Labsiin taaksii ekaayizii dhiheenya kana wixineensaa qophaa’ee irratti mari’atamaa jiru meeshaalee bu’uraa kanneen akka zayitii, sukkaaraafi ashaboorratti taaksiin dabalame bakka hinjirretti daldaltootni tokko tokko daballii gatii gochaa jiraachuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Dhimmicha ilaalchisuun kaleessa miidiyaaleef ibsa kan kennan minister de’eetaan ministerichaa, Doktar Iyoob Takkallinyi, wixinee labsichaatiin dhiheenya kanaatiin ilaalchootni dogoggoraa uumamaa jiraachuu ibsu.
Konkolaataanis walqabatee daballiin taaksii taasifame akka waan mootummaan maallaqa guddaa funaanuuf yaadeetti wanti dhihaate sirrii miti jedhanii, kaayyoon labsichaa konkolaataa moofaa irra haaroofti gara biyyaatti akka galu yaadamee akka ta’e dubbatu.
Konkolaattotni yeroo ammaa gara biyyaatti galaa jiran giddugaleessaan kanneen waggoota saddeetii hanga 10 tajaajilan ta’uufi haala kanaan ittifufnaan biyyattiin iddoo konkolaataa moofaan itti gatamu akka hintaaneefi taaksiin guddaan kan isaanirratti buufame ta’uus himaniiru.
Konkolaattotni haaraan immoo baay’inaan akka galaniif taaksiin kanaan dura irra ture dhibbantaan 35 gara shaniitti gadi bu’uusaas dubbataniiru.
Haala kanaan immoo garaa garummaan gatii konkolaataa haaraa hanga qarshii kuma 250tti gadi hir’isuu akka danda’uufi kun immoo garaa garummaa gatii isa haaraafi moofaa gidduu jiru kan walitti dhiheessu ta’uu kaasaniiru.
Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaallamu taaksiin eksaayizii maallaqa guddaa funaanuu caalaa rakkoolee hedduuf furmaata waaraa ta’uus eeraniiru. Labsiin kunis dhiheenyatti mana marichaatiin ragga’ee hojirra kan oolu ta’uu Doktar Iyoob dubbataniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
4 Comments to “Taaksiin Meeshaalee bu’uraarratti dabalame hinjiru”