
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi erga gara aangootti dhufaniin as haala dinagdee biyyattiin keessa turte fooyyessuuf sochiilee adda addaa wayita taasifaman mul’atu.
Haaluma kanaanis, biyyoota Arabaafi Awurooppaa irraa deeggarsaafi liqaa maallaqaa argachuun danda’ameera. Dhiheenya kanas Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (‘IMF’) deeggarsa maallaqaa doolaara biliyoona 2.9 Itoophiyaaf taasisuuf waliigaluu ibseera.
Waa’eedhuma deeggarsa maallaqaa argamee kanaafi sochiilee fooyya’insa dinagdee kan biraa ilaalchisuun, Waajjira Ministira Mummeetti gorsaa damee Dinagdee Doktar Namarraa Gabayyoo yaada kennaniiru.
Haaluma kanaanis liqaa ‘IMF’ irraa argame ilaalchisuun, dhaabbilee addunyaa kunneen kana dura haalduree kaa’uun deeggarsa liqaa maallaqaa kan taasisaa turan. Itoophiyaan ammoo waggaa tokko darbe keessa siyaasaafi haala dinagdee fooyyessuuf tarkaanfiiwwan jijiirama biyya keessaa jajjabeessaa jirti.
Kunis biyyattiin haalduree malee deeggarsa liqaa akka argattuuf kanneen taasisan keessaati jedhu Doktar Namarraan. Fakkeenyaaf, biyyattiin tarkaanfii dhaabbile harka mootummaa turan gara dhuunfaatti naanneessuufi hir’ina sharafa biyya alaa furan fudhachuu kan eegalte ‘IMF’ osoo hindhufiin dura kan jedhan oggeessi kun, liqaan kennames kana deeggaruuf ta’uu himan.
Itti dabaluunis, “Dinagdeen Itoophiyaa gibira walitti qabuurraa kaasee haalli bulchiinsa dinagdee guguddootti akka sharafa biyya alaatti rakkina keessa waan jiraniif kana furuun dirqama ture. ‘IMF’ ammoo kaka’umsa rakkoolee kanneenii furuuf taasifamu deegaruufi,” jedhu.
Waggoota sadiitii hanga shanii dhufan keessatti haala saffisa fooyya’insa dinagdee kan murteessu mootummaa Itoophiyaati kan jedhan Doktar Namarraan, haalduree cimaan ‘biyyattiin qabeenya humna namaa qabduufi haalawwan biraas saffisasaanii eeggachuun adeemuu qabaatu jechuun kan kaa’ee mootummaadhuma jedhu.
Gama biraatiin ammoo ‘IMF’fi Baankiin Addunyaa wayita deeggarsa taasisan iftoomina akka barbaadanis himu. “Dhugaatti jijjiiramni kun haala barbaadamuun adeemaa jiraa? Kan jedhu baruu barbaadu. Kanarratti waliin hojjatamuu danda’ama, garuu akka jedhamutti haalduree kaa’uun harka micciruuf Itoophiyaarratti humna kan qabaatan natti hinfakkaatu,” jedhu.
Kana malees, mootummaan hojiiwwan duree mataasaa adda baasuun adeemsa ifa ta’en maallaqa deegarsaan kenname galmasaa fiixaan baasuuf ittifayyadamuuf aangoo guutu qabaachuus ni dubbatu.
Waa’een bajataa yoo ka’us, waggoota 50n darbaniif kan wal falmisiisaa ture mootummaan baasii haa hir’isu kan jedhu ta’uu kaasu. Jijjiramni dinagdee amma jiru xiyyeeffannaa kan taasise dandeettii baasii hir’isuurratti osoo hintaanee dandeettii walitti qabuu gibira mootummaa cimsuurrattis jedhaniiru.
Akkasumas deeggarsi maallaqaa argame dameewwan dursi kennamuuf qaban kan akka qonnaafi turiziimii irra akka oolfamu hima. Kana malees Itoophiyaa dorgomtummaashee cimsachuun omishaalee gara biyya alaatti ergitu guddisuun hir’ina sharafaa hiikuu qabdi kan jedhan Doktar Namarraan, hiyyummaa hir’isuun dhimma dursu waan ta’eef hojii uumuufi guddina galii mirkaneessuu akka qabdus ni dubbatu.
Tarkaanffiiwwan mootummaan fudhatamaa jiran keessaa tokko kan ta’ee wixinee labsii taaksii ‘eksaazii’ dhiheenya ifa taasifamee ilaalchisees haaluma jiruun hojiirra yoo oolfame gatiin wantoota hedduu ol ka’a sodaan jedhu jira. Ammaaf dhiibbaa akkasii qabaachuu mala jechuun dubbachuun rakkisaa ta’uu himan.
Wanti kun daandiiwwan hedduu keessa darbuu qabaata kan jedhan oggeessi kun, imaammaticha baasuun kan barbaachiseef ammoo galiin mootummaan waan biyya keessa galuurraa argatu qaawwa waan qabuuf ta’uu himu.
Dhiibbaansaa hawaasa hiyyeessarra akka hintaaneef of-eeggannoon ni taasifamas jedhu. Itoophiyaan biyyaa dhiibbaan liqaa olaanaan irra jiru taatee osoo jirtuu liqaa dabalataa fudhachuun hangam barbaachisaadha? gaaffii jedhuuf oggaa deebii kennan “Inni dhiibbaa liqaa jedhamu baay’achuusaa miti. Waliigala omisha biyya keessaa wajjin walbirratti yoo ilaalamu rakkina olaanaa miti.

Ammaan tana biyyattiirratti rakkina uumaa kan jiru liiqaawwan hedduun haala dhalaa baay’ee waliin kan yeroo gabaabaa keessatti kanfalaman ta’anii dhufuusaaniiti” jedhu. Itti dabaluunis, dandeettiin daldalli biyya alaa doolaara argamsiisuuf qabu gadaanaa ta’uus eeranii, liiqaawwan dhaabbilee akka ‘IMF’, Baankii Addunyaa, Gamtaa Awuroppaafi biyyoota biraarraa argamu dhallisaanii gadaanaa ykn zeeroon kan daangeeffaman ta’auu ibsu.
Akkasumas yeroon itti deebiifamu dheeraadha jedhu. Kanaafuu liqaawwan kanaan dura Chaayinaa irraa dhala olaanaan fudhataman gara dhala gadaanaa ykn zeerootti akka geeddaramaniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbatu Doktar Namarraan.
Kaayyoon fooyya’insa dinadgee adeemsifamaa jiranii hundi omishtummaa damee dhuunfaa guddisuu ta’uus eeranii, omishtummaan damee kanaa guddatu malee carraan hojii uumuu bal’achuu hin danda’us jedhu.
Wanti guddaan Itoophiyaa hudhee qabee tokko omishtummaan damee dhuunfaa gadaanaa ta’uudha. Kanaafuu, dameewwan qonnaa, turizimii, albuuda, maanufaakchariingiifi agroo indastiriirratti xiyyeeffannaan kan kennamu ta’uu dubbatu.
Itoophiyaan ammaan tana hordofaa kan jirtu yaada ‘Ida’amu’tti fayyadamuun rakkoolee siyaasaa, dinagdee jiran hiikuu qabna jechuun ilaalcha ministirri muummeen gaggeessaniin jijjiiramni baatiiwwan 20n darbaniif biyyattii keessatti mul’atanif kan kallattiidhuma kanaan dhufe waan ta’eef fooyya’iinsa diinagdee biyyi maddisiifte kan jedhameef jechuun adeemsa biyyattiin hordofaa jiru ibsu.
Yaadni dinagdee biyya keessaa daddammaqsuu mootummaan qabaterratti hojjechaa jiru maal akka ta’e ibsu, ogeessi dinagdee kun. Wanti ijoon yaadni dinagdee biyya keessaa akka si’atu taasisu fedhiifi kaka’umsisaa kan mootummaa ta’uusaati jedhu.
Gama dinagdee isaatiin qofa yoo ilaalle wantota guguddoo sadii qabatee kan ka’edha sochiin mootummaan taasisaa jiru kun. Madaalliin Maakiroo Ikkonoomiin Itoophiyaa irra jirtu kan daran nama sodaachisuudha kan jedhan Doktar Namarraan, dhiibbaan liqaa biyyattiirra jiru, daldalli biyya alaatti ergamu akka malee gadi bu’aa deemuu, akkasumas daldalla alatti erguufi alaa galchuun walmadaaluu dhabuun sababa ijoo ta’uu eeru.
Sababa rakkoo imaammata maallaqaa biyyattiin hordofturraan kan ka’e sirni maallaqaa akka malee quucareera. Madaalliin qusannaafi invastimantii gidduu jirus daran sodaachisaa ture. Rakkoo hojidhabdummaa jiruufi qaala’insa jireenyaa yeroo ilaalamus daran rakkisaadha kan jedhan hayyuun dinagdee kun. Seektarri dhuunfaan hudhaawwan hedduutiin qabamee waan tureef wanti jajjabeessaa ture hinjiru jechuunis himu.
Kana waan ta’eef rakkoowwan kunneen ilaalcha keessa galfamanii dinagdee biyya keessaarratti xiyyeeffannoo kennuun kan irratti hojjetamaa jiru bulchiinsa Maakiroo Ikonoomii, kaka’umsa biiznasii akka uumamu gochuufi dhiyeessi humna ibsaa, loojistikiifi kanneen biroorratti fooyya’insa taasisuudha jedhu.
Gama kanaan dameen albuudaafi turizimii kanneen xiyyeeffannaan irratti hojjetamu ta’uus Doktar Namarraan himanii, liqaa jaarmiyaalee maallaqaa addunyaafi biyyoota gara garaarraa Itoophiyaan argachaa jirtu kun akka kanaan duraa malaammaltummaafi rakkoo hanqina raawwachiisuu dadhabuutiin mudatu furuufis kallattiin kaa’amuu ni dubbatu. Jijjiirama kana keessatti dhimma piraayveetaayizeeshinii qofa osoo hintaane bulchiinsa dhaabbileen misoomaa harka mootummaa jiran kanneen yeroo baay’ee malaammaltummaan guguddoon keessatti hojjetaman foyyeessuudha jedhu.
Itoophiyaan kanaan dura ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi liqaanis ta’e daldalaan Chaayinaa waliin hariiroo cimaa qabdi ture. Haata’u malee, yeroo ammaa kana keessumaa erga jijjiiramaatii as Itoophiyaan fuulashee gara biyyoota lixaafi Arabootaatti naanneffattee jirti.
Hariiroofi michummaan Chaayinaa waliinii Itoophiyaan qabdu dhumataa jiraa? Doktar Namarraan kanaafis deebii qabu. Biyyi tokko hariiroo liqaa, daldalaafi invastimantii ilaalchisuun kan hordoftu bifa lama qabaata. Kanaanis tokkoffaan babal’isuu yoo ta’u, lamaffaan ammoo hundee gadi fageessuudha.
Chaayinaa wajjin waggoota 15 darban keessa baayyee gadi fageenyaan irratti hojjetameera waan ta’eef ammas Itoophiyaan kana dhiiftee waan biraa barbaadaa hinjirtu. Kan jiru irratti dabaluufi babal’isuurratti hojjechaa jirti “Madda haaraa, michoota daldalaa biroo barbaachuurratti hojjetamaa jira. Kun dhugaadha. Itoophiyaan biyyoota lixaafi Araboota waliin hariiroo dippiloomaasii gaarii tolfachuuf hojjechaa jirti. Chaayinaan ammallee Itoophiyaarratti fedhii guddaa qabdi” jedhaniiru jechuun kan gabaase ‘BBC’ Afaan Oromooti.
Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
Мы предлагаем:ремонт бытовой техники в мск
Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!