“Dandeettii raawwachiistummaa dhaabbilee mootummaa dabaluun ergama keenya isa guddaadha” – Aadde Wubaamlaak Isheetuu

Finfinnee: Leenjii gaggabaaboo irraa hanga gorsaafi hojiiwwan qorannoo garagaraa taasisuudhaan waggoota 60 kan lakkofsiise Inistitiyuutiin Hoggansa Hojii Itoophiyaa (IHHI), keessattuu hanqinoota raawwachiistummaan walqabatanii dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa irratti mul’atan guutaa jiraachuun dhaabbata mootummaa isa tokkichaafi jalqabaa ta’eera.

Dhaabbilee mootummaatiif leenjiiwwan garagaraafi gorsa akkasumas, qorannoo irratti hundaa’uun caasaalee mootummaa hojjechaa kan jiru inistitiyuutichi, deggarsa ogummaa hanga ammaatti kennaa tureen bu’aan qabatamaa mul’achaa jiraachuu Daarektarri Inistitiyuutichaa Aadde Wubaamlaak Isheetuu Gaazeexaa Bariisaaf ibsaniiru.

Haala qabatamaa yeroo ammaa akka biyyaattis ta’ee addunyaatti jiruun dhimmi yeroo yerootti dandeettii fooyyessuu xiyyeeffannoo guddaa argachaa kan dhufe ta’uu eeranii, kun immoo barbaachisummaan misooma hoggansa hojii daran kan dabalu ta’uu dubbatu.

Hojiin misooma hoggansa hojii haala qabatama amma biyyattiin keessa jirtutti dachaan dabalaa dhufuusaatiin inistitiyuutichi qofaasaa fedhii jiru hunda guutuun akka itti ulfaatu kaasanii, dhaabbatichi dhaabbata misoomaa mootummaa ta’us dursa garuu dhaabbilee mootummaatiif kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Akka Aadde Wubaamlaak jedhaniitti,  tajaajila leenjii , gorsaafi qorannoo kennuu qofa osoo hintaane haalli bu’a qabeessummaa tajaajilichaa itti hordofan uumameera. Haa ta’uu malee, inistitiyuuticha caalaa dhaabbileen tajaajila inistitiyuutichaa argachaa jiranis yeroo yeroon bu’aa leenjichaan argame madaaluun hammam bu’aa qabatamaa akka argatan baruu qabu.

Hojii hanga ammaatti hojjatameen dhaabbilee mootummaatiifis ta’ee miti mootummaatiif deggarsa ijaarsa dandeettii, tajaajiloota raawwii si’eessaniifi omishtummaa dabalan kennuufi leenjiiwwan dorgommii gabaa Adunyaatiif gargaaran adda addaa kennamaa turuu ibsaniiru.

Itoophiyaa bira darbuun yeroo ammaa dhaabbilee Idil Addunyaa waliin hojjachuun kan eegalame yemmuu ta’u, Baankii Addunyaa waliin ta’uun leenjii bittaafi dhiheessii Biyyooleessaa irratti, akkasumas dhaabbata biyya Kanaadaa Kowatarsi jedhamu waliinis hojii riifoormii irratti leenjiin kennamaa jiraachuus himaniiru.

Dhaabbilee idil Addunyaa qofa osoo hintaane, dhaabbilee dhuunfaa biyyattii keessatti argaman waliinis qindoominaan hojjachuu eegaluusaanis Aadde Wubaamlaak dubbataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

3 Comments to ““Dandeettii raawwachiistummaa dhaabbilee mootummaa dabaluun ergama keenya isa guddaadha” – Aadde Wubaamlaak Isheetuu”

  1. Pingback: burn-out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *