
Finfinnee: Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaa 25 Dubaayitti carraa barumsaa argachuusaanii daarektarri mana barumsichaa ibsan.
Daarektarri mana barumsichaa Doktar Hirphasaa Caalaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, barattoonni kunniin dorgommii sadarkaa biyyaalessaatti karaa biyya Emeretoota Arabaa dhuferratti hirmaatanii mo’achuun carricha kan argatan ta’uu himaniiru.
Barattoonni kunniin qormaata carraa kanaaf isaan qaqqabsiise Yunivarsitii Finfinneetti namootuma alaatiin kan fudhatan ta’uu eeranii, barattoonni mana barumsichaa barattoota akka biyyaattti dhiyaatan danuu injifatanii carricha kan argatan ta’uu ibsaniiru.
Barattoonni kunniin bardheengadda oggaa kutaa 12fa barataa turan qormaaticha kan fudhatan ta’uu himanii, barana yunivarsitiiwwan biyyattii dda addaatti barachaa turan. Barattoota 25 kanneen keessaa 12 dubartoota ta’uus daarektarichi eeraniiru.
Barattoota carraa barnootaa argatan kanneen manni barumsichaas ta’e abbaa mana barumsichaa kan ta’e Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO) hanga dhumaatti kan hordofan ta’uus himanii, barattoonni kunniin waggoota afuriif akaakuuwwan barnootaa adda addaa kan hordofan ta’uu beeksisaniiru.
Barattoonni mana barumsichaa kanaan duras carraa barnootaa Chaayinaatti argachaa turuu eeranii, baranumallee ijoolleen afur garas deemuusaanii addeessaniiru. Manni barumsichaa Chaayiniffaa barsiisaa jiraachuus ibsaniiru.
Carraan akkanaa barattoota mana barumsichaatti kaka’umsa guddaa uumaa jiraachuus kan himan Doktar Hirphasaan, barattoonni mana barumsichaa naamusa addaafi dhiyeenyaan waan hordofamaniif barumsarratti cimoo ta’uu ibsaniiru.
Barattoonni mana barumsichaa iddoowwan deeman hundattis fakkeenyummaan kan eeraman ta’uu himanii, barattoonni kunniin abdii egeree Oromiyaafi Itoophiyaa ta’uus ibsaniiru. Carraa barattootni isaanii argatanittis guddaa kan gammadan ta’uu eeraniiru.
Barattoota kanneeniif ittigaafatamtoota hojii WMOtiin geggeessaan kan taasifameef yoo ta’u, manni barumsichaa bara 2006 irraa eegalee barattoota kutaa 8fatti qabxii olaanaa galmeessisan simatee barsiisaa jira.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
Get Unlimited Diamonds and Coins in the Weelife App
An easy way to get free diamonds in Weelife Avatar: just follow this post and
you’ll get unlimited free diamonds.
Hi there to all, how is the whole thing, I think every one is getting more
from this web site, and your views are fastidious in support of new people.
Hi, I do believe yoᥙr site may be hɑving browser compatibility
рroblems. Wһenever I taкe а ⅼo᧐k at your blog in Safari, іt
lookѕ fine һowever, іf oρening in IE, іt hаs some overlapping issues.
Ι just ԝanted tο giᴠе you a quick heads up!
Aⲣart from tһat, fantastic site!
My web site :: best jc maths tuition