Gaazexaa Bariisaa akkuma kanaan duraa dhimmoota adda addaa iftoomina barbaadanirratti hayyoota afeeree dubbistootasaatiif dhiyeessaa ture maxxansa kanaanis hayyuu dhimma walitti makamuu ADWUIrratti namoota biroo wajjin qoratan, Doktar Taaddasaa Jaalataa, Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qorataa aadaafi aadaa keessummaa taasifanneerra.
Bariisaa: Doktar isin hayyoota waa’ee walitti makama ADWUI qoratan keessaa tokkootii waa’ee falaasama ida’amuurratti yaada akkamii qabdu mee?
Doktar Taaddasaa: Akkuma hundi keenya beeknu haala jijjiiramaa keessa jirruun biyya kana ceesisuuf maaltu barbaachisa jedhamee sagantaa akka biyyaatti qabameerratti hojjetamaa jiruudha dhimmi idama’uu. Maalummaa ida’amuu ibsuun yoo barbaachise ida’amuun walitti dhufanii, humna walitti kuufatanii, beekumsaafi yaada walitti fidanii, biyya guddisuufi ceessisuu, misoomsuudha jedhanii ibsuun ni danda’ama.
Ida’amuun hundee jiruufi jireenya dhala namaarraa madde, keessumaa aadaa ummataa, akkaataa ittiin bulmaataa hawaasaarraa kan madde, gara sagantaa siyaasaafi guddina biyyaatti kan guddateedha jedhamee kan fudhatamuudha. Saba kamuu keessattuu waliin ta’uun, tokko ta’anii beekumsa, maallaqa, yaadaafi humna walitti fidanii waliin guddachuun akka biyyaa qofatti otoo hintaane sadarkuma addunyaattuu dhimma irratti hojjetamaa jiruudha.
Biyya Itoophiyaatti saboota walitti fidnee misoomsuu qofa otoo hintaane akka Afrikaa Bahaatti, achiimmoo akka ardiitti tokko taanee biyya lafaa kanarratti jabaannee dhaabachuudha.
Fakkeenyaaf biyyoonni Awurooppaa biyyoota adda addaati. Garuu walitti dhufanii Gamtaa Awurooppaa jedhamanii tokko ta’anii dhaabataniiru. Ameerikaa Kaabaattis biyyoonni adda addaa walitti dhufanii Yunaayitid Isteet Of Ameerikaa hundeeffatanii wajjummaan dhaabachuun waljabeessaa jiru.
Kanafuu haala amma keessa jirruun qofaa dhaabachuun hindanda’amu. Qofaa ce’uun, qofaa jijjiiramuun, qofaa guddachuun tasumaa waan hindanda’amneef humni barbaachisaadha.
Humni ammoo maallaqaafi beekumsa walitti fiduun argama. Kana walitti fidaniii cuunfanii guddinaaf oolchuun barbaachisaadha. Kanaafuu ida’amuun barbaachisaadhaafi waan biyya fayyaduudha.
Bariisaa: Akkamiin miseensa koree walitti makama qoratuu ta’uu dandeessan, miseensonni korichaa hoo eenyu fa’i?
Doktar Taaddasaa: Ani miseensa koree qorannoo walitti makamuu paartiilee miseensota ADWUIfi deggartootaan ture. Hojichin, “Akkamiin paartiilee kanneen walitti fiduun danda’ama? Walitti fiduun barbaachisaadha moo miti, walitti dhufuunsaanii faayidaa maalii qaba, akkamiin yoo walitti dhufan wayya kanneen” jedhan qorachuu ture.
Qorannichi waggoota lamaaf geggeeffame. Hayyoonni qorannoo kanarratti hirmaatan baay’eensaanii Yunivarsitii Finfinneerraa hirmaatan. Qorannoo kana kan barbaadu ADWUIdha. Eddii qorannichi haa adeemsifamu jedhameee murtaa’ee booda namoota hojicha qorachuu danda’an dameewwan barnootaa adda addaarraa walitti fidan.
Sana keessatti namoonni aadaa, siyaasaafi seenaa qoratan jiru. Koreen hayyoota akkanaarraa walitti dhufee hundaa’e jechuudha. Koreewwan kunniin gararraadhaa koree ijoo dhimma kana hogganu qabu.
Qorannoon kun caasaa qaba. Karaa saayinsiin qorannoo hawaasaa gaafatuun hundi hordofamee gaggeeffame. Kanaafis dura wixineetu qophaa’e. Wixinichi ni mirkanaa’e. Pirootokoliin qorannichi ittiin geggeeffamus ni qophaa’e. Qorattoonnis leenjii fudhatanii hojiitti seenan. Qorannoon kun dameewwan sadii qaba. Tokko ragaa funaanuudha. Kunis olii hanga dakaatti (hogganaa hamma miseensaatti) kan geggeeffame caasaalee ADWUIfi kan paartiilee deggartootaatiini.
Bariisaa: Dhimma kanarratti muuxannoon biyyoota biroo ilaalameera.
Doktar Taaddasaa: Eeyyee. Biyyoota addunyaa sirna federaalizimii hordofanitti ijaarsi paartii maal akka fakkaaturratti qorannoo geggeessineerra.
Kanaanis muuxannoon biyyoota 28 fudhatameera. Biyyoota ijaarsi ummatasaanii kan Itoophiyaa fakkaatu kanneen akka afdaneessummaa, danummaa seenaa, sabdaneessummaa, kanneen akka Siwiizarlaandi, Beeljiyam, Kanaadaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaafaa sirnaan gadifageessinee ilaalleerra.
Ijaarsi dhaabbilee siyaasaanii maal akka fakkaatu achi keessatti ilaalleerra. Xiinxala dokumantiis geggeessineerra. Dokumantiilee kan xiinxalle wantoota kanaan dura qorataman ADWUIirrattis ta’u kanneen dhaabbilee siyaasaa biroorratti geggeeffaman xiinxalle. Ijaarsi paartii siyaasaa “adda” jedhamee jiru kun akkamiin deema, akkamiin gara paartiitti ce’uu danda’a, yoo paartiitti ce’e rakkina akkamiitu mudachuu danda’a, jabina akkamii fiduu danda’a kan jedhu qoranne.
Qorannichi mala qorannoo akkamtaafi hammantaa (qualitative and quantitative) hordofamee kan geggeeffameedha. Adeemsichi guutummaatti saayinsaawaadha.
Bariisaa: Qorannichi hanqinoota ADWUI keessa turan haala kamiin ibse?
Doktar Taaddasaa: Akka qorannichi agarsiisutti ADWUIn haala, sirnaafi kaayyoo ittiin ijaaramerraa maqaa (goraa) dhufee sadarkaa dimokraasii gatuurra qaqqabe. Waanti dimokraasii jedhamu ADWUI waggoota 27f biyya hoggane keessa hinturre. Sirni sun kan ture humnaani. Namoonni cimina qaban siyaasa walitti fidanii (suphanii) tursiisan. Dhaabota sana dimokraasiin walitti hidhee hintursiisne. Rakkoolee mul’atan keessaa tokkoofi inni guddaan dimokraatawaa ta’uu dhabuudha. Lammaffaan ADWUIn hammataa hinturre. Naannolee sagal biyyattiin qabdu keessaa naannolee shan keessatti otoo miseensaafi ijaarsa hinqabaatiin maqaa deggartummaan bulchaa ture.
Dhaabbileen naannolee shanan kanneen bulchaa turan ADWUI keessatti hirmaannaa hinqaban. Waa’ee biyyaa kan murteessu ADWUIdha. Waa’een biyyaa murtaa’e kun akka hojiirra oolchaniif itti himama. Malee mootummaan ykn paartiilee naannolee kanneen bulchan murtii waa’ee biyyaarratti darbu keessatti hirmaatanii yaadasaanii kennanii, hogganaafi raawwachiisaa hinturre. Kanaafuu ADWUIn hammataa akka hintaaneedha qorannichi kan agarsiisu.
Bariisaa: Dhimmi ittifayyadama afaanii hoo akkamitti ilaalame?
Doktar Taaddasaa: Kan biraa akka jiddugaleessaatti afaan yoo ilaalle ADWUIn kan hojjetaa ture afaan tokkooni. Garuu biyyi kun afaanota 80 qabdi. Saboonni afaanota biraa dubbatan ADWUI keessatti afaansaanii hintajaajilaman jechuudha. Kanaafuu karaa afaanii addichi afdaneessa hinturre. Addichi jiddugaleessummaadhaan hoggansa kennaa ture. Murtiin bakka tokkoo ka’a. Warri ittaananii jala jiran waan jedhaman fudhatanii hojiirra oolchuuf dirqama qabu. Kanaafuu yaada bakka tokko sanaa namoota murtaa’anirraa qofaa maddetu akka yaada biyyaa ta’ee fudhatamaa ture.
Bariisaa: Qajeelfamoonni adda addaa haala kamiin gadi bu’aa turan? Hubannoo gahaan uumamaa ture jechuunoo ni danda’amaa?
Doktar Taaddasaa: Iftoominni waan hinturreef tokko tokko otuma hingaliiniif fudhatee gadi dabarsuuf yaalaa ture. Waanti haala kanaan gadi bu’e ammoo hojiirra hinoolu. Waanti achi deebi’ee dhufus waan sirnaan hojiirra oole otoo hintaane gabaasa sobaati. Paartichi haala kanaan hojjetaa ture. Kun dadhabina guddaadha. Otuma kun ta’ee jiruu jijjiiramni dhufe. Bariisaa: Haalonni jijjiiamaa as mul’atan akkamitti ibsamu?
Doktar Taaddasaa: Jijjiirama kana keessatti waantota baay’eetu mul’ate. Waanti humnaan qabamee ture oggaa jijjiiramni dhufu, humni duraan walitti qabee ture oggaa irraa ka’u warra jala ture wajjin walhogganuu dadhaban. Walitti dhiyaatanii walitti dubbachuurra, walkomachuufi waldiineffachuutu dhufe. Waan biyyoota adda addaa bulchanis fakkaataa dhufan. Tasumaa waan biyya tokko bulchaa turan hinfakkaatan.
Waliigalteefi waldhageettiin hinjiru. Hundumtuu karumasaa murteessa. Kun ammoo gara sabaatti ce’uu jalqabee gara waldiineffachuutti seename. Haalonni ammaan tana asii achi mul’ataa jiranis kanumarraa kan maddaniidha. ADWUIn haala kanaan yoo ittifufe biyya diiga.
Kanaaf addi diigame kun deebi’ee ijaaramuu qaba ykn paartiileen kunniin adda ta’anii naannoo naannoosaanii bulchaa ittifufuu qabu. Kanaan ammoo mootummaa tokko ijaaruu hindanda’an. ADWUIn haala keessa tureen ittifufuu hindanda’u. Ijaarsi ture jijjiirama kana wajjin kan deemu miti.
Bariisaa: Qorannoon adeemsifame yeroosaa kan eeggateedhaa? Yaadni guduunfaa qorannichaa hoo maal ture?
Doktar Taaddasaa: Qorannoon kun iddoofi yeroo murteessaatti kan geggeeffameedha. Addichi diigamee irra haala biraatiin ijaaramuu akka qabuudha yaada guduunfaa qorattootaa kan ture.
Bariisaa: Deebisanii ijaaruu kanarratti waliigalteen wajjummaa akkam ture? Hubannoo dhabuurraas ta’uu malaa walitti makamuurratti shakkiiwwan tokko tokkos ni jiruutii asirratti maal jettu?
Doktar Taaddasaa: Asirratti waantota lamatu jiru. Jijjiirama keessa jirra. Jijjiiramni yeroo mara shakkii wajjin jira. Ofuma kee of jijjiiruu yoo barbaadde adeemsa sana keessa of shakkita, akkuma dhuunfaattuu. Kanaafuu jijjiirama keessa shakkiin inuma jira. Walitti dhufuun kun ammoo jijjiirama jijjiiramarratti dabalamaa dhufeedha. Otoo waanti kun hindhufiin dura hamiiwwan danuun ka’aa turan.
Bariisaa: Qorannoon geggeessitan dhiibbaarraa hammam bilisa ture?
Doktar Taaddasaa: Qorannicha dhiibbaa siyaasaa tokko maleedha kan geggeessine. Qorannichaan siyaasa keesse seennee tokko deggaruuf ykn kan biraa mormuuf miti kan adeemsisne. Jalqaba maal akka qorannu dura taa’aafi ittaanaa dura taa’aa addichaatiif dhiyeessine. Isaan ilaalanii dura taa’ota dhaabbilee obbolaa afranitti dabarsan. Ittaansees dura taa’ota paartiilee deggartootaatiif dhiyaate.
Haaluma kanaan sadarkaasaa eeggatee gadi bu’aa dhufee raawwachiistuu hojii bira qaqqabe. Raawwachiistonni hojii paartiilee obbolaa ADWUIfi deggartootaaf qofa qofaatti dhiyeessinee irratti falmaniiru, mari’ataniirus. Waan hingalleef akka ibsinuufiif nu gaafachaa irra deddeebi’aniis ilaalaniiru. Sana booda koree jiddugaleessaa ADWUIf dhiyaate.
Isaanis irratti falmaniiti akka ADWUItti murteessuuf kan walitti dhufan. Adeemsa kana keessa waan hingalleef sirriitti gaafataa turan. Yaadaafi gaaffii dhiyaaturraa ka’uun waan sirraa’u fudhannee sirreessaafi qulqulleessaa dhufnee dokumantii hojiinsaa xumurame galchine.
Yeroo kana akkaataa isaan walitti dhufuu danda’anirratti filmaatawwan lama sadii keenye. Kanarraa ka’uun shakkiiwwan ka’aa turan maraaf deebiin kennameera. Namni shakkii kaase sun amma amanee akkanaan deemsisa jedhee fudhatutti akkaataa ta’uu danda’uun, eenyuyyuu akka shakkuu hinqabneefi hundumtuu itti amaneef akka deemuuf itti deemnee hunduu karaa iftoomina qabuun akka fudhatu taasifame.
Nuti hojii saayinsaawaa hojjenne. Gama siyaansaawaatiin isaantu qofaatti mari’ata. Nuti siyaasaa keessa hinseennu. Korichi siyaasarraa bilisa. Akka saayinsiisaatti siyaasni biyya kanaa jabeessee akka deemu, sirni federaalizimii amma jiru sabdaneessa, afdaneessa akka ta’u ifatti itti amananiiru.
Bariisaa: Korichi sirna dimokraasii biyyattii akkamitti ilaale?
Doktar Taaddasaa: Gama dimokraasiitiin caasaan achirra taa’e dimokraatawaa akka ta’e, gaaffii ummataa haala cimina qabuun deebisuuf, kanaan dura gaaffii ummataa karaa ciccitaa ta’een deebisuuf yaalaa turan.
Fakkeenyaaf ummanni Oromoo gaaffiilee danuu qaba. Gaaffiileen akka deebii argataniif gaafatamaa kan ture DhDUO ture. Dhaabbatichi ammoo gaaffiilee deebisuuf warra kaan (ABUTfaa) amansiisuu qaba ture. Akkaataa warri kaanis gaaffiin Oromoo kan kooti jedhanii fudhataniin itti deemuu qaba ture. Akkaataan gaaffiin ummataa itti deebu’u caaseffamuu qaba ture.
Bariisaa: Paartii Badhaadhinaa keesssatti gama ittifayyadama afaaniitiin kaa’ame akkamitti ibsitu? Waa’ee mirgoota biroorratti hoo maal jettu?
Doktar Taaddasaa: Paartiin kun afaanota shaniin akka hojjetu waliigalame. Sana ammoo booda mootummaa fudhatee akka ittiin hojjetu. Paartiin kun mootummaa miti. Mootummaan sirna federaalaatiin hogganama. Paartichis sana kabajee mirgoota achi keessa jiran tokkollee otoo irraa hinarcaasiin guutummaatti fudhatee hojiirra oolcha.
Mirga nama dhuunfaa, kan garee fudhatee hojiirra akka oolchuuf, mirgi sabootaafi sablammootaa, kan durii caalaa akka kabajamuuf, gaaffiin sabootaafi sablammootaa akka deebi’uuf, ofiin of bulchuun sabootaa kan kanaan duraa caalaa jabaatee akka deemuuf, sirni federaalizimii kan kanaan duraa caalaa cimee akka deemuu danda’urratti ifaan waliigalaniiru.
Bariisaa: Oggaa qorannoo kana geggeessitan walitti makamarratti waanti akka yaaddootti ka’e hinturree?
Doktar Taaddasaa: Dhimma kanarratti naannolee Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz, Affaar, Somaaleefi Hararii waanti akka yaaddootti kaasan tureera. Kun sirna dimokrasiiti. Yoo sirni dimokraasii sirriitti hojiirra oole paartii kana keessatti bakka hoggansaas ta’u hirmaannaan saboonniifi sablammoonni paartii kana keessatti taasisan akkaataa baay’inasaaniitiin ta’a. Akkaataa baay’inaatiin yoo ta’e saboonni baay’ina xiqqaa qaban bakka dhabnaa akka yaaddootti kaasaniiru.
Bariisaa: Sirna mootummaa Paartiin Badhaadhinaa hordofurratti hoo paartiilee deggartootaa shakkii hinqabaniiyyuu?
Doktar Taaddasaa: Kan odeeffamaa ture sirni mootummaa Itoophiyaa federaalizimiirraa gara sirna wiirtawaatti deema kan jedhuudha. Gara wiirtawaatti yoo deeme mirga ofiin of bulchuu keenya nu hindhowwatuuyii yaada jedhus kaasaniiru. Adeemsa keessa sirnichi gara sirna wiirtawaatti akka hindeemne amananiiru.
Sirni biyyattiin hordoftu akka wiirtawaa hintaane heerichi durumaa hidheera. Paartiin tokko lafumaa ka’ee har’uma nan jijjiira jechuu hindanda’u. Fuularattis kana kan murteeffatu saba malee paartii miti. Otuma fedha qabaatee sirna wiirtawaan hordofa yoo jedhe kana gochuu hindanda’u. Kanarrattis walamananiiru.
Bariisaa: Dhimma aangoon akka baay’ina ummataatti jedhuuf deebii akkamiitu kenname?
Doktar Taaddasaa: Dhimma bakka dhabnaarratti tokkoffaa kun sirna dimokraasiiti. Dhugaa jiru amananii fudhachuun gaariidha. Oggaa dhugaatti amannu ammoo waan biyya kan qabatamaan haala biyya kanaan kan ibsu ta’uufi fakkaachuu qaba. Kana keessatti sabni ummata danuu qabu jira. Sabni danuun kun isa muraasa hammatee deemuu qaba. Fakkeenyaaf Oromoon harka 20 yoo ta’e inni sun akka harka duwwaa hintaaneef dhibbantaan murtaa’e kan biraarraa itti dabalamuu qaba. Caasaan hojjetames kana akka raawwaturratti waliigalameera.
Bariisaa: Filannoorratti dorgommii paartii akka biyyaatti maqaa tokkoon socho’uufi kan maqaa sabaatiin socho’u jidduuttu taasifamu akkamitti ibsitu?
Doktar Taaddasaa: Paariin tokko akka biyyaatti maqaa tokkoon waan socho’uuf filannoorratti kanneen maqaan sabootaatiin socho’an wajjin dorgomuurratti fudhatama nu dhabsiisinnaa kan jedhu paartii adda addaa biraa ka’eera.
Caaseffama kana keessatti kan ka’e tokkoffaa ummanni kan barbaadu maqaa qofa otoo hintaane gocha. Paartiin kamuu sagantaa ummata jijjiiru yoo qabaate hawaasichaan ni filatama. Paartiin tokko waan maqaa sabaa qabatee socho’eef qofa miti kan filatamu.
Paartiin Badhaadhinaa caaseffamasaatiin maqaa naannolee hinganne. Fakkeenyaaf Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa, Somaalee, Affaar… jedhee waan of waamamuuf maqaan sun wajjummaan jira. Kanaaf filannoorratti sababa maqaatiin waanti inni dhabu hinjiru.
Kaninni sagalee dhabuu malu yoo waan ummatatti abdii horu qabatee hindhiyaanne qofa. Waan sabni ilaalee dhaggeeffatee kun na jijjiira, gaaffii koo naa deebisa, mirga koo naa eegsisa, iddoon ani biyya kana keessatti qabu naa eegsisa jedhee qabatee hindhiyaatu taanaan ni kufa.
Kanneen qabatee dhiyaannaan garuu hinkufu. Paartiin kamuu akkuma kana. Waan ummata jijjiruu danda’u, fayyadu, itti amanu qabatanii dhiyaachuudha murteessaan. Kanaan achi maqaadhumaan sossobanii deemuu har’a ummanni hinfudhatu. Kanaaf of jijjiiranii dhiyaachuun barbaachisaadha.
Hojiidhabdummaa, dinagdee guddisuu, misooma babal’isuu, nageenya mirkaneessuu walumaagalatti sagantaa qabatee dhiyaate kamuu ni filatama. Kanas itti amananiiti kan deeman. Waantota muraasa akka shakkiitti ka’anirratti ibsi ga’aan kennamee irratti waliigalameera.
Bariisaa: Aangoon akka baay’inaatti qoodama jechuun saboota tokko tokko biratti Oromoon aangoo of harka tursiisuuf kallattiin kaa’ame jedhamaatii kana akkamitti ibsitu?
Doktar Taaddasaa: Kunis shakkiidha. Akkuma irranatti eerre adeemsa jijjiiramaa keessa shakkiin ni jira. Oromoo ta’e saboota biroo bira shakkiin ni jira. Waanti Oromoo jedhu kan biraa, waanti sabni biraa jedhu kan biraati. Kun waa’ee mootummaati. Kan dhimma kana hidhus sirna mootummaati. Heerri biyya kanaa akka sirna pirezidaantummaa miti. Paartiin kamuu socho’uu kan danda’u yoo heera biyyattii kabaje qofa.
Paartiin tokko lafumaa ka’ee heera jijjiiree sirna pirezidaantummaa taasisa jechuu hindanda’u. Ministirri muummee keenyas kana gochuu hindanda’an. Paartiin kamuu yoo dhufe haala heerri abboomuun biyya bulcha. Bakka heerri hinjiiramnetti seerri jijjiiramu hinjiru.
Kan hordofaa jirru sina dimokraasiiti. Dimokraasii jechuun qajeelfma isa baay’ee jechuudha. Isa baay’ee ykn maajooriitii jechuun yaadaan olaantummaa kan qabu, yaada caalaaafi gaarii kan fide. Kan yaada gaarii fide Oromoo ta’uufi dhiisuu miti. Doktarri Abiyyi maaliif saboota biyyattii biraa deggarsa argatan? Yaada gaarii fudhatama qabu qabatanii waan dhiyaataniifi, malee waan Oromoo ta’an qofaaf miti.
Boru Somaalee keessaa ka’ee yaada Oromoos ta’e saboota biyyattii fayyadu qabatee yoo dhufe sabummaasaa qofaan otoo hintaane yaada qabatee dhiyaateen ummanni ni filata. Kanaaf namni baay’een kan filatamu qaama yaada gaarii qabatee dhiyaateedha.
Kun ammoo adeemsuma sirna dimokraasiiti. Oromoo ykn waan saba biraa ta’eef ni filatama jechuun ilaalcha kanaan dura tureedha. Oromoos ta’e sabni biraa kan isa fayyadu filata malee waan miseensa sabasaa ta’e qofaaf filata jedhamee hin yaadamu. Yaandi namaa jijjiirama wajjin geddarama.
Kanaafuu sabuma kamuurraayyuu dhufamee ministira muummee ta’uun ni danda’ama. Kan barbaachisu yaada gaarii saba guddaa qabachuu qofa waan ta’eef. Biyya kanatti Oromoon baay’inaan saba guddaa waan ta’eef yaadni saba guddaa kana hinfayyadne kamuu hinfilatamu.
Biyya kanatti sirni dimokraasii lafa qabannaan Oromoon waan dhabu hinqabu, baay’ee waan ta’eef. Saboonni biroos ta’an Oromoon baay’ina kanatti fayyadamuu kan danda’an yoo waan Oromoo fayyadu qabatanii dhiyaatan qofa.
Bariisaa: Walitti makamuun kun yeroo kanatti raawwatamuusaa kan qeeqan jiru, kuun ammoo amma ta’uun sirruma jedhuutii isin akka hayyuu dhimmicha qorateetti maal jettu mee?
Doktar Taaddasaa: Otoo ADWUIn haaluma gaafa duraatiin biyya kana ni ceessisuu danda’a ta’eetii walitti makamuun otoo yeroo biraa ta’ee gaarii ture. Garuu ADWUIn sadarkaa diigamuurra gaheera (dhaabateera).
Waan dhaabateef ammoo gara fuulduraatti tarkaanfachuu hindanda’u. Haala qabatamaa keessa tureen isa hindeemsisu, kan biyya kana hogganaa ture isa waan ta’eef. Dhugaa dubbachuuf otoo paartiileen walitti dhufanii jijjiirama kanarratti wajjummaan hojjechuu hinjalqabne ta’eetii yoona kana biyyattiin waan biraa keessa seentee turte. Gamaa gama dhaabatanii walitti dhukaasuu jalqabaniiru. Garaa garummaan ODPfi ADP jidduu ture daran guddaa ture.
Jarri walhinbeekan jechuun ni danda’ama. Karaa keessaa walirratti hojjetaa turan. Keessumaa ABUT adda baheera. Haala kanaan eessayyuu qaqqabuu hindanda’an ture. Kanaafuu walitti makamuun kun dhimma filannaaf dhiyaatu miti. Filannoo dirqamaan itti seenameedha. Kanarraa ka’uun turuu qaba tureen hindeemsisu. Kana dura ta’uu qabaayyuun sirriidha. Garuu fuulduratti tarkaanfachuu waan hindandeenyeef sun hintaane. Filannoon ture adda bahanii naannoo naannoosaanii bulchuu ykn ammoo yaada haaraadhaan walitti dhufanii ce’anii biyya ceesisuu ture.
Qorannoon adeemsisnes kanuma agarsiise. Kun waan filmaata hinqabne, waan yeroo biraatti dabarsee amma kana hojjenna jedhanii bira taran miti. Sababiinsaas ka’umsumti rakkina sanaayyuu kana waan tureef. Hundeen rakkoo ka’aa turee ADWUIn haala sanaan ijaaramuusaati. Gamaa gamana dhaabatanii dhagaa walitti darbachuu eegaluusaaniiti hundeen rakkinichaa. Kanaafuu qorannoon sun walitti dhufuun kun akka furmaata ta’uudha kan eere.
Bariisaa: Kanaaf walitti makamichi yeroo murteessaatti raawwatame jechuudhaa?
Doktar Taaddasaa: Eeyyee, yeroo murteessaatti raawwatame. Haallisaas dirqisiisaa ture.
Bariisaa: Dhimma kanarratti hubannoo hawaasaa caalaatti cimsuuf haala kamiin hojjetamuu qaba jettu?
Doktar Taaddasaa: Adeemsa jijjiiramaa keessatti harcaatiin akkanaa ni uumama. Qabiyyee akeeka walitti makamichaa si’aayinaan ummata biraan gahuun hindanda’amu. Otoo qorannoon hingeggeeffamiin dura waa’een walitti makamuu kun bal’inaan dubbatamaa ture. Ija shakkiitiinis ilaalamaa ture.
Fakkeenyaaf ummanni Oromoo, “Kun dhoksaadhaan gara sirna mootummaa waalta’aatti nu deebisuufi. Gaaffiin Oromoo kana keessatti deebi’uu hindanda’u” jechuun karaa miidiyaalee idileefi hawaasaa bal’inaan ka’aa ture.
Namoonni adeemsa siyaasaa kana mormanis jiru. Kunis ummata biratti shakkii uumeera. Karaa biraa ammoo jijjiirama keessa jirra. Jijjiiramni kun waan dhabsiisu qaba. Inni ummata hiraarsaafi dhiigasaa xuuxaa ture jijjiiramaan of golgee waa’eesaa kan odeessu jira. Afaaniin odeessa malee keessi nama kanaa garuu hinjijjiiramne. Ummanni oggaa kana argu ni shakka. Shakkii guddaan kan jiru caasaa ODP keessa; keessumaa caasaa gara gadii bira.
Caasaan dakaa mataansaa shakkii keessa jira. Ummata biratti fudhatama hinqabu. Caasaan kun otuma ummanni iyyuu qabatee deemaa jira. Fedhii ummataa guutuuf ammoo kana harcaasaa deemuun dirqama. Kunis ummata biratti shakkii guddaa uumaa jira. Ummanni nama caasaa sana keessa jiru ni amana. Namumti caasaa sana keessatti hojjetaa ture deebi’ee adeemsicha ija shakkiitiin oggaa ilaalu shakkii ummataa ni cimsa.
Shakkii kana qulqulleessanii hubannoo gadifageenya qabu uumuun daran barbaachisaadha. Paartichi maal qabatee akka dhufe qabatamaan ummatatti agarsiifamuu qaba. Yoo akkas ta’e ummanni fudhatee waljalaan amanaa deema. Keessumaa ummanni bal’aan sadarkaa gadii jiru dhimma kanarratti hubannoo hinqabu.
Namoonni baay’een akka dhuunfaatti bilbilanii na gaafatan jiru. Ummanni mormuuf otoo hintaane hubachuuf gaafachaa jira. kanarratti inni ummata bira jirus waliin dhaha. Kanarraa ka’ee ni shakka. Hanga iftoominni hinuumamnetti shakkuunsaammoo sirriidha. Kanaaf paartiin haaraa dhaabbate kun sirnaan of beeksisuu qaba.
Bariisaa: Paartiin walitti makama kana hinfudhanne akkam ta’a waan jedhurratti qorannoo keessaniin waanti eerame jiraa?
Doktar Taaddasaa: Dhimma kanarratti keessumaa ABUT wajjin bal’inaan mari’anneerra. Koree raawwachiistuu hojiifi jiddugaleessaa addichaa wajjin oggaa sanadoota adda addaa dhiyeessinuuf yeroowwan lamaa sadii mari’anneerra. Qorannicha itti amanu, ni fudhatus. Qabiyyee qorannichaarrattis falmii hinqaban. Akkana akkas ta’uu qaba jedhanii yaadas kennaa turaniiru.
Bariisaa: ABUT akka addaatti waan kaase qabaa?
Doktar Taaddasaa: Ayidiyolojiirratti waan kaasan qabu. ‘Abiyootaawwii dimokraasiin’ sagantaa paartii kanaa ta’uu qaba jedhu. Nuti paartiin ayidiyolojii qabaachuu qaba jenna malee sana, kana hinjennu. Nuti akka qaama dhimma kana bilisa ta’ee qoratuutti isa keessa hingallu. Kun siyaasa waan ta’eef isaantu waliigalee godhata.
Isaan garuu yaada abiyootaawwii dimokraasiin qaama sagantaa paartii haaraa ta’uu qaba jedhu kaa’u. Gama kaaniin ammoo abiyootaawwii dimokraasiin mataansaa meeshaa cunqursaan ittiin geggeeffamaa ture waan ta’eef as keessa galu hinqabu yaadni jedhu ka’aa tureera. Kana keessa egaa yoo sagalaeedhaan caalamtee ni mo’amta.
Akka natti fakkaatutti warri ABUT dhimma kanarratti sagaleedhaan caalamaniiru. Yaadni isaan dhiyeessan warra deggartootaatiinillee fudhatama hinarganne. Dimokraasiin yaada caalmaa qabutti amanuudha. Akka sirna dimokraasiitti sagaleedhaan caalamnaan fudhatanii deemuu malee sirrii miti jedhanii bahuun dogoggora. Garuu yaada ofii qabatanii bahuun mirga. Seerri ittiin bulmaataa ADWUI keessatti miseensi ADWUI tokko yeroo barbaade bahuu akka danda’u ifaan eerameera. Yaadasaa qabatee bahuun dhiibbaa fidu hinqabu.
Bariisaa: Walitti makamuun kun filannoo booda hinqaqqabuuyyuu?
Doktar Taaddasaa: Otoo haalli gaariin jiraatee filannoo booda ta’uun rakkoo hinqabu ture. Hojii paartichaa salphisuufillee isa wayya ture. Haaraa waan ta’eef of beeksisee filannoof qophaa’uu qaba. Garuu haala biyyis ta’e paartichi keessa tureen filannoofuu dhiyaachuu hindanda’an. Haala duraan keessa turaniin waantumti filannoo jedhamuu yaadamuus geggeeffamuus hindanda’u.
Sababiinsaas waraana keessa seenaa turanimee. Kana ibsa walirratti baasaa turanirraa hubachuun ni danda’ama. Otoo haala sanaan ittifufaniiru ta’ee filannoon haa hafuutii biyyumtuu ittifufuu hindandeessu ture. Paartichi haaraa waan ta’eef of jijjiire, dirqama guddaa keessas gale. Of beeksisee filannoo keessa galuu qaba. Warri kaan waan duraan of beeksisaniif waan ta’eef waa’ee filannoo qofa kan hojjetaa jiran.
Inni kun of beeksisaa filannootti dhiyaachuuf ba’aa baatee socho’aa jira. Akkuma atuu jette otoo filannoo booda ta’ee gaarii ture. Garuu paartichi dirqameeti ba’aa kana keessa kan gale; biyya ceessisuuf. Otoo paartii biyya hogganu ta’uu baatee yeroo barbaadetti waan fedhe gochuu danda’a.
Bariisaa: Kan amma biyya hogganaa jiru Paartii Badhaadhinaati moo ADWUIdha?
Doktar Taaddasaa: Galmaa’ee waan qaama seerummaa argateef kan amma biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaati.
Bariisaa: Ida’amuun falaasama moo ayidiyolojiidha?
Doktar Taaddasaa: Ida’amuun yaada. Ingiliffaan ‘fundemental idea’ jedhama. Yaada akka duudhaatti irratti waliigalameedha. Ida’amuu kan jennu duudhaa sana. Ida’amuun sammuun keenya keessa taa’ee akka qajeelfamaatti nama dhuunfaarraa kaasee dhimma hanga biyyaalessaatti deemuudha. Aniifi obboleessi koo ni milkoofna yaada jedhu qabachuudha. Akka biyyaattis saboonni walitti dhufanii milkaa’u. Yaadni kun paartiilee kaanis ni fayyada.
Akka addunyaattis biyyoonni walitti dhufanii milkaa’u. Ida’amuun yaada nama hunda qajeelchu jechuudha. Ayidiyolojiin siyaasaa garuu as keessaa baha malee ida’amuun ofiisaa ayidiyolojii miti. Garuu hundee ayidiyolojiiti. Paartiin kun kaappitaalizimii hordofa.
Bariisaa: Paartiin Badhaadhinaa afaanota ittiin hojjetu baay’isuusaa akkamitti ibsitu?
Doktar Taaddasaa: Paartichi afaanota adda addaa afaan hojiisaa godhachuun faayidaa guddaa qaba. Afaan saba dubbatu sana qofa otoo hintaane warra kaanis ni fayyada, gama carraa hojiifi waliigaltee babal’isuufa’iin. Biyya kanatti afaan kan walii taasisanii ilaaluurratti rakkoon haa jiraatu malee afaan beekuufi danda’uun qabeenya guddaadha. Afaan kan isa dubbatu sanaa miti. Afaan baay’eetti fayyadamuun paartiichaas waanuma gaariidha. Namoota dhuunfaatiifis carraa guddaa argamsiisa.
Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan?
Doktar Taaddasaa: Keessumaa dhimma ida’amuurratti waanuma tokko qabatani deemuurra ergaafi qabiyyeessaa hubatanii ittifayyadamuun gaariidha. Paartiileen siyaasaa Oromoo maaltu adda nu taasisa jedhanii yaadasaanii gara tokko fidanii deemuun Oromoo ceessisuuf tattaafachuu qabu. Kan Oromoo cunqursaa keessa tursiise waliigaltee dhabuu paartiilee siyaasaa Oromooti.
Rakkoo biyya kanaa furuuf Oromoon ce’uu qaba. Gaaffiileefi dhugaa jiru qabatanii walfaana deemuu qabu. Tokko keessa galchinee tokko alatti gannee eessayyuu gahuu hindandeenyu. Waan dhiisuu qabnu dhiisaa waan qabannu qabannee yaada irratti waliigallu fudhannee Oromoo ceessisuu qabna dhaamsa jedhun qaba.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
6 Comments to ““Ida’amuun hundee ayidiyolojiiti” -Doktar Taaddasaa Jaalataa”