Barri barnootaa baranaa nagaan jalqabamee nagaan akka xumuramuuf mootummaan hawaasa wajjin ta’uun yeroo kamuu caalaa wayita gannaa qophii haalduree cimaa gochaa tureera. Seerotaafi danbiiwwan adda addaa baasuunis tattaaffii guddaan taasifameera.
Ta’us akkuma bakka booressaan jirutti qulqulluu dhuguun hindanda’amu jedhamu san ibidda qaamolee sammuunsaanii jeequmsa malee nagaa hin yaadneen Yunvarsitii Waldiyaatti qabsiifame gara yunvarsitiiwwan birootti ce’uun tattaaffiin haalduree taasifamaa ture dhaabbilee barnoota olaanaa adda addaatti akka fashalaa’u ta’eera. Sababuma kanaanis yunvarsitiiwwan 22tti hojiin baruu barsiisuu yeroowwan adda addaatti addaan citeera. Barattoonni kuma 35 ta’anis yaaddoo nageenyaatiin yunvarsitiiwwan kanneen gadi dhiisanii bahaniiru.
Walitti bu’iinsichi qabbanaa’uurra hammaachaa waan deemeef mootummaan dhaabbilee barnoota olaanaa gara tasgabbiitti deebi’uu hindandeenyerratti tarkaanfii hanga cufuutti ce’u akka fudhatu karaa ministira muummee akeekkachiisee ture.
Darbees nageenyi yunvarsitiiwwanii Poolisii Federaalaatiin akka eegamuuf kallattiin kaa’amee gara hojii qabamatamaattis seename. Bu’aan kallattii kaa’ame kanaa gara fuulduraatti kan qoratamu ta’us pirezidaantota, barsiistota, hojjettootaafi barattoota nageenya booressaa turanirratti tarkaanfiin fudhatamaa akka jiruudha Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa tibbana kan ibse.
Kanaanis akka seera seeneetiitti tarkaanfiin barnootarraa dhorkuurraa kaasee hanga ari’uutti barattoota 640, barsiisota 40fi hojjettoota bulchiinsaa 240 irratti akkasumas pirezidaantotarratti fudhatamaniiru.
Koreen madda rakkoo nageenya yunvarsitiiwwan mudatan adda baasu, kan namoota mootummaa federaalaa, Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa akkasumas naannoo Oromiyaafi Amaaraarraa babba’aniin hundaa’es qorannoo geggeessuun kallattiiwwan furmaataa kaa’eera.
Egaa barattoota yunvarsitiiwwan gadi dhiisanii bahan deebisuuf tattaaffiin taasifamu akkuma jirutti ta’ee tarkaanfii balleessitootarratti fudhatamu of eeggannaa cimaadhaan raawwatamuu qaba.
Darbees barattoonni akeeka dheeraafi fedhii barumsaa qaban gocha badii qaamoleen badii uumamiin kana caalaa akka hinmiidhamneef ilkee rakkinichaa malaan yunvarsitoota keessaa buqqisuufi dafanii qulqulleessuun gara kaayyoosaaniifi boqonnaatti deebisuun murteessaadha.
Milkaa’ina kanaatiif ammoo barattoonni akeeka qajeelaa qaban, maatiin, hawaasni naannawa dhaabbilee kanneenii jiraatu, qaamoleen bulchiinsaafi nageenyaa yeroo kamuu caalaa harka walqabatanii socho’uu qabu.
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
sm doll ダンのダッチワイフについての有名なショーについて話し合いましょう