Sodaawwan filannoo biyyaalessaa marsan ittisuuf walta’insi muteessaadha

Finfinnee: Filannoon waliigalaa biyyaalessaa marsaa 6fa barana adeemsifamu, kanneen kanaan dura gaggeeffamaa turanirraa maddi aangoo ummata ta’uu mirkaneessuuf paartiin biyyattii gaggeessaa jiruufi paartiileen morkattootaa waliigalteerra gahaniiru.

Rakkooleen yeroo filannoo duraa, wayita filannoofi filannoo booda uumamuu malan gara jeequmsa hinbarbaachisnetti geessuu waan danda’aniif, gamanumaan irratti hojjetamuu akka qabus gaafataniiru. Sodaawwan jiranis ittisuuf yaada furmaataa ta’a jedhanii itti amanan kennaniiru.

Ittigaafatamaan sabqunnamtii Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, ijaarsa sirna dimokraasii caalaatti hundee hinsochoonerra dhaabuuf  filannoo marsaa 6fan akkuma biyyaattuu murteessaadha. Kana gochuuf ammoo adeemsa filannichaa mara karaa bilisaafi haqaqabeessa ta’een raawwachuufi raawwachiisuun yoo danda’ameedha.

Sirni filannoo kamuu adeemsfamu bilisaafi haqaqabeessa jedhamuuf yoo xiqqaate qajeelfamoota afur guutuu akka qabus  dubbataniiru.

Kunneenis paartiileen morkattootaa mirga heeraan kennametti fayyadamanii bilisaan kaayyoofi sagantaasaanii ibsachuu, lammiileen dhiibbaa tokko malee paartii barbaadan akka filataniif  haala mijeessuu, raawwachiistonni sirna filannoo loogii kamirraayyuu bilisa akka ta’an gochuufi haalli kenniisaafi adeemsi lakkaawwii sagalee iftoomina yoo qabaateedha jedhan.

Kallattiilee kanaan jalqabbiin jiru gaariidha kan jedhan Obbo Mulaatuun, gama nageenyaatiin garuu sodaan jiru yaaddessaa ta’uu kaasaniiru. Keessumaa godinaalee Oromiyaa Lixaafi Gujiitti ummatni bilisummaadhaan hojiisaa hojjetachaa waan hinjirreef filannoo walabawaa adeemsisuun ulfaataadha jedhan. Kanaafis mootummaan hoggansa koomaandi poostii godinaalee kanneenirraa kaasuu qaba jedhan.

Pirezidaantiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Doktar Dassaalany Caannee gamasaaniin akka dubbatanitti, sirni filannoo marsaa jahaffaa barana adeemsifamu carraa lammiileen biyyattii qaban kan murteessu waan ta’eef, milkaa’inasaaf paartiileen morkattootaa, waldaaleen siivikiifi kutaaleen hawaasaa marti itti gaafatamummaa waliinii akka qaban haalaan hubachuu qabu. Adeemsi filannichaas walabaafi haqaqabeessa ta’e, akkasumas fedhiin ummattootaa inni dhugaan akka mo’atu gochuuf hunduu walta’insaan hojjechuu qabas jedhan.

Sirna filannoo baranaa nagaafi haqaqabeessa, akkasumas dimokiraatawaa akka ta’uuf paartiin biyyattii bulchaa jiru waadaa yaa seenu malee wantootni akka sodaatti ilaalaman hedduu ta’uusaaniis dubbataniiru.

Kanneen keessaas walabummaan qaamolee nageenyaafi haqaa akka paartiisaaniitti isaan shakkisiisaa akka jirus eeraniiru. Kunimmoo waldhabdee sirna filannoo duraa, wayita filannoofi filannoon boodaa uumamuu malan karaa nagaan furuurratti dhiibbaa uumuunsaa waan hinoolleedha jedhan.

Kanaafis mootummaan keessumaa poolisiin, raayyaan ittisa biyyaafi abbootiin seeraa dhiibbaa tokko malee itti gaafatamummaasaanii akka bahataniif hojjechuu qabu. Rakkoolee nageenyaa iddoowwan gara garaatti uumamaa jiran furuufis  paartiilee morkattootaa waliin hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Durataa’aan Paartii Bilisummaafi Walqixxummaa Doktar Abdulqaadir Adam ammoo filannoon waliigalaa barana adeemsifamu hundarra lammiilee Itoophiyaaf murteessaa ta’uyyuu rakkoon nageenyaa iddoowwan hedduutti mudachaa jiran kan nama yaaddessaniidha. Kunimmoo yeroo hafe keessatti paartiileen morkattootaa kaayyoofi sagantaa qaban ummataaf akka hinibsanne taasisaa  jira jedhan.

Bakka rakkooleen nageenyaa jiranitti ammoo filannoo waliigalaa sadarkaasaa eeggate adeemsisuu yaa turuutii waa’ee bulchiinsa ummataa yaaduun ulfaataadha jedhanii, sirni filannoo baranaa kun bara dhufutti akka ce’uuf yaada galtee dhiyeessuusaanii dubbataniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa garuu dheeressuurraa kan hafe bara dhufutti ceesisuun faallaa heera RFDI ta’uu waan beeksiseef fudhachuusaanii ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa barana adeemsifamurratti paartiileen morkattootaa hundarra waa’een nageenyaa, walabummaan qaamolee nageenyaafi manneen murtii sirreeffamuu akka qabu gaafataniiru. Isaanis walta’insaan qoodasaanii bahachuuf qophoofneerra jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

4 Comments to “Sodaawwan filannoo biyyaalessaa marsan ittisuuf walta’insi muteessaadha”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *