“Dursinee alseerummaarratti waan hojjenneef baruu barsiisuun yunvarsiitichaa hingufanne” -Doktar Kallalawu Addisuu

Boongaa: Adeemsi baruu barsiisuu akka hingufanneef hordoffiin walirraa hincinne taasifamaa jiraachuu Yunvarsiitiin Boongaa ibse.

Pirezdaantii Ittaanaan yunvarsiitichaa Doktar Kallalawu Addisuu ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf dhiheenya kennanniin akka jedhanitti, hudhaaleen baruu barsiisuuf gufuu ta’an adda baasuun hordoffii taasifameen jijjiiramni quubsaa galmaa’eera.

Barataan dhaabbilee barnoota olaanaa seene kamiyyuu barnootaafi muuxannoo biyya ijaaruu danda’u akka horatuuf kan akeeke ta’us iddoowwan garagaraatti faallaa ta’ee argamaa jiraachuu kaasanii, dhaloonni barnoota ammayyaaf naamusa gaariin of hinijaarremmoo biyyaaf miti mataasaaf illee bu’aa waan hinbuusneef seermaleessummaan dhaloota dabsu akka baduuf hordoffiifi deggarsa barbaachisaa taasisaa turuu dubbatu

Akka ibsa ittaanichaatti barataan Yunvarsiitii Boongaa kamiyyuu naamusa yunivarsiitichaa hordofee baruu barsiisuu gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, kanneen faalleessanii argaman irratti ammo tarkaanfiin barbaachisu fudhatamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaattis yunvarsiitichi rakkoo tokko malee sirna baruu barsiisuu gaggeessaa jiraachuu eeranii, namuusa barattoonni eeggachuu qaban yeroorraa yerootti hordofaa jiraachuus beeksisaniiru.Keessumaa barattoonni dhiiraa surree cicciramaa uffachuuniifi  rifeensa guddiifatanii deemuun, akkasumas, qulqullina ofii eeggachuu dhabuun, naamusa faallessuurraa akka of qusatan taasifamu jedhaniiru.

Barattoonni shamarraniis uffata ciccitaa, akkasumas uffata handhuura mul’isuufi safuu faallessu uffatanii argamanaan akkaataa bulmaata yunvarsiitichaatiin kan isaan adabsiisu akka ta’e Dr. Kallalawu ibsaniiru.

Daangaan naamusaa yunvarsiitichi uffataaf rifeensa mataarratti barattootaaf baase kun barsiisotaarrattis kan hojjetu ta’uu kaasanii, barsiisaan barataasaaf fakkeenya ta’uu osoo maluu uffata aadmaleef sirreeffannaa mataa ogeessa barnootaaf hinmalle agarsiisee gufuu qulqullina barnootaati jedhaniiru.

Isa kanaaf hordoffiifi to’annoo yeroorraa yerootti taasifamuun baruu barsiisuun yunvarsiitii Boongaa gufuu tokko malee milkaa’aa jiraachuu kan himan ittaanichi

nageenya barattoota yunvarsiitichaa waaraa gochuuf sakatta’insa dijitaalaa fayyadamaa jiraachuusa ibsaniiru.Barattoonni naamusa yunvarsiitichaa faallessuuf calaqqee adda addaa agarsiisanis hordoffii hawaasa yunvarsiitichaan taasifameen to’atamanii adabbii barbaachisu fudhachuu himaniiru.

Akka Doktar Kallalawu jedhanitti, keessumattuu barattoota sanyiifi amantiin walitti buusuuf kanneen carraaqaa turan harkaaf harkatti qabuun akeekkachiisa badiisaanii madaalu kennuurra darbee hanga barnootarraa gaggeessuutti kan ga’ellee jira. Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaan barataan kamiyyuu naamusa baruu barsiisuun gaafatu mara hordofuun nageenyaan barnootasaa gaggeessaa jira. Baruu barsiisuun yunvarsiitichaa akka hingufanneef sochii hawaasni yunvarsiitichaa taasisaa jiru kan jajjabeeffamuu qabu ta’uu eeranii, dhaabbileen barnoota olaanaa biroos fakkeenyummaa yunvarsiitichaa fudhachuun barnoota qulqullina qabu kennuuf carraaquu akka qaban dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Dursinee alseerummaarratti waan hojjenneef baruu barsiisuun yunvarsiitichaa hingufanne” -Doktar Kallalawu Addisuu”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. ダッチワイフ ロリ あなたのすべての異常な欲求を満足させる3つのファジーセックス人形セックス人形で拡張現実ポルノを改善する方法は?それを保護して清潔に保つ:大人のおもちゃの衛生のための6つのヒント正確なセックス人形をどこで購入しますか?| 決定的な2019リスト

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *