuramee tajaajila kennuu jalqabees hanqinoota gara garaa kan qabu ta’uutu himama.

Hospitaalichatti Daariktarri Tajaajila Wal’aansaa Doktar Asaffaa Nagarii ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, hospitaalichi Waxabajjii bara 2009 hojii kan eegale yemmuu ta’u, yeroo sana akka hopitaala Rifeeraalaatti Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiin hojii eegale.

Isa booda Yunivarsitiin Wallaggaa biiricha wajjin dubbachuudhaan hospitaalicha ofitti fudhatee itti barsiisaafi tajaajila wal’aansaa akka kennuuuf hoogganaa jira. Yunivarsitichi yeroo hospitaalicha hanqina meeshaalee wal’aansaafi humna namaa qabu waliin ofitti fudhatee barattoonni akka itti barataniifi tajaajila akka kennu taasisaa jira jedhu.

Yunivarsitichi yeroo ammaa guutummaatti ta’uu baatus meeshaalee wal’aansaa barbaachisoo guutuudhaan hospitaalichi tajaajila wal’aansaa sadarkaasaa eeggate akka kennu taasiseera kan jedhan Doktar Asaffaan, ammayyuu meeshaalee wal’aansaa kanneen akka ‘City Scan, MRI’ hospitaalli riifaraalaa tokkootti qabaachuu qabu kan hinqabne ta’uu himaniiru.

Yunivarsitichi meeshaa wal’aansaa “City Scan” bituuf caalbaasii baasus  bittaansaa waggaa lamaa oliif lafarra kan harkifate ta’uufi hanga ammaatti kan hinbitamne ta’uu eeraniiru.

Hospitaalichi yeroo ammaa ispeeshaalistoota 21 kan qabu ta’uu kan himan Doktar Asaffaan, humna namaa kanaan tajaajila wal’aansa hospitaalli riifaraalaa tokko kennuu danda’u ni kenna. Hospitaalichi hanqina meeshaalee wal’aansaa guguddoo waan qabuuf tajaajila wal’aansaa guutuu kennaa kan hinjirre ta’uu eeru.

Hospitaalichi jalqaba akka hospitaala riifaraalaa itti baratamuutti yaadamee waan hinijaaramneef kutaalee barnootaa, biiroowwaniifi  mana jireenya dabalataa barbaada kan jedhan daariktarichi, yeroo ammaa kutaalee tajaajila wal’aansaaf yaadamanii ijaaraman kanneen akka kutaa barnootaa, biiroofi laaboraatooriitti fayyadamaa jirraachuu himu.

Hospitaala refeeraalaa ta’ee mana jireenyaa hojjettootaafi ogeessota fayyaa malee kan ijaarame ani hangan beekutti hospitaala kana qofa kan jedhan Doktara Asaffaan, rakkoo mana jireenyaa kana furuuf ijaarsi jalqabamus  ijaarsicha xumuruun hanga waggaa sadii fudhachuu akka danda’u eeru.

Hospitaalichi magaalaa Naqamteerraa kiiloo meetira 12 fagaatee waan jiruuf barattoonni Yunivarsitii Wallaggaa fageenya kana deddeebi’anii hospitaalichatti barachaa jiru jedhanii, ogeessotni fayyaas haaluma kanaan tajaajila wal’aansaa kennaa jiru. Hospitaalichi rakkoolee kunneen qabaatus kenniinsa tajaajila wal’aansaatiin sadarkaa gaariirra jira. Dhukkubsattoonnis qorichoota ajajamu keessaa %96  hospitaalichuma keessaa kan argatan ta’uu himu.

Hospitaalichi humna namaafi  meeshaalee wal’aansaa qabuun dhukkubsattoota wal’aanaa jiraachuu kan himan daariktarichi, kana jechuun tajaajilli wal’aansaa hospitaalichi kennaa jiru gahaadha jechuu miti. Hospitaalichi maashiinii ittiin kalee dhiqaniifi  meeshaa wal’aansaa  onnee waan hinqabneef gara dhukkubsattoota dhibeewwan kunneeniin qabaman gara Finfinneetti ergaa jira. Kun ammoo qarshiifi yeroon dhukkubsattootaa akka qisaasa’u taasisaa jira jedhu.

Yunivarsitiin Wallaggaa meeshaalee wal’aansaa bituuf caalbaasii baasus adeemsi bittaa meeshaalee wal’aansaa kunneenii  garuu baay’ee lafarra harkifataadha kan jedhan Doktar Asaffaan, bittaan meeshaalee hospitaalotaas bittaa meeshaalee dhaabbilee biroo waliin ilaalamuu hinqabu. Mootummaanis birokraasii bittaan meeshaalee wal’aansaa waliin walqabatanii mul’atan furuu akka qabuufi dhaabbileen caalbaasicha injifatanis bittaa meeshaalee dafanii dhiyeessuu qabu jechuun hubachiisu.

Hospitaalichi tajaajilamtoota godinaalee Wallaggaa Bahaa, Lixaa, Qellem, Horroo Guduruu, Buunoo Beddelleefi  Benishaangul Gumuzirraa dhufaniif tajaajila wal’aansaa kennaa jira kan jedhan Doktar Asaffaan, tajaajila hospitaalichi kennaa jiru fooyyessuuf rakkoolee mudatan fooyyessuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus himaniiru. Hospitaalichi hanqina konkolaattotaa waan qabuuf sarvisii hojjettootaa kireeffatanii  hojjetaa jiraachuus ibsaniiru.

Obbo Mokonnin Gurmeessaa tajaajilamtoota hospitaalichatti arginee dubbisne keessaa tokko. Isaan Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Najjoo, Ganda Giddaa Geeboorraa dhufanii haadha warraasaanii wal’aanbsifachaa turan.

Haadha warraa isaaniif wal’aansi baqaqsanii hodhuu taasifamee akka tureefi kenniinsi tajaajilaafi  hospitaalichaa daran gaarii ta’uu dubbatu. Qorichoota haadha warraasaaniif ajajame hunda faarmaasii hospitaalichaatii argachuusaaniiifi haalli ogeessotni fayyaa itti dhukkubsattoota simatan, wal’aanan, hordofan, gargaaraniifi gorsan daran gaarii ta’uu himu.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Wallaggaa Doktar Hasan Yusuuf akka jedhanitti, hospitaalli riifaraalii Naqamtee kan ijaarame Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiini. Akka Oromiyaa lixaatti hospitaala riifaraalii isa jalqabaati. Hospitaalichi dhukkubsattoota gara Finfinneetti ergaman achumatti wal’aanuuf yaadameeti kan ijaarame. Ijaarsi hospitaalichaa waggoota sagalii oliif kan harkifate ta’uufi hanqinoota gara garaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Mootummaan ijaarsa hospitaalichaa guutummaatti utuu hinxumuraminiifi meeshaalee wal’aansaa hunda hinguutin  yunivarsitichi hospitaalicha fudhatee hojii  jalqabsiisuu himanii, hospitaalichi ammayyuu hanqina meeshaalee wal’aansaa kanneen akka ‘City Scan, X-Ray’fi maashiinii ittiin kale dhiqaniifi wal’aansa kaansariif barbaachisan kan hinqabne ta’uu dubbatu.

Hospitaalichi erga tajaajila wal’aansaa kennuu jalqabee booda meeshaalee wal’aansaa garagaraa gargaarsaafi bittaadhaan adeemsa keessa guutaa jiraachuu kan himan pirezdaantichi, yunivarsitichi hospitaalicha rakkoolee hedduu qabu waliin fudhatee adeemsa keessa rakkoolee mudatan furaa jira. Hospitaalichi tajaajila wal’aansaa kennuu erga jalqabee waggoota sadii ta’uufi hanqinaalee qaburraa ka’uun lakkoofsa dhukkubsattoota gara Finfinneetti ergamanii sadarkaa barbaadamuun hir’isuun kan hindanda’amne ta’uu himu.

Meeshaan wal’aansaa ‘X-Ray’ yeroo ammaa bitamee galeera kan jedhan Doktar Hasan, ‘City Scan’ bituuf caalbaasiin ba’eera. Meeshaalee wal’aansaa biroo bituufis tattaafachaa jiraachuu eeru. Ijaarsaan walqabatee meeshaaleen wal’aansaa bitaman hojii waan hinjalqabneef hojii ijaarsaa ariifachiisuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hospitaalichi bakka barattoonni saayinsii fayyaa yunivarsitichaa itti barataniifi ogeessotni fayyaa itti leenji’an ta’us akka hospitaalota biroo doormiifi kaaffee barattootaa waan hinqabneef barattootni deddeebi’anii barachaa jiru jedhan.

Yeroo ammaa garuu doormiin barattootaafi manni jireenyaa ogeessota fayyaa ijaaramaa jiraachuufi akka waliigalaatti tajaajilli wal’aansaa hospitaalichi kennaa jiru gaarii ta’uu himu.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, Daariktarri Bulchiinsa Baankii Dhiigaa, Qorichaafi Meeshaa Alaa Obbo Darrasaa Abarraa akka jedhanitti, Sirna bulchiinsa qorichaa diriirsuufi hojiirra oolchuu, dhaabbilee fayyaa keessumaa hospitaalotaaf bajata bittaa qorichaa raamaduu, meeshaalee guguddoo hospitaalonni bajata isaaniitiin bitachuu hindandeenye bitee dhiyeessuun gahee biirichaati. Rakkoo meeshaa wal’aansaa bajata guddaa gaafatu biirichi bitee kan dhiyeessu ta’uus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

5 Comments to “Milkaa’inaafi rakkoolee Hospitaala Riifaraalaa Yunivarsitii Wallaggaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *