Tarkaanfiin qaamolee nageenya yunvarsitiiwwan booressan irratti fudhatamu ittifufa

Finfinnee: Rakkoo nageenya yunvarsitiiwwan gara garaa keessatti uumameen lubbuun barattootaa darbeera; miidhaan qaamaas qaqqabeera. Sababuma kanaan yunvarsitiiwwan 22 keessatti hojiin baruu barsiisuu yeroowwan adda addaatiif addaan citeera. Barattootni hedduunis barumsasaanii addaan kutaniiru.

Nageenyi yunvarsitiiwwanii Poolisii Federaalaatiin akka eegamu taasifamus ammayyuu darbee darbee rakkoon nageenyaa dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti mul’achaa jira. Tarkaanfiin pirezidaantota, barsiistota, hojjettootaafi barattoota nageenya booressuu keessatti hirmaatanirratti fudhatamus ittifufeera akka Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa ibsutti.

Madda rakkoo nageenya yunvarsitiiwwan mudatan adda baasuufi koreewwan mootummaa federaalaa, Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa, mootummaa naannoo Oromiyaafi Amaaraarraa baba’an hundaa’aniiru.

Koreewwan hundaa’anis Mudde 10 hanga 17 bara 2012tti qaamaan yunvarsitiiwwan Oromiyaa, Amaaraafi Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti argaman 22 keessatti hooggantoota, barsiisota, hojjettoota, barattootaafi qaamolee nageenya dhaabbilee nageenyaa mariisisuufi qorachuun madda rakkoofi kallattiiwwan furmaataa eeruun dheengadda Ministeera Saayisiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaatiif gabaaseera.

Ministirri ministeerichaa Pirofeesar Hiruut Waldamaariyaam akka jedhanitti, gabaasni dhiyaate rakkoolee bulchiinsa keessoofi naannawaa yunvarsitiiwwanii adda baasuun kallattiiwwan furmaataa kaa’eera. Qaamoleen dhimmichi ilaallatus yaadawwan akka furmaataatti dhiyaatan hojiirra oolchuuf qophiidha.

Pirezidaantota, barsiistota, hojjettootaafi barattoota nageenya yunvarsitiiwwanii booressuu keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu kan himan Pirofeesar Hiruut, haaluma kanaan barattoota 640 ol, barsiisota 40fi hojjettoota bulchiinsaa 240 ol irratti tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamuufi fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru.

Barattootni nageenya yunvarsitiiwwanii booressuu keessatti hirmaatan akka seera seeneetiitti tarkaanfiin barnootarraa dhorkuurraa kaasee hanga ari’uutti fudhatamaa jiraachuu kan himan ministirittiin, akkasumas pirezidaantota, barsiisotaafi hojjettoota nageenyaarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus dubbataniiru.

Ministeerichi barattoota sababa rakkoo nageenyaatiin yunvarsitiiwwan gadi dhiisanii bahan kuma 35 ol  deebisuuf hojjetaa jiraachuu Pirofeesar Hiruut himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

5 Comments to “Tarkaanfiin qaamolee nageenya yunvarsitiiwwan booressan irratti fudhatamu ittifufa”

  1. Pingback: situstoto
  2. Pingback: visit site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *