Itoophiyaan ramaddii cimaa keessatti argamti

Finfinnee:Walmorkii  waancaa kubbaa miilaa Addunyaa ALA bara 2022  yeroo 22faaf Ardii Eeshiyaa Kuwaataaritti adeemsifama. Walmorkii kanaaf biyyoota miseensota waldaa kubbaa miilaa Addunuyaa ”FIFA”f carraan ramaddii  bahera.

Haaluma kanaan Biyyoota Afrikaarraa hirmaatan beekuuf  Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” Wiixata darbe waajjira federeeshinichaa Kaayirootti carraa baaseen Itoophiyaan ramaddii 7faa keessatti ramadamteetti.

Ramaddii 7fa kana keessatti biyyoonni Afrikaa kubbaa miilaan maqaa olaanaa qaban Gaanaa, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuween Itoophiyaa waliin ramadamaniiru. Gaanaafi Afrikaan Kibbaa waancaa kubbaa miilaa addunyaarratti muxannoo olaanaa kan qaban waan ta’eef tapha gulaalaa darbuudhaan  tapha waancaaf ni dhihaatu yaadni jedhu bal’inaan ibsamaa jira.

Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa (Waaliyaan) walmorkii kanaaf taphatoota biyya keessaafi pirofeeshinaalota kilaboota biyya alaaf taphatan waamuudhaan istaadiyoomii Finfinneetti shaakala jalqabeera.

Leenjisaan Waaliyaa Instiraakitar Abrahaam Mabraatuu qophii kana ilaalchisuudhaan akka ibsanitti, ramaddii gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa (Waaliyaa) keessatti argamu cimaadha. Keessumaa gareen kubbaa miilaa Gaanaa “Blak Star” jedhamu Afrikaattis ta’u sadarkaa waancaa kubbaa miilaa addunyaatti beekamaadha.

Yeroo Afuriif waancaa kubbaa miilaa ardichaa kan fudhateefi Afrikaa bakka bu’uun yeroo waancaa kubbaa miilaa addunyaaf yeroo afuriif hirmaachuudhaan muxannoo olaanaa qaba.  

Gareewwan kubbaa miilaa Afrikaa  Kibbaafi Zimbaabuwees cicimoota waan ta’aniif akka laayyootti kan ilaalamani  miti. Kanaafu ramaddiin kun ramaddiiwwan Afrikaa keessaa baay’ee ulfaataa waan ta’eef of eegannoodhaan taphachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.  

Taphatonni Waaliyaa walmorkii kanaaf filataman kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa keessa taphatan irraa waan ta’eef yeroo dheeraadhaaf shaakala keessa waan turaniif tapha gaarii agarsiisu yaada jedhun qaba jedhaniiru.

Gama biraan Itoophiyaan sadarkaa kubbaa miilaa waldaan kubbaa miilaa addunyaa “FIFA”n  baaseen biyyoota miseensoota waldichaa keessaa sadarkaa 146faa irratti akka argamus beekuun danda’ameera.

Gareen kun ji’a lama dura sadarkaa 151 irra kan ture yoo ta’u, walmorkii gulaalaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf garee Kotidivaar mo’achuudhaan sadarkaa irra ture foyeffachuu kan danda’e ta’uu leenjisaan kun himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

One Comment to “Itoophiyaan ramaddii cimaa keessatti argamti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *